-
Tiitoo 1:5-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Qarxeesitti kanan si dhiise, wantoota mudaa* qaban akka sirreessituu fi akkuman si ajajetti magaalota hundatti jaarsolii akka muudduufi; 6 namni himata irraa walaba taʼe, haadha manaa takkittii kan qabu, ijoollee amananii fi jireenya gadhiisii jiraachuudhaan yookiin ajajamuu diduudhaan hin himatamne qabu yoo jiraate muudi.+ 7 Ilaaltuu ol aanaan bulchaa Waaqayyoon muudame waan taʼeef, nama himata irraa walaba taʼe, nama yaada mataa isaatiin hin geggeeffamne,+ nama dafee hin aarre,+ nama hin machoofne, abbaa humnaa kan hin taane,* nama sassataan faayidaa sirrii hin taane argachuuf hin yaalle taʼuu qaba; 8 kanaa mannaa, keessummaa kan simatu,+ waan gaarii kan jaallatu, sirriitti kan yaadu,+ qajeelaa, amanamaa,+ kan of toʼatu,+ 9 akkasumas barumsa gaarii*+ taʼeen jajjabeessuu* fi warra barumsicha morman balleessaa isaanii hubachiisuu+ akka dandaʼuuf, ogummaa ittiin barsiisuu wajjin haala wal qabateen dubbicha isa amanamaa sana cimsee kan qabate+ taʼuu qaba.
-