-
Leewwota 16:29-31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 “Kun isiniif dambii dhaabbataa ni taʼa: Jiʼa torbaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa kurnaffaatti of cunqursaa;* lammiin biyyattiis taʼe namni biyya ormaa isin gidduu jiraatu hojii akkamii iyyuu hin hojjetin.+ 30 Isin qulqulluu akka taatan labsuuf guyyaa kanatti araarri+ isiniif ni godhama. Isinis cubbuu keessan hundumaa irraa Yihowaa duratti qulqulluu ni taatu.+ 31 Guyyaan kun isiniif sanbata guutummaatti itti boqottani dha; isin of* cunqursuu qabdu.+ Kun dambii dhaabbataa taʼe dha.
-