LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 22:18, 19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Mootii Yihudaa isa Yihowaa akka gaafattan isin erge sanaan garuu akkana jedhaa: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Wanta dhageesse sana ilaalchisee, 19 isaan akka naasifamanii fi akka abaaraman, wanta ani iddoo kanaa fi jiraattota ishii irratti dubbadhe dhageessee garaan kee waan tuqameef,* Yihowaa duratti waan gad of qabdeef,+ uffata kee waan tarsaasteef,+ na durattis waan boosseef, anis si dhagaʼeera jedha Yihowaan.

  • 2 Seenaa Baraa 33:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Irra deddeebiʼees Waaqayyoon ni kadhate; Waaqayyos kadhannaa isaa fi wawwaannaa inni fudhatama argachuuf dhiheesse dhagaʼee gara Yerusaalemitti, gara mootummaa isaatti isa deebise.+ Achiis Minaaseen Yihowaan Waaqa dhugaa taʼuu isaa ni beeke.+

  • Faarfannaa 22:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Inni rakkina isaatiin kan kaʼe isa cunqurfame* hin tuffanne, hin jibbines;+

      Fuula isaas isa jalaa hin dhoksine.+

      Yeroo gargaarsa argachuuf gara isaatti iyyu inni isa dhagaʼeera.+

  • Faarfannaa 34:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Yihowaan warra garaan isaanii cabetti* dhihoo dha;+

      Warra hafuurri isaanii caccabes* ni oolcha.+

  • Fakkeenya 28:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Namni balleessaa isaa dhoksu milkaaʼina hin argatu,+

      Namni balleessaa isaa himatuu fi isa dhiisu garuu araara ni argata.+

  • Isaayyaas 57:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Sababiin isaas, inni Ol Kaʼaan,

      Inni bara baraaf jiraatuu+ fi maqaan isaa qulqulluu+ taʼe akkana jedha:

      “Ani iddoo ol kaʼaa fi iddoo qulqulluu keessan jiraadha,+

      Haa taʼu malee, hafuura warra rakkatoo haaressuuf,

      Garaa warra caccabaniis haaressuuf,

      Warra caccabanii fi warra gaddanii wajjinis nan taʼa.+

  • Luqaas 15:22-24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Abbaan isaa garuu garboota isaatiin akkana jedhe: ‘Dafaa, uffata isa hunda irra caalu fidaatii itti uwwisaa, quba isaatti qubeellaa, miila isaattis kophee kaaʼaafii. 23 Akkasumas jibicha isa gabbataa fidaatii qalaa, haa nyaannu, haa gammannus; 24 sababiin isaas, ilmi koo kun duʼee ture, amma garuu deebiʼee jireenya argateera;+ badee ture, amma garuu argameera.’ Achiis isaan gammaduu jalqaban.

  • Luqaas 18:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Inni qaraxa sassaabu garuu fagoo kan dhaabbate yeroo taʼu, gara samii ilaaluuf illee hin onnanne; kanaa mannaa qoma isaa rurrukutaa, ‘Yaa Waaqayyo, ani cubbamaa dha, garaa naa laafi’+ jedhe. 14 Ani isinitti nan hima, namichi kun Fariisicha caalaa qajeelaa taʼee gara mana isaatti deebiʼe.+ Sababiin isaas, namni ol of qabu hundi ni salphifama; namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol ni qabama.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi