LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 18:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Hisqiyaas Mootichi mootii taʼee waggaa 14ffaa isaatti, Senaaheriib mootiin Asoor+ gara magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban hundumaa dhufee isaan qabate.+

  • 2 Seenaa Baraa 32:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 Hisqiyaas wantoota kana amanamummaadhaan erga raawwatee booda,+ Senaaheriib mootiin Asoor dhufee Yihudaa weerare. Inni cabsee seenee isaan qabachuuf yaaduudhaan, magaalota dallaa dhagaa qabanitti ni marse.+

  • Isaayyaas 8:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Kunoo, Yihowaan

      Bishaanota Lagichaa* warra jajjaboo fi babalʼoo taʼan,

      Mootii Asoorii+ fi ulfina isaa hundumaa isaanitti ni fida.

      Inni yaaʼaawwan bishaanii isaa hundumaa guutee

      Qarqara isaa hundumaa irra ni dhangalaʼa;

       8 Yihudaas ni liqimsa.

      Inni lolaʼee keessa ni darba, hamma mormaattis ni gaʼa;+

      Yaa Amaanuʼel,*+

      Qoochoowwan isaa warri diriirfamanis guutummaa lafa keetii ni uwwisu!”

  • Isaayyaas 10:28-32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Inni gara Aayaat+ dhufeera;

      Migroon keessa darbeera;

      Feʼumsa isaas Mikmaash+ keessa ni kaaʼata.

      29 Isaan malkaa sana ceʼaniiru;

      Geebaa+ keessa ni bulu;

      Raamaan ni hollatti, Gibeʼaan+ magaalaan Saaʼolis ni baqatte.+

      30 Yaa intala Gaaliim, iyyi, caraanis!

      Yaa Laayishaa, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu!

      Yaa Anaatot+ ishii nama gaddisiistu nana, iyyi!

      31 Maadmenaan baqatteetti.

      Jiraattonni Geebiim bakka itti dhokatan barbaaddataniiru.

      32 Guyyuma kanatti inni Noob+ keessa ni dhaabbata.

      Harka isaa aboottatees, gaara intala Xiyoon irratti,

      Tabba Yerusaalem irratti ni raasa.

  • Isaayyaas 33:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Daandiiwwan guguddoon dhiifamaniiru;

      Namni daandiiwwan irra deemu tokko illees hin jiru.

      Inni* kakuu cabseera;

      Magaalota dhiiseera;

      Nama duʼuufis ulfina hin kennu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi