LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Iyyaasuu 20:2, 3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Magaalota itti baqatan+ warran waaʼee isaanii karaa Musee dubbadhe ofii keessaniif filadhaa; 3 namni utuu itti hin yaadin yookiin akka tasaa* nama ajjeese* achitti ni baqata. Isaanis bakka nama haaloo baʼu+ jalaa itti baqattan isiniif ni taʼu.

  • Iyyaasuu 20:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Kanaafuu, isaan Galiilaa ishii naannoo gaarotaa Niftaalemitti argamtu keessatti Qeedeshiin,+ naannoo gaarotaa Efreem keessatti Sheekemiin,+ akkasumas naannoo gaarotaa Yihudaa keessatti Qiriyaat Arbaa,+ jechuunis Kebrooniin kaayyoo kanaaf ni murteessan.* 8 Naannoo Yordaanos keessatti baha Yerikootiin, gosa Ruuben keessaa lafa onaa isa lafa diriiraa* irratti argamu keessatti Beezeriin,+ gosa Gaad keessaa Giiliyaad keessatti Raamotiin,+ akkasumas gosa Minaasee+ keessaa Baashaan keessatti Goolaaniin+ ni filatan.

  • Iyyaasuu 21:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Ilmaan Aaron lubichaatiif magaalaa Kebroon+ ishii namni nama ajjeese itti baqatu+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Libnaa+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin,

  • Iyyaasuu 21:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Isaanis naannoo gaarotaa Efreem keessatti magaalaa Sheekem+ ishii namni nama ajjeese itti baqatu+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Geezer+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin,

  • Iyyaasuu 21:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Geershononni+ warri maatiiwwan Leewwotaa keessaa taʼan walakkaa gosa Minaasee irraa magaalaa Goolaan+ ishii Baashaanitti argamtuu fi namni nama ajjeese itti baqatu iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Beʼeeshteraa iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, jechuunis magaalota lama ni fudhatan.

  • Iyyaasuu 21:32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 Gosa Niftaalem keessaa, magaalaa Qeedesh+ ishii Galiilaa keessatti argamtuu fi namni nama ajjeese itti baqatu+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Hamoot Door iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Qaartaan iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, jechuunis magaalota sadii isaaniif ni kennan.

  • Iyyaasuu 21:36
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 36 Gosa Ruuben keessaa, Beezer+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Yaahaaz iddoowwan dheedichaa ishii wajjin,+

  • Iyyaasuu 21:38
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 38 Gosa Gaad+ keessaa, magaalaa Raamot ishii Giiliyaaditti+ argamtuu fi namni nama ajjeese itti baqatu iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Mahaanaayim+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin,

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi