LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 11:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Guyyaa sanatti Yihowaan, yeroo lammaffaadhaaf saba isaa warra hafan kanneen Asoor,+ Gibxii,+ Phaatros,+ Kuush,+ Eelaam,+ Shinaar,* Hamaatii fi odolawwan galaanaa irraa oolan deebifachuuf ammas harka isaa ni diriirsa.+

  • Ermiyaas 50:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Israaʼeliin gara iddoo dheedichaa isaatti nan deebisa;+ innis Qarmeelos irra, Baashaan+ irra, gaarota Efreemii+ fi gaarota Giiliyaad+ irra ni dheeda, ni quufas.’”

  • Hisqiʼel 39:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Yommuun saboota keessaa deebisee isaan fiduttii fi biyyoota diinota isaanii keessaa walitti isaan qabutti+ saboota hedduu duratti isaan gidduutti of nan qulqulleessa.’+

  • Amoos 9:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Ani saba koo Israaʼel warra boojiʼaman deebisee walitti nan qaba,+

      Isaan magaalota ona taʼan deebisanii ni ijaaru, keessas ni jiraatu;+

      Mukeetii wayinii ni dhaabu, daadhii wayinii isaaniis ni dhugu,+

      Biqiltuu ni dhaabu, firii isaas ni nyaatu.’+

  • Sefaaniyaa 3:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Ani yeroo sanatti deebisee isin nan fida,

      Eeyyee, yeroo sanatti walitti isin nan qaba.

      Ani yommuun warra isin keessaa boojiʼaman ijuma keessan duratti deebisee walitti qabutti,+

      Saboota lafa irraa hundumaa gidduutti beekamtii* akka argattanii fi akka jajamtan nan godha”+ jedha Yihowaan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi