Keessa Deebii
22 “Qotiyyoon yookiin hoolaan obboleessa keetii badee utuu deemuu yoo argite, taʼe jettee callistee bira hin darbin.+ Gara obboleessa keetti isa deebisuu qabda. 2 Haa taʼu malee, obboleessi kee kan jiraatu si irraa fagoo yoo taʼe yookiin isa hin beektu yoo taʼe, horii sana gara mana keetti geessi; hamma obboleessi kee isa barbaacha dhufuttis si bira haa turu. Achiis horii sana isaaf deebisi.+ 3 Harree isaa, uffata isaa fi wanta obboleessa kee jalaa badee argite kam iyyuu akkanuma godhi. Callistee bira hin darbin.
4 “Harreen yookiin qotiyyoon obboleessa keetii karaa irratti kufee yoo argite, taʼe jettee callistee bira hin darbin. Horii sana kaasuuf isa gargaaruu qabda.+
5 “Dubartiin uffata dhiiraa hin uffatin; dhiirris uffata dubartii hin uffatin. Namni akkana godhu kam iyyuu Waaqa kee Yihowaa duratti jibbisiisaa dha.
6 “Karaa qarqaratti manʼee simbiraa muka yookiin lafa irra jiruu fi simbirri tokko cuucii yookiin hanqaaquu ishii wajjin keessa jirtu yoo argite, simbirri sunis cuucii ishii yookiin hanqaaquu ishii irra teesseetti yoo taʼe, haadhoo sana cuucii ishii wajjin hin fudhatin.+ 7 Haadhoo sana gadhiisi; cuucii ishii garuu fudhachuu dandeessa. Gaarii akka siif taʼuu fi bara dheeraa akka jiraattuuf akkana godhi.
8 “Mana haaraa yommuu ijaartu, namni tokko achi irraa kufee manni kee dhiigaan akka itti gaafatamu akka hin gooneef, baaxii+ kee irratti ittisa tolchi.
9 “Maasii wayinii kee irratti sanyii gosa lama hin facaasin.+ Taʼuu baannaan garuu, oomishni sanyii facaaste irraa argamu hundii fi oomishni maasii wayinii sana irraa argamu hundi iddoo qulqulluutiif kan kennamu ni taʼa.
10 “Qotiyyoo fi harree walitti camaddee ittiin hin qotin.+
11 “Uffata rifeensa hoolaa fi quncee talbaa irraa walitti dhaʼamee tolfame hin uffatin.+
12 “Andaara arfan uffata keetii irratti foʼaa tolfadhu.+
13 “Dhiirri tokko haadha manaa fuudhee ishii wajjin saalqunnamtii erga raawwatee booda yoo ishii jibbe,* 14 addaggee akka taatetti ishii himatee, ‘Dubartii tana fuudheen ture; yommuun ishii wajjin saalqunnamtii raawwadhetti garuu ragaa durba taʼuu ishii argisiisu hin arganne’ jedhee maqaa ishii yoo balleesse, 15 abbaanii fi haati intalattii ragaa durbummaa ishii argisiisu gara jaarsolii karra magaalattii bira jiraniitti haa fidan. 16 Achiis abbaan intalattii jaarsolii sanaan akkana haa jedhu: ‘Ani intala tiyya namicha kanatti heerumsiiseen ture; inni garuu ishii jibbee,* 17 “Ani ragaa intalli tee durba taʼuu ishii argisiisu hin arganne” jechuudhaan addaggee akka taatetti ishii himachaa jira. Ragaan intalli tiyya durba taʼuu ishii argisiisu kunoo ti.’ Sana booda isaan uffaticha jaarsolii magaalattii duratti ni diriirsu. 18 Jaarsoliin magaalattiis+ namicha fuudhanii ni adabu.+ 19 Namichi maqaa durba Israaʼel waan balleesseef,+ isaan meetii sheeqilii* 100 isa adabanii abbaa intalattiitiif ni kennu; ishiinis haadha manaa isaa taatee itti fufti. Umurii isaa guutuus akka ishii hiiku isaaf hin heyyamamu.
20 “Haa taʼu malee, himanni kun dhugaa yoo taʼee fi ragaan intalattiin durba taʼuu ishii argisiisu yoo dhabame, 21 ishiin mana abbaa ishii keessa utuu jirtuu ejja raawwachuudhaan+ Israaʼel keessatti gocha salphinaa waan raawwatteef,+ intala sana gara balbala mana abbaa ishiitti haa baasan; namoonni magaalaa ishiis dhagaadhaan tumanii ishii haa ajjeesan. Akka kanaan wanta hamaa taʼe of gidduudhaa balleessi.+
22 “Namni tokko haadha manaa nama kan biraa wajjin utuu ciisuu yoo argame, namichi dubartii sanaa wajjin ciisee fi dubartiin sun lamaan isaanii iyyuu haa ajjeefaman.+ Akka kanaan wanta hamaa taʼe Israaʼel keessaa balleessi.
23 “Namni tokko durba nama kan biraatiif kaadhimatamte takka magaalaa keessatti argatee ishii wajjin yoo ciise, 24 intalli sun magaalattii keessatti waan hin iyyineef, namichis haadha manaa nama kan biraa waan salphiseef, lamaan isaanii iyyuu gara karra magaalattiitti baasaatii dhagaadhaan tumaa isaan ajjeesaa.+ Akka kanaan wanta hamaa taʼe of gidduudhaa balleessi.
25 “Haa taʼu malee, namichi durba kaadhimatamte sana kan argate dirree keessatti yoo taʼee fi humnaan ishii caaluudhaan ishii wajjin yoo ciise, namichi ishii wajjin ciise sun qofti haa ajjeefamu; 26 intala sana homaa hin godhin. Intalli sun cubbuu duʼaan adabsiisu hin raawwanne. Kun wanta yeroo namni tokko nama kan biraa rukutee ajjeesutti raawwatamuu wajjin tokko dha.+ 27 Sababiin isaas, namichi kan ishii argate dirree keessatti dha; intalli kaadhimatamte sun kan iyyite taʼus, namni ishii oolchu hin turre.
28 “Namni tokko durba hin kaadhimatamne takka argatee ishii qabachuudhaan wajjin yoo ciise, boodas yoo isaan irratti beekame,+ 29 namichi ishii wajjin ciise sun meetii sheeqilii 50 abbaa intalattiitiif haa kennu; ishiinis haadha manaa isaa ni taati.+ Waan ishii salphiseef, umurii isaa guutuu akka ishii hiiku isaaf hin heyyamamu.
30 “Eenyu iyyuu haadha manaa abbaa isaa hin fuudhin; namni akkana godhu abbaa isaa ni salphisa.*+