LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 47
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Isaayyaas

      • Kufaatii Baabilon (1-15)

        • Warri urjii lakkaaʼan ni saaxilaman (13-15)

Isaayyaas 47:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 137:8; Er 50:41, 42
  • +Dan 5:30

Isaayyaas 47:3

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “eenyutti iyyuu gaarummaa hin argisiisu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 32:35, 41; Fr 94:1

Isaayyaas 47:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 41:14; 43:3; 44:6

Isaayyaas 47:5

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Mootittii.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 47:1
  • +Isa 13:19; 14:4; Mul 17:5

Isaayyaas 47:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 36:15, 16; Isa 42:24, 25; Zak 1:15
  • +Kes 28:63; His 24:21
  • +Er 52:14
  • +2Mo 25:18-21; Fr 137:8
  • +Kes 28:49, 50

Isaayyaas 47:7

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Mootittii.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Dan 4:30; Mul 18:7

Isaayyaas 47:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 18:3
  • +Dan 5:22, 23
  • +Mul 18:7

Isaayyaas 47:9

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “yoo raawwatte iyyuu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 18:10
  • +His 21:21; Dan 5:7; Mul 18:23
  • +Er 51:29

Isaayyaas 47:11

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Falfalaan akkamitti akka of irraa ittistu hin beektu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 18:10

Isaayyaas 47:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Dan 2:2

Isaayyaas 47:13

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “Warri samiiwwan hihiran; Warri urjii lakkaaʼan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Dan 5:7

Isaayyaas 47:14

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu isaanii.”

Isaayyaas 47:15

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “gara naannoo mataa mataa isaaniitti deebiʼuuf.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 51:6

Yaada Wal Simu

Isa. 47:1Fr 137:8; Er 50:41, 42
Isa. 47:1Dan 5:30
Isa. 47:3Kes 32:35, 41; Fr 94:1
Isa. 47:4Isa 41:14; 43:3; 44:6
Isa. 47:5Isa 47:1
Isa. 47:5Isa 13:19; 14:4; Mul 17:5
Isa. 47:62Se 36:15, 16; Isa 42:24, 25; Zak 1:15
Isa. 47:6Kes 28:63; His 24:21
Isa. 47:6Er 52:14
Isa. 47:62Mo 25:18-21; Fr 137:8
Isa. 47:6Kes 28:49, 50
Isa. 47:7Dan 4:30; Mul 18:7
Isa. 47:8Mul 18:3
Isa. 47:8Dan 5:22, 23
Isa. 47:8Mul 18:7
Isa. 47:9Mul 18:10
Isa. 47:9His 21:21; Dan 5:7; Mul 18:23
Isa. 47:9Er 51:29
Isa. 47:11Mul 18:10
Isa. 47:12Dan 2:2
Isa. 47:13Dan 5:7
Isa. 47:15Er 51:6
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Isaayyaas 47:1-15

Isaayyaas

47 Yaa intala Baabilon ishii durba taate nana,+

Gad buʼiitii biyyoo irra taaʼi.

Yaa intala Kaladootaa,

Bakka teessoon hin jirretti lafa irra taaʼi;+

Sababiin isaas, kana booda namoonni matumaa lallaaftuu fi qananiituu jedhanii si hin waaman.

 2 Dhagaa daakuu fudhadhuutii daakuu daaki.

Shaashii kee of irraa kaasi.

Qamisii kee of irraa baasi, tafa kees qullaatti hambisi.

Lageen sanas ceʼi.

 3 Qullaan kee ni mulʼata.

Qaaniin kees ni saaxilama.

Ani haaloo nan baʼa,+ namni na dhowwus hin jiraatu.*

 4 “Inni nu furu,

Inni maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa taʼe,

Isa Qulqulluu kan Israaʼeli.”+

 5 Yaa intala Kaladootaa,

Calluma jedhii achi taaʼi, dukkana keessas seeni;+

Isaan kana booda Giiftii* Mootummootaa jedhanii si hin waaman.+

 6 Ani saba kootti nan dheekkame.+

Dhaala koo nan xureesse,+

Harka keettis dabarsee isaan nan kenne.+

Ati garuu gara laafina isaanitti hin argisiisne.+

Maanguddoota irratti illee waanjoo ulfaataa feete.+

 7 Ati, “Ani yeroo hundumaa, bara baraaf Giiftii* nan taʼa” jette.+

Wantoota kana yaadatti hin qabanne;

Wanta dhuma irratti taʼus hin hubanne.

 8 Yaa ishii gammachuu jaallattuu,+

Ishii tasgabbiidhaan teessee garaa keetti,

“Kan akka kootii hin jiru, ana malees kan biraan hin jiru.+

Ani dubartii abbaan manaa irraa duʼe hin taʼu.

Ijoolleen koos matumaa hin duʼan” jettu nana+ kana dhagaʼi.

 9 Haa taʼu malee, wantoonni kun lamaan guyyuma tokkotti akka tasaa si irra gaʼu:+

Ijoolleen kee ni duʼu, atis dubartii abbaan manaa irraa duʼe ni taata.

Falfala hedduu fi dawweessaa raawwatte hundumaatiin kan kaʼe,*+

Balaawwan kun humna guddaadhaan sitti dhufu.+

10 Ati hammina keetti amanamteetta.

“Eenyu iyyuu na hin argu” jetteetta.

Ogummaan kee fi beekumsi kee karaa irraa si jalʼiseera,

Garaa keettis, “Kan akka kootii hin jiru, ana malees kan biraan hin jiru” jetta.

11 Haa taʼu malee, badiisni sitti dhufa,

Falfala kee keessaa tokko illee kana dhaabsisuu hin dandaʼu.*

Rakkinni sitti dhufa; atis hambisuu hin dandeessu.

Karaa ati kanaan dura hin beekneen badiisni tasaa sitti dhufa.+

12 Egaa, falfalaa fi dawweessuu+

Isa ijoollummaa keetii jalqabdee itti dadhabde sana raawwachuu kee itti fufi.

Tarii faayidaa argachuu dandeessa taʼa;

Tarii namoonni sodaadhaan akka guutaman ni goota taʼa.

13 Gorsitoota kee warra hedduu taʼaniin kan kaʼe dadhabdeetta.

Warri samiiwwan waaqeffatan,* warri urjiilee xiyyeeffannaadhaan ilaalan,+

Warri yeroo baatii haaraatti

Waaʼee wantoota sitti dhufanii dubbatan,

Amma kaʼanii si haa oolchan.

14 Kunoo, isaan akkuma hoffaa ti.

Ibiddi isaan ni guba.

Humna laboobni qabu irraa of* oolchuu hin dandaʼan.

Barbadaawwan kun qaqqaammachuuf kan taʼan miti,

Ibiddichis ibidda bira taaʼan miti.

15 Dawweessitoonni kee,

Warri ati ijoollummaa keetii jalqabdee itti dadhabde akkanuma sitti taʼu.

Hundi isaanii karaa mataa mataa isaanii* ni jooru.

Kan si oolchu tokko illee hin jiraatu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi