LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Abbootii Murtii 10:13-15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Isin garuu na dhiistanii waaqolii kan biroo tajaajiltan.+ Ani kana booda kanan isin hin oolchine kanaafi.+ 14 Gara waaqolii filattan sanaa dhaqaatii gargaarsaaf isaanitti iyyadhaa.+ Yeroo dhiphina keessaniitti isaan isin haa oolchan.”+ 15 Israaʼelonni garuu Yihowaadhaan, “Nuti cubbuu raawwanneerra. Wanta gaarii taʼee sitti mulʼate kam iyyuu nu irratti raawwadhu. Maaloo, harʼuma qofa nu oolchi” jedhan.

  • Faarfannaa 78:34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Isaan garuu akkuma inni isaan ajjeesuu jalqabeen isa barbaaddatu turan;+

      Deebiʼaniis Waaqayyoon ni barbaadu turan;

  • Faarfannaa 106:47
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 47 Yaa Waaqa keenya Yihowaa, nu oolchi;+

      Maqaa kee isa qulqulluudhaaf galata akka galchinuuf,

      Akkasumas si jajachuudhaan akka gammannuuf,+

      Saboota keessaa walitti nu qabi.+

  • Isaayyaas 26:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Yaa Yihowaa, isaan yeroo dhiphinaatti gara keetti ni deebiʼan;

      Yeroo isaan adabdettis sagalee isaanii gad qabanii kadhannaa isaanii garaadhaa ni dhangalaasan.+

  • Hoseʼaa 5:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Rakkina balleessaa isaaniitiin kan kaʼe dhufu hamma baatanitti ani nan deema; gara iddoo koottis nan deebiʼa,

      Achiis isaan gara laafina* koo ni barbaaddatu.+

      Yommuu dhiphatanitti na barbaaddatu.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi