LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Miilkiyaas 3:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 “Kunoo, ani ergamaa koo nan erga, innis na dura buʼee daandii ni qulqulleessa.*+ Gooftaa dhugaan inni isin barbaaddattan akkuma tasaa gara mana qulqullummaa isaa ni dhufa;+ ergamaan kakuu sanaa inni isin itti gammaddanis ni dhufa. Kunoo, inni dhugumaan ni dhufa” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

  • Maatewos 3:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Bara sanatti Yohaannis+ Cuuphaan lafa onaa Yihudaa keessatti lallabaa+ dhufe;

  • Maatewos 3:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Kunis isa Isaayyaas raajichi+ waaʼee isaa, “Lafa onaa keessaa sagaleen, ‘Daandii Yihowaa* qopheessaa! Karaa isaas wal qixxeessaa’ jedhu tokko ni dhagaʼama”+ jechuudhaan dubbate sana dha.

  • Maatewos 11:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Inni isa waaʼeen isaa, ‘Kunoo, ani ergamaa koo si dura* nan erga, inni si dura buʼee karaa siif ni qopheessa!’+ jedhamee barreeffame sana dha.

  • Luqaas 3:2-6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 bara Haannaasii fi Qayyaafaan+ dura buutota lubootaa turanitti, dubbiin Waaqayyoo lafa onaa+ keessatti gara Yohaannis+ ilma Zakkaariyaas ni dhufe.

      3 Kanaafuu inni, cuuphaa isa mallattoo yaada geddarannaa taʼee fi dhiifama cubbuu argachuuf karaa banu lallabaa guutummaa biyya naannoo Yordaanositti argamu keessa naannaʼe;+ 4 kunis kan taʼe akkuma kitaaba Isaayyaas raajichaa keessatti akkana jedhamee barreeffametti dha: “Sagaleen tokko lafa onaa keessaa akkana jedhee iyya: ‘Daandii Yihowaa* qopheessaa! Karaa isaas wal qixxeessaa.+ 5 Sululli hundi haa guutamu; gaarrii fi tabbi hundi diriiraa haa taʼu; karaan jajalʼaan qajeelaa haa taʼu; daandii buʼaa baʼiinis wal haa qixxaatu; 6 foon* hundis fayyina Waaqayyo+ fidu* ni arga.’”

  • Luqaas 7:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Inni isa waaʼeen isaa ‘Kunoo, ani ergamaa koo si dura* nan erga, inni si dura buʼee karaa siif ni qopheessa’+ jedhamee barreeffame sana dha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi