LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Izraa 2:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Kanneen kun jiraattota koonyaa sanaa warra boojuudhaa deebiʼan,+ warra Nebukadnezaar mootiin Baabilon gara Baabilonitti boojiʼee fudhatee+ turee fi booda immoo gara Yerusaalemii fi Yihudaatti, gara magaalaa magaalaa isaaniitti deebiʼan+ turan;

  • Ermiyaas 29:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Anis isiniif nan argama’+ jedha Yihowaan. ‘Boojiʼamtoota keessan walitti nan qaba; sabootaa fi iddoowwan ani itti isin bittinneesse hundumaa keessaas walitti isin nan sassaaba.+ Gara iddoo ani irraa boojiʼamtanii akka fudhatamtan godhe sanaattis isin nan deebisa’+ jedha Yihowaan.

  • Ermiyaas 32:44
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 44 “‘Ani boojiʼamtoota isaanii deebisee waanan fiduuf,+ biyya Biiniyaam keessatti, iddoowwan naannoo Yerusaalemitti argaman keessatti, magaalota Yihudaa keessatti,+ magaalota naannoo gaarotaa keessatti, magaalota gammoojjii keessattii+ fi magaalota kibbaa keessatti maasiin maallaqaan ni bitama, walii galteenis barreeffamee chappaan irratti godhamee ni saamsama, ragoonnis ni waamamu’+ jedha Yihowaan.”

  • Hisqiʼel 20:42
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 42 “‘Yommuun gara biyya Israaʼel isan abbootii keessaniif kennuuf kakadhe sanatti isin fidu,+ isin ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.+

  • Amoos 9:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Ani saba koo Israaʼel warra boojiʼaman deebisee walitti nan qaba,+

      Isaan magaalota ona taʼan deebisanii ni ijaaru, keessas ni jiraatu;+

      Mukeetii wayinii ni dhaabu, daadhii wayinii isaaniis ni dhugu,+

      Biqiltuu ni dhaabu, firii isaas ni nyaatu.’+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi