Faarfannaa
Geggeessaa muuziqaatiif; “Abaaboowwaniin.” Yaadachiisa. Faarfannaa Asaaf.+ Faarfannaa.
80 Yaa Tiksee Israaʼel,
Ati inni akka hoolotaatti Yoseefiin geggeessitu,+ dhagaʼi.
4 Yaa Yihowaa Waaqa Raayyaa, hamma yoomiitti gara kadhannaa saba keetiitti diinummaadhaan* ilaalta?+
5 Ati akkuma nyaata isaaniitti imimmaan isaan soorte,
Imimmaan hammana hin jedhamnes akka dhugan goote.
6 Olloonni keenya nu irratti akka wal lolan goote;
Diinonni keenya akkuma barbaadanitti nutti qoosaa jiru.+
7 Yaa Waaqa Raayyaa, iddoo keenyatti nu deebisi;
Akka oolluuf, fuulli kee nu irratti haa ifu.+
8 Mukti wayinii+ Gibxii keessaa akka baʼu goote.
Saboota ariitees isa dhaabde.+
9 Ati iddoo isaaf ni qopheessite,
Innis hidda godhatee biyyattii guute.+
10 Gaaronni gaaddisa isaatiin,
Gaattiraawwan Waaqayyoos dameewwan isaatiin ni haguugaman.
12 Warri achiin darban hundi firii isaa akka cirataniif,+
Ati dallaawwan dhagaa maasii wayinichaa kan diigde maaliifi?+
13 Karkarroowwan bosonaa isa mancaasu,
Bineensonni bosonaas isa sooratu.+
14 Yaa Waaqa Raayyaa, maaloo deebiʼi.
Samii irraa gad milʼadhu, ilaalis!
16 Inni ibiddaan gubateera,+ murameeras.
Isaan dheekkamsa keetiin* badaniiru.
17 Harki kee nama karaa mirgaa kee jiru,
Ilma namaa isa ofiif cimsatte sana haa deggeru.+
18 Sana booda nuti si biraa hin deebinu.
Maqaa kee akka waammannuuf, lubbuudhaan nu tursi.
19 Yaa Yihowaa Waaqa Raayyaa, iddoo keenyatti nu deebisi;
Akka oolluuf, fuulli kee nu irratti haa ifu.+