Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa
15 Innis Magaalaa Daawit keessatti ofii isaatiif manneen ijaaruu isaa itti fufe; iddoo Taabonni Waaqa dhugaa kaaʼamu tokkos ni qopheesse; isaafis dunkaana tokko ni dhaabe.+ 2 Daawit, “Yihowaan Taabota Yihowaa akka baatanii fi yeroo hunda akka isa tajaajilan waan isaan filateef, Leewwotaan alatti eenyu iyyuu Taabota Waaqa dhugaa hin baatu”+ kan jedhe yeroo kanatti ture. 3 Achiis Daawit Taabota Yihowaa gara iddoo inni isaaf qopheessetti fiduuf guutummaa Israaʼeliin Yerusaalemitti walitti qabe.+
4 Daawit sanyiiwwan Aaronii+ fi Leewwota+ walitti ni qabe: 5 Qehaatota keessaa Uuriʼel isa ajajaa taʼee fi obboloota isaa 120; 6 Meraarota keessaa Asaayaa+ isa ajajaa taʼee fi obboloota isaa 220; 7 Geershomota keessaa Yooʼel+ isa ajajaa taʼee fi obboloota isaa 130; 8 sanyiiwwan Elizaafaan+ keessaa Shemaayaa isa ajajaa taʼee fi obboloota isaa 200; 9 sanyiiwwan Kebroon keessaa Eliʼeel isa ajajaa taʼee fi obboloota isaa 80; 10 sanyiiwwan Uuziʼel+ keessaa Aminaadaab isa ajajaa taʼee fi obboloota isaa 112. 11 Dabalataanis Daawit luboota kan taʼan Saadoqii+ fi Abiyaataariin,+ akkasumas Leewwota kan taʼan Uuriʼeliin, Asaayaa, Yooʼeliin, Shemaayaa, Eliʼeelii fi Aminaadaabiin ni waame; 12 achiis akkana isaaniin jedhe: “Isin dura buutota manneen abbootii Leewwotaa ti. Isinii fi obboloonni keessan of qulqulleessaa; achiis Taabota Yihowaa Waaqa Israaʼel gara iddoo ani isaaf qopheessetti fidaa. 13 Isin jalqaba irratti taaboticha waan hin baanneef+ dheekkamsi Waaqa keenya Yihowaa nu irratti bobaʼee ture;+ kunis kan taʼe nuti qajeelfama isaa waan hin hordofneefi.”+ 14 Kanaafuu, luboonnii fi Leewwonni Taabota Yihowaa Waaqa Israaʼel fiduuf of ni qulqulleessan.
15 Achiis akkuma Museen dubbii Yihowaatiin ajaja kennetti, Leewwonni Taabota Waaqa dhugaa sana danqaraadhaan gateettii isaanii irratti baatan.+ 16 Achiis Daawit ajajjoonni Leewwotaa obboloota isaanii warra faarfattoota taʼan, meeshaawwan muuziqaatti, jechuunis meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanitti, baganaattii+ fi siimbaaliitti+ fayyadamanii gammachuudhaan akka faarfatan akka muudan isaanitti hime.
17 Kanaafuu, Leewwonni Hemaan+ ilma Yooʼeliin, obboloota isaa keessaa Asaaf+ ilma Berekiyaa, akkasumas obboloota isaanii Meraarota keessaa immoo Eetaan+ ilma Qushaayaa ni muudan. 18 Isaanii wajjin obboloonni isaanii warri garee lammaffaa taʼan jiru turan;+ isaanis kanneen kana turan: Zakkaariyaas, Been, Yaaʼaaziʼel, Shemiraamot, Yehiʼel, Uunii, Eeliyaab, Benaayaa, Maaʼaaseyaa, Maataatiyaa, Elifelehuu, Miqneeyaa, akkasumas Obeed Edoomii fi Yeyiʼel warra karra eegdota taʼan. 19 Faarfattoota kan taʼan Hemaan,+ Asaafii+ fi Eetaan siimbaalii+ sibiila diimaa taphatu turan; 20 akkasumas Zakkaariyaas, Aziʼel, Shemiraamot, Yehiʼel, Uuniin, Eeliyaab, Maaʼaaseyaanii fi Benaayaan rukuttaa Alaamotiin*+ meeshaawwan muuziqaa ribuu qaban taphatu turan; 21 Maataatiyaan,+ Elifelehuun, Miqneeyaan, Obeed Edoom, Yeyiʼelii fi Azaaziyaan rukuttaa Shaminiitiin*+ baganaa taphatu turan; isaanis geggeessitoota muuziqaa turan. 22 Kenaaniyaan+ inni ajajaa Leewwotaa taʼe hojicha akka gaariitti waan beekuuf hojii taabota baachuu sana ol aantummaadhaan toʼata ture; 23 Berekiyaa fi Elqaanaan immoo Taaboticha eegu turan. 24 Luboota kan taʼan Shebaaniyaan, Yoshaafaax, Naataaniʼel, Amaasaay, Zakkaariyaas, Benaayaanii fi Eliiʼezar Taabota Waaqa dhugaa duratti guddisanii malakata afuufu turan;+ Obeed Edoomii fi Yehiyaanis Taaboticha eeguudhaan tajaajilu turan.
25 Achiis Daawitii fi jaarsoliin Israaʼel, akkasumas ajajjoonni kumaa taabota kakuu Yihowaa mana Obeed Edoomii+ fiduuf gammachuudhaan ni deeman.+ 26 Waaqni dhugaan Leewwota warra taabota kakuu Yihowaa baachaa turan waan gargaareef, isaan jiboota torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba aarsaa ni godhan.+ 27 Daawit akkuma Leewwota Taaboticha baachaa turanii fi akkuma faarfattoota hundumaa sanaatti, akkasumas akka Kenaaniyaa isa hojii Taabota baachuu irrattii fi faarfattoota irratti ajajaa taʼe sanaa qoloo baʼeessa uffatee ture; kana malees, Daawit efuudii quncee talbaa irraa tolfame uffatee ture.+ 28 Israaʼelonni hundi ililchuudhaan,+ sagalee xurumbaatiin,* sagalee malakataatiin,+ sagalee siimbaaliitiin, akkasumas meeshaa muuziqaa ribuu qabuu fi baganaa+ sagalee isaa guddisanii taphachuudhaan taabota kakuu Yihowaa fidaa turan.
29 Haa taʼu malee, yommuu taabonni kakuu Yihowaa gara Magaalaa Daawit dhufu,+ Miikaal intalli Saaʼol+ karaa foddaa gad ilaaltee yommuu Daawit Mootichi utaaluu fi shubbisu argite; garaa ishiittis isa ni tuffatte.+