LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 18:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 “‘Saboonni warri ani isin duraa ariʼu sun wantoota kana hundumaatiin waan of xureessaniif, isin wantoota kana keessaa isa tokkoon illee of hin xureessinaa.+

  • Lakkoofsa 35:33, 34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 33 “‘Dhiigni lafattii waan xureessuuf, lafa irra jiraattan hin xureessinaa;+ dhiiga nama dhiiga sana dhangalaase sanaatiin yoo taʼe malee, dhiiga lafa irratti dhangalaʼeef wanti araara argamsiisu hin jiru.+ 34 Ani Yihowaan saba Israaʼel gidduu waanan jiraadhuuf, biyya keessa jiraattan isa ani irra jiraadhu hin xureessinaa.’”+

  • 2 Seenaa Baraa 33:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Minaaseen, wanta saboonni warri Yihowaan Israaʼelota duraa balleesse hojjetan caalaa hamaa taʼe akka raawwatan gochuudhaan, Yihudaa fi jiraattota Yerusaalem karaa irraa ni jalʼise.+

  • Ermiyaas 3:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Namoonni, “Namni tokko haadha manaa isaa yoo manaa baase, ishiinis isa dhiistee kan nama biraa yoo taate, namni kun sana booda ishiitti ni deebiʼaa?” jedhanii gaafatu.

      Biyyattiin guutummaatti faalamteetti mitii?+

      “Ati michoota hedduu wajjin sagaagalummaa raawwatteetta,+

      Maarree, gara kootti deebiʼuu qabdaa?” jedha Yihowaan.

  • Ermiyaas 23:10, 11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Sababiin isaas, biyyattiin ejjitootaan guutamteetti;+

      Abaarsaan kan kaʼe biyyattiin gadda keessa galteetti,+

      Iddoowwan dheedichaa lafa onaas goganiiru.+

      Daandiin isaanii hamaa dha; isaan karaa sirrii hin taaneen aangoo isaaniitti fayyadamu.

      11 “Raajichis taʼe lubichi faalamaniiru.*+

      Manuma koo keessatti illee hammina isaanii argeera”+ jedha Yihowaan.

  • Faaruu Ermiyaas 4:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Kunis kan taʼe, cubbuu raajotaa fi balleessaa luboota ishii+

      Warra ishii keessatti dhiiga qajeelotaa dhangalaasan sanaatiin kan kaʼe dha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi