- 
	                        
            
            2 Mootota 25:13-15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
13 Kaladoonnis utubaawwan sibiila diimaa+ mana Yihowaa, gaariiwwanii+ fi Galaana sibiila diimaa+ warra mana Yihowaa keessa turan ni caccabsan; sibiila diimaa sanas gara Baabilonitti ni geessan.+ 14 Kana malees, miʼawwan daaraa, akaafaawwan, dhaamsituuwwan ibsaa, xoofoowwanii fi miʼawwan sibiila diimaa tajaajila mana qulqullummaatiif oolan hundumaa ni fudhatan. 15 Ajajaan waardiyyootaa sunis qodaawwan ibiddaa fi saaniiwwan golboo warra warqii+ fi meetii qulqulluu irraa tolfaman ni fudhate.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            2 Seenaa Baraa 36:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
7 Achiis Nebukadnezaar miʼawwan mana Yihowaa keessa jiran tokko tokko gara Baabilonitti fudhatee mana mootummaa isaa isa Baabilon keessatti argamu keessa kaaʼe.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            2 Seenaa Baraa 36:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
18 Innis guddaa fi xinnaa utuu hin jedhin miʼawwan mana Waaqa dhugaa hundumaa, akkasumas qabeenya mana Yihowaa, qabeenya mootichaa fi qabeenya bulchitoota isaa hundumaa gara Baabilonitti ni geesse.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Daaniʼel 1:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
1 Yehoyaaqiim+ mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti Nebukadnezaar mootiin Baabilon gara Yerusaalem dhufee ishiitti marse.+ 2 Boodas Yihowaan Yehoyaaqiim mootii Yihudaa fi miʼawwan mana* Waaqa dhugaa tokko tokko harka isaatti dabarsee kenne;+ innis gara biyya Shinaaritti,*+ gara mana* waaqa isaatti isaan geesse. Miʼawwan kanas mana qabeenyaa waaqa isaa keessa kaaʼe.+
 
 -