-
1 Ximotewos 3:1-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Dubbiin kun amanamaa dha: Namni ilaaltuu ol aanaa+ taʼuuf carraaqu hojii gaarii hawwa. 2 Kanaafuu, ilaaltuu ol aanaan himata irraa walaba kan taʼe, haadha manaa takkittii kan qabu, barsiifata madaalamaa kan qabu, sirriitti kan yaadu,*+ seera qabeessa, keessummaa kan simatu,+ barsiisuuf gaʼumsa kan qabu,+ 3 kan hin machoofne,+ abbaa humnaa kan hin taane,* yaada ofiitti kan hin cichine,+ kan nama hin lolle,+ maallaqa kan hin jaallanne,+ 4 ijoollee isaa kan ajajamanii fi amala gaarii kan qaban godhee guddisuudhaan haala gaariidhaan maatii isaa kan bulchu taʼuu qaba;+ 5 (sababiin isaas, namni tokko maatii isaa akkamitti akka bulchu hin beeku taanaan, gumii Waaqayyoo akkamitti kunuunsuu dandaʼa?) 6 boonuudhaan of bokoksee murtiin Diyaabilos irratti murteeffame akka isa irra hin geenyeef dhiheenyatti kan amane taʼuu hin qabu.+ 7 Kana malees, akka hin komatamnee* fi kiyyoo Diyaabilos keessatti akka hin kufneef namoota alaa birattis maqaa gaarii kan qabu taʼuu qaba.+
-
-
Tiitoo 1:5-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Qarxeesitti kanan si dhiise, wantoota mudaa* qaban akka sirreessituu fi akkuman si ajajetti magaalota hundatti jaarsolii akka muudduufi; 6 namni himata irraa walaba taʼe, haadha manaa takkittii kan qabu, ijoollee amananii fi jireenya gadhiisii jiraachuudhaan yookiin ajajamuu diduudhaan hin himatamne qabu yoo jiraate muudi.+ 7 Ilaaltuu ol aanaan bulchaa Waaqayyoon muudame waan taʼeef, nama himata irraa walaba taʼe, nama yaada mataa isaatiin hin geggeeffamne,+ nama dafee hin aarre,+ nama hin machoofne, abbaa humnaa kan hin taane,* nama sassataan faayidaa sirrii hin taane argachuuf hin yaalle taʼuu qaba; 8 kanaa mannaa, keessummaa kan simatu,+ waan gaarii kan jaallatu, sirriitti kan yaadu,+ qajeelaa, amanamaa,+ kan of toʼatu,+ 9 akkasumas barumsa gaarii*+ taʼeen jajjabeessuu* fi warra barumsicha morman balleessaa isaanii hubachiisuu+ akka dandaʼuuf, ogummaa ittiin barsiisuu wajjin haala wal qabateen dubbicha isa amanamaa sana cimsee kan qabate+ taʼuu qaba.
-