LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 30:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Waaqni kee Yihowaan wantoota si jalaa boojiʼaman siif deebisa,+ gara laafina sitti argisiisa,+ akkasumas saboota Waaqni kee Yihowaan itti si bittinneesse hundumaa keessaa deebisee walitti si qaba.+

  • Ermiyaas 30:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Sababiin isaas, “Kunoo, guyyaan ani saba koo warra boojiʼaman, jechuunis Israaʼelii fi Yihudaa itti walitti qabu ni dhufa”+ jedha Yihowaan; “Gara biyya ani abbootii isaaniitiif kennettis isaan nan deebisa; isaan ammas deebiʼanii ishii ni dhaalu”+ jedha Yihowaan.’”

  • Hisqiʼel 39:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 “‘Boojuudhaan gara sabootaatti ergan isaan ergee booda, nama tokko illee utuu hin hambisin yommuun gara biyya isaaniitti deebisee walitti isaan qabutti, isaan ani Waaqa isaanii Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.+

  • Amoos 9:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Ani saba koo Israaʼel warra boojiʼaman deebisee walitti nan qaba,+

      Isaan magaalota ona taʼan deebisanii ni ijaaru, keessas ni jiraatu;+

      Mukeetii wayinii ni dhaabu, daadhii wayinii isaaniis ni dhugu,+

      Biqiltuu ni dhaabu, firii isaas ni nyaatu.’+

  • Sefaaniyaa 3:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Ani yeroo sanatti deebisee isin nan fida,

      Eeyyee, yeroo sanatti walitti isin nan qaba.

      Ani yommuun warra isin keessaa boojiʼaman ijuma keessan duratti deebisee walitti qabutti,+

      Saboota lafa irraa hundumaa gidduutti beekamtii* akka argattanii fi akka jajamtan nan godha”+ jedha Yihowaan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi