YOONAAS
1 Dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Yoonaas* ilma Amitaay ni dhufe:+ 2 “Kaʼi, gara Nanawwee magaalaa guddittii dhaqiitii+ ishii irratti murtii labsi; sababiin isaas, ani hammina jiraattota ishii argeera.”
3 Yoonaas garuu Yihowaa duraa gara Tarshiishitti baqachuuf kaʼe; gara Yoopheetti gad buʼee doonii gara Tarshiish dhaqu argate. Kanaafuu, inni gatii geejjibaa kaffalee Yihowaa duraa baqatee isaanii wajjin gara Tarshiish dhaquuf doonicha yaabbate.
4 Achiis Yihowaan galaanicha irratti bubbee cimaa ni kaase; obomboleettiin sun baayʼee cimaa taʼuu isaatiin kan kaʼe doonichi caccabuu jala gaʼe. 5 Warri doonicha irraa hojjetanis baayʼee waan sodaataniif, tokkoon tokkoon isaanii waaqa isaanii waammachuu jalqaban. Achiis baʼaa isaa salphisuuf jedhanii miʼawwan doonicha irra jiran gara galaanichaatti daddarbachuu jalqaban.+ Yoonaas garuu gara kutaa doonichaa isa keessaatti* gad buʼee achi ciise; hirribni cimaanis isa fudhatee ture. 6 Ajajaan doonichaas gara isaa dhaqee, “Maaliif rafta? Kaʼiitii gara waaqa keetti iyyi! Tarii Waaqni dhugaan nuuf yaadee, badiisa irraa nu oolcha taʼa”+ isaan jedhe.
7 Achiis isaan, “Kottaa, balaa kanaaf abbaa itti gaafatamu beekuuf carraa haa buufannu”+ waliin jedhan. Kanaafuu, isaan carraa buufatan; carraan sunis Yoonaas irra buʼe.+ 8 Isaanis, “Maaloo nutti himi, balaa nu irra gaʼe kanaaf eenyutu itti gaafatama? Hojiin kee maali dha? Eessaa dhufte? Biyyi kee eessa? Saba kam keessaa dhufte?” isaan jedhan.
9 Innis, “Ani Ibricha; Yihowaa Waaqa samiiwwanii, isa galaanaa fi lafa gogaa uume sanan waaqeffadha”* jedhe.
10 Yeroo kanatti namoonni sun caalaatti sodaatan; sababiin isaas, inni Yihowaa duraa baqachaa akka jiru isaanitti himee ture. Isaanis, “Wanti ati goote kun maali dha?” jedhanii isa gaafatan. 11 Obomboleettiin sun caalaatti hammaachaa waan deemeef, isaan, “Galaanichi akka nuuf tasgabbaaʼuuf maal si goonu ree?” isaan jedhan. 12 Innis, “Fuudhaatii galaanichatti na darbadhaa; galaanichis isiniif tasgabbaaʼa; obomboleettii hamaan kun kan isinitti dhufe sababii kootiin akka taʼe ani beekeera” jedhee deebise. 13 Haa taʼu malee, namoonni sun doonicha gara lafa gogaatti deebisuuf cimsanii ni oofan;* taʼus, obomboleettiin sun caalaatti isaanitti hammaachaa waan deemeef hin dandeenye.
14 Achiis, “Yaa Yihowaa, maaloo, sababa namicha kanaatiin* nu hin balleessin! Yaa Yihowaa, ati akka fedhii kee waan gooteef, dhiiga qulqulluudhaaf akka itti gaafatamnu hin godhin” jedhanii gara Yihowaatti iyyan. 15 Achiis isaan Yoonaasiin fuudhanii galaanichatti darbatan; galaanichis jeeqamuu isaa ni dhiise. 16 Yeroo kanatti namoonni sun Yihowaa baayʼee sodaatan;+ achiis Yihowaadhaaf aarsaa ni dhiheessan; wareegas ni wareegan.
17 Yihowaanis Yoonaasiin akka liqimsuuf qurxummii guddaa tokko erge; Yoonaasis guyyaa sadii fi halkan sadiif garaa qurxummii sanaa keessa ture.+
2 Achiis Yoonaas garaa qurxummii sanaa keessaa gara Waaqa isaa Yihowaatti kadhannaa ni dhiheesse;+ 2 akkana jedhe:
“Dhiphina koo irraa kan kaʼe Yihowaa nan waammadhe; innis naaf deebise.+
Awwaala* gad fagoo* keessaa gargaarsaaf nan iyye.+
Atis sagalee koo ni dhageesse.
3 Yommuu ati iddoo gad fagootti, garaa galaanaa keessatti na darbattetti,
Bishaanonni natti marsan.+
Dambaliiwwan ciccimoon ati fidde na irra darban.+
4 Anis, ‘Ani ija kee duraa ariʼameera!
Akkamittan lammata mana qulqullummaa kee ilaala?’ nan jedhe.
Aramaan galaana keessaa mataa kootti marame.
6 Hamma hundee gaarotaatti gad nan lixe.
Danqaraawwan lafaa bara baraaf na irratti cufaman.
Yaa Waaqa koo Yihowaa, ati garuu lubbuudhaan boolla keessaa na baaste.+
7 Yommuun duʼuuf jedhetti, Yihowaan yaadadhe.+
Achiis kadhannaan koo gara kee, eeyyee, gara mana qulqullummaa kee ni dhufe.+
8 Namoonni waaqolii tolfamoo warra gatii hin qabneef of kennan, isa madda jaalala amanamaa isaaniif taʼe* dhiisaniiru.
9 Ani garuu sagalee galataatiin aarsaa siif nan dhiheessa.
Wantan wareeges nan raawwadha.+
Fayyinni Yihowaa biraa argama.”+
10 Boodas Yihowaan qurxummii sana ni ajaje; innis Yoonaasiin lafa gogaa irratti ni tufe.
3 Achiis siʼa lammaffaadhaaf dubbiin Yihowaa gara Yoonaas ni dhufe, akkana jedhe:+ 2 “Kaʼiitii gara Nanawwee+ magaalaa guddittii dhaqi; ergaa ani sitti himus ishiitti labsi.”
3 Kanaafuu, Yoonaas dubbii Yihowaatiif ajajamuudhaan+ kaʼee gara Nanawwee+ dhaqe. Nanawween magaalaa baayʼee guddoo* yeroo taatu, miilaan guyyaa sadii deemsisti turte. 4 Achiis Yoonaas gara magaalattiitti seenee adeemsa guyyaa tokkoo erga deemee booda, “Guyyaa 40 keessatti, Nanawween ni garagalfamti” jedhee labsuu jalqabe.
5 Namoonni Nanawwees Waaqayyotti ni amanan;+ sooma ni labsan, isa guddaadhaa hamma isa xinnaattis uffata gaddaa uffatan. 6 Ergaan sun mootii Nanawwee bira yommuu gaʼu, teessoo isaa irraa kaʼee uffata mootii of irraa baase; uffata gaddaa uffatees daaraa keessa taaʼe. 7 Kana malees, guutummaa Nanawwee keessatti labsii akkana jedhu labse:
“Labsii mootichaa fi guguddoota isaa: Namnis taʼe horiin, loonis taʼan bushaayeen homaa hin nyaatin. Nyaata nyaachuus taʼe bishaan dhuguu hin qaban. 8 Namnis taʼe horiin uffata gaddaa haa uffatu; isaan garaadhaa gara Waaqayyootti haa iyyan; daandii isaanii isa hamaa fi gocha isaanii isa jalʼaa irraa haa deebiʼan. 9 Waaqni dhugaan wanta gochuuf yaade sana irra deebiʼee yaaduudhaan* akka nuti hin badneef dheekkamsa isaa isa bobaʼu irraa yoo deebiʼe maaltu beeka?”
10 Waaqni dhugaan wanta isaan godhan, akkamitti daandii isaanii isa hamaa irraa akka deebiʼan yommuu argu,+ badiisa isaan irratti akka fidu dubbate sana irra deebiʼee ni yaade;* badiisichas isaan irratti hin fidne.+
4 Haa taʼu malee, kun Yoonaasiin baayʼee gaddisiise; baayʼees ni aare. 2 Kanaafuu, akkana jedhee gara Yihowaatti kadhannaa dhiheesse: “Yaa Yihowaa, yeroon biyya koo turetti kanatu na yaaddesse mitii? Jalqabuma iyyuu gara Tarshiishitti baqachuuf kanan yaale kanumaafi;+ sababiin isaas, ati Waaqa gara laafessaa* fi araara qabeessa, aariidhaaf suuta kan jedhuu fi jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee kan taʼe dha;+ badiisa gaʼuttis hin gammaddu. 3 Amma yaa Yihowaa, maaloo, na ajjeesi; jiraachuu mannaa duʼuu naa wayya.”+
4 Yihowaanis, “Baayʼee aaruun kee sirrii dhaa?” jedhee isa gaafate.
5 Sana booda Yoonaas magaalattiidhaa baʼee baha magaalattiitiin ni taaʼe. Wanta magaalattii irra gaʼu ilaaluuf,+ achitti daasii tolfatee gaaddisa isaa jala taaʼe. 6 Yoonaas mataa isaatiif gaaddisa akka argatuu fi dhiphina isaa irraa akka boqotuuf, Yihowaan biqiltuun buqqee hadhooftuu* tokko akka biqilu ni godhe. Yoonaasis biqiltuu buqqee hadhooftuu sanaan kan kaʼe baayʼee gammade.
7 Taʼus Waaqni dhugaan guyyaa itti aanu bariidhaan raammoo tokko ni erge; innis biqiltuu buqqee hadhooftuu sana ni nyaate; biqiltuun sunis ni goge. 8 Yommuu aduun ifuu jalqabus Waaqayyo bubbee bahaa isa waxalu ni erge; aduunis mataa Yoonaas ni gube; innis ni gaggabe. Irra deddeebiʼees duʼuudhaaf* ni kadhate; akkasumas irra deddeebiʼee, “Jiraachuu mannaa duʼuu naa wayya” jedhe.+
9 Waaqayyos Yoonaasiin, “Biqiltuu buqqee hadhooftuu sanaan kan kaʼe baayʼee aaruun kee sirrii dhaa?” jedhee gaafate.+
Innis yeroo kanatti, “Aaruun koo sirrii dha; baayʼee waanan aareef utuun duʼee naa wayya” jedhe. 10 Yihowaan garuu akkana jedhe: “Ati biqiltuu buqqee hadhooftuu isa itti hin dhamaane, isa akka guddatuuf homaa itti hin dadhabne sanaan kan kaʼe gaddite; inni halkan tokkotti guddatee halkan tokkotti bade. 11 Maarree anis Nanawwee magaalaa guddittii+ ishii namoonni wanta sirrii fi wanta dogoggora taʼe* gargar baafachuu hin dandeenyee fi 120,000 ol taʼan, akkasumas horiin isaanii hedduun keessa jiraataniif gadduu hin qabuu?”+
“Gugee ykn Andarii” jechuu dha.
Ykn., “jalaatti.”
Kal., “sodaadha.”
Ykn., “keessa baʼuuf carraaqqii ni godhan.”
Ykn., “lubbuu namicha kanaatiin.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “Garaa Awwaalaa.”
Ykn., “Bishaanonni hamma lubbuu kootti natti marsan.”
Ykn tarii, “amanamummaa isaanii.”
Kal., “magaalaa Waaqayyoof guddoo taate.”
Ykn., “ilaalchisee gaabbuudhaan.”
Ykn., “ilaalchisee ni gaabbe.”
Ykn., “arjaa.”
Ykn tarii, “biqiltuu qobboo.”
Ykn., “lubbuun isaa akka duʼu.”
Ykn., “mirgaa fi bitaa isaanii.”