-
Maatewos 16:13-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Yesuus yommuu gara naannoo Qisaariyaa Filiphisiyus dhufetti, “Namoonni Ilma namaatiin eenyu jedhu?”+ jedhee barattoota isaa gaafate. 14 Isaanis, “Warri tokko tokko Yohaannis Cuuphaa,+ kaan Eeliyaas,+ warri kaan immoo Ermiyaas yookiin raajota keessaa tokko dha jedhu” isaan jedhan. 15 Innis, “Isin hoo eenyu anaan jettu?” isaaniin jedhe. 16 Simoon Pheexiros, “Ati Kiristoos,+ Ilma Waaqayyo isa jiraataa ti”+ jedhee deebise.
-
-
Maarqos 8:27-30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Yesuusii fi barattoonni isaa gara gandeen Qisaariyaa Filiphisiyus deemuu jalqaban; utuu deemaa jiraniis karaa irratti, “Namoonni eenyu anaan jedhu?”+ jedhee isaan gaafate. 28 Isaanis, “Yohaannis Cuuphaa,+ kaan garuu Eeliyaas,+ warri kaan immoo raajota keessaa tokko dha jedhu” isaan jedhan. 29 Innis, “Isin hoo eenyu anaan jettu?” jedhee isaan gaafate. Pheexirosis, “Ati Kiristoosi”+ jedhee isaaf deebise. 30 Achiis waaʼee isaa eenyutti iyyuu akka hin himne cimsee isaan ajaje.+
-