- 
	                        
            
            Abbootii Murtii 17:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
3 Kanaafuu, inni meetii sheeqilii 1,100 sana haadha isaatiif ni deebise; haati isaa garuu, “Ilmi koo fakkii bocamaa fi siidaa sibiilaa* akka ittiin tolchuuf,+ ani dhugumaan harka koo irraa meeticha Yihowaadhaaf nan qulqulleessa. Amma deebiseen siif kenna” jette.
4 Erga inni meeticha haadha isaatiif deebisee booda, haati isaa meetii sheeqilii 200 fuutee nama meetii baqsutti kennite. Innis fakkii bocamaa tokkoo fi siidaa sibiilaa* tokko ni tolche; isaanis mana Miikiyaas keessa ni kaaʼaman.
 
 -