LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 6:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 “‘Seerri aarsaa midhaanii kana dha:+ Isin warri ilmaan Aaron taatan, iddoo aarsaa fuulduratti Yihowaa duratti isa ni dhiheessitu.

  • Leewwota 6:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Wanta isa irraa hafe Aaronii fi ilmaan isaa ni nyaatu.+ Innis iddoo qulqulluu keessatti akka maxinootti tolfamee nyaatama. Isaan mooraa dunkaana walgaʼii keessatti isa nyaatu.+

  • Leewwota 7:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 “‘Seerri aarsaa yakkaa+ kana dha: Inni hundumaa caalaa qulqulluu dha.

  • Leewwota 7:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Dhiirri luba taʼe hundi isa ni nyaata;+ iddoo qulqulluu keessatti nyaatamuu qaba. Kun hundumaa caalaa qulqulluu dha.+

  • Leewwota 10:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Achiis Museen Aaroniin, akkasumas Eleʼazaarii fi Itaamaar warra ilmaan Aaron taʼanii fi lubbuudhaan oolaniin akkana jedhe: “Kun hundumaa caalaa qulqulluu waan taʼeef,+ aarsaawwan midhaanii aarsaawwan Yihowaa ibiddaan dhihaatan irraa hafan akka maxinootti tolchaatii iddoo aarsaa biratti nyaadhaa.+ 13 Inni aarsaawwan Yihowaa ibiddaan dhihaatan keessaa gaʼee kee fi gaʼee ilmaan keetii waan taʼeef, isin iddoo qulqulluu keessatti isa nyaadhaa;+ sababiin isaas, wantin ajajame kana dha.

  • Leewwota 24:8, 9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Inni Sanbata Sanbata, yeroo hunda Yihowaa duratti tarree galchee isaan haa kaaʼu.+ Kun, Israaʼelotaaf kakuu dhaabbataa taʼe dha. 9 Inni kan Aaronii fi kan ilmaan isaa ni taʼa;+ aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu keessaas isaaf hundumaa caalaa qulqulluu waan taʼeef, isaan iddoo qulqulluu keessatti isa ni nyaatu.+ Kun, dambii dhaabbataa taʼe dha.”

  • Lakkoofsa 18:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Iddoo hundumaa caalaa qulqulluu taʼe keessatti isa ni nyaatta.+ Dhiirri hundi isa nyaachuu ni dandaʼa. Kun siif qulqulluu dha.+

  • Hisqiʼel 40:46
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 46 Kutaan nyaataa inni kallattii kaabaatti garagalee jiru kan luboota tajaajila iddoo aarsaa irratti itti gaafatamummaa qaban sanaa ti.+ Isaan ilmaan Saadoq+ warra Leewwota taʼanii fi Yihowaa tajaajiluuf isa duratti akka dhihaatan ramadamani dha.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi