LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 22
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 2 Moototaa

      • Yosiyaas mootii Yihudaa (1, 2)

      • Qajeelfama mana qulqullummaa haaressuuf kenname (3-7)

      • Kitaabni Seerichaa ni argame (8-13)

      • Huldaan badiisni akka dhufu raajii dubbatte (14-20)

2 Mootota 22:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 13:2; Er 1:2; Sef 1:1
  • +2Se 34:1, 2
  • +Iya 15:20, 39

2 Mootota 22:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 15:5

2 Mootota 22:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 34:8

2 Mootota 22:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 6:13
  • +2Mo 12:9; 2Se 34:9
  • +2Mo 12:4, 5; 2Se 24:8

2 Mootota 22:5

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “baqaqe.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 12:11, 12; 2Se 34:10

2 Mootota 22:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 34:11

2 Mootota 22:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 12:15; 2Se 34:12

2 Mootota 22:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 22:3
  • +Kes 31:24-26
  • +2Se 34:14, 15

2 Mootota 22:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 34:16-18

2 Mootota 22:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 31:9

2 Mootota 22:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 34:19-21; Yoe 2:13

2 Mootota 22:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 25:22; Er 26:24

2 Mootota 22:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 4:24; 29:27; 31:17

2 Mootota 22:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 15:20; Abo 4:4; Nah 6:14; Luq 2:36; HoE 21:8, 9
  • +2Se 34:22-28

2 Mootota 22:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 22:8

2 Mootota 22:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 2:8
  • +Bau 20:3; Kes 32:17; Abo 2:12; Er 2:11
  • +Kes 32:22; Isa 33:14; Er 7:20; His 20:48

2 Mootota 22:19

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “waan laafeef.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 21:29; Yaq 4:6
  • +2Mo 22:11

2 Mootota 22:20

Miiljaleewwan

  • *

    Kun jechama duʼa argisiisuuf oolu dha.

Yaada Wal Simu

2Mot. 22:11Mo 13:2; Er 1:2; Sef 1:1
2Mot. 22:12Se 34:1, 2
2Mot. 22:1Iya 15:20, 39
2Mot. 22:21Mo 15:5
2Mot. 22:32Se 34:8
2Mot. 22:41Se 6:13
2Mot. 22:42Mo 12:9; 2Se 34:9
2Mot. 22:42Mo 12:4, 5; 2Se 24:8
2Mot. 22:52Mo 12:11, 12; 2Se 34:10
2Mot. 22:62Se 34:11
2Mot. 22:72Mo 12:15; 2Se 34:12
2Mot. 22:82Mo 22:3
2Mot. 22:8Kes 31:24-26
2Mot. 22:82Se 34:14, 15
2Mot. 22:92Se 34:16-18
2Mot. 22:10Kes 31:9
2Mot. 22:112Se 34:19-21; Yoe 2:13
2Mot. 22:122Mo 25:22; Er 26:24
2Mot. 22:13Kes 4:24; 29:27; 31:17
2Mot. 22:14Bau 15:20; Abo 4:4; Nah 6:14; Luq 2:36; HoE 21:8, 9
2Mot. 22:142Se 34:22-28
2Mot. 22:162Mo 22:8
2Mot. 22:17Isa 2:8
2Mot. 22:17Bau 20:3; Kes 32:17; Abo 2:12; Er 2:11
2Mot. 22:17Kes 32:22; Isa 33:14; Er 7:20; His 20:48
2Mot. 22:191Mo 21:29; Yaq 4:6
2Mot. 22:192Mo 22:11
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
2 Mootota 22:1-20

Mootota Lammaffaa

22 Yosiyaas+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa saddeet ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 31f ni bulche.+ Maqaan haadha isaa Yidiidaa yeroo taʼu, ishiin intala Adaayaa isa nama biyya Bozqaat+ taʼee turte. 2 Inni wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni raawwate; daandii abbaan isaa Daawit irra deeme hunda irras ni deeme;+ gara mirgaatti yookiin gara bitaatti hin jalʼanne.

3 Yosiyaas Mootichi mootii taʼee waggaa 18ffaa isaatti, Shaafaan ilma Azaaliyaa, ilma Meshulaam isa barreessaa taʼeen akkana jedhee gara mana Yihowaatti erge:+ 4 “Gara Hilqiyaa+ isa luba ol aanaa taʼe sanaatti ol baʼiitii, maallaqa isa gara mana Yihowaatti fidame isa karra eegdonni sabicha irraa walitti qaban+ hunda akka walitti qabu godhi.+ 5 Isaan maallaqicha namoota hojii mana Yihowaa keessatti hojjetamu irratti muudamaniif haa kennan; isaan immoo hojjettoota mana Yihowaa keessatti hojjetan warra manicha bakka miidhame* haaressaniif,+ 6 jechuunis warra ogummaa harkaa qabaniif, ijaartotaa fi warra dhagaadhaan ijaaraniif ni kennu; isaanis manicha haaressuuf saanqaawwanii fi dhagoota bocaman bituuf itti haa fayyadaman.+ 7 Isaan kan amanaman waan taʼaniif, akkaataa maallaqa sanatti itti fayyadaman ilaalchisee gabaasa dhiheessuun isaan hin barbaachisu.”+

8 Boodas Hilqiyaan inni luba ol aanaa taʼe Shaafaan isa barreessaa taʼeen,+ “Mana Yihowaa keessaa kitaaba Seerichaa+ argadheera” jedhe. Kanaafuu, Hilqiyaan kitaabicha Shaafaanitti kenne; innis kitaabicha dubbisuu jalqabe.+ 9 Sana booda Shaafaan inni barreessaa taʼe gara mootichaa dhaqee, “Tajaajiltoonni kee maallaqa isa manicha keessaa argame baasanii warra hojii mana Yihowaatti hojjetamu irratti muudamanitti kennaniiru” jedhee itti hime.+ 10 Kana malees Shaafaan inni barreessaa taʼe, “Kitaabni+ Hilqiyaan lubichi natti kenne tokko jira” jedhee mootichatti hime. Achiis Shaafaan mooticha duratti kitaabicha dubbisuu jalqabe.

11 Mootichis dubbii kitaaba Seerichaa akkuma dhagaʼeen uffata isaa ni tarsaase.+ 12 Achiis mootichi Hilqiyaa lubichaaf, Ahiqaam+ ilma Shaafaaniif, Akboor ilma Mikaayaatiif, Shaafaan isa barreessaa taʼee fi Asaayaa isa tajaajilaa mootichaa taʼeef ajaja akkana jedhu kenne: 13 “Abbootiin keenya dubbii kitaaba kana keessatti waaʼee keenya barreeffame hundumaa eeguudhaan waan hin ajajamneef, dheekkamsi Yihowaa inni nu irratti bobaʼe guddaa dha;+ kanaafuu, dhaqaa, dubbii kitaaba argame kana keessa jiru ilaalchisee anaan, sabichaa fi guutummaa Yihudaa bakka buʼaatii Yihowaa gaafadhaa.”

14 Kanaafuu, Hilqiyaan lubichi, Ahiqaam, Akboor, Shaafaanii fi Asaayaan gara Huldaa raajittii+ dhaqan. Ishiin haadha manaa Shaalum ilma Tiquwaa, ilma Harhaas isa eegduu mana uffataa taʼe sanaa yeroo taatu, Kutaa Lammaffaa Magaalaa Yerusaalem keessa jiraatti turte; isaanis achitti ishii haasofsiisan.+ 15 Ishiinis akkana isaaniin jette: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Namicha gara kootti isin erge sanaan akkana jedhaa: 16 “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani iddoo kanaa fi jiraattota ishii irratti badiisa isa kitaaba mootiin Yihudaa dubbise+ keessatti barreeffame hundumaa nan fida. 17 Isaan waan na dhiisaniif, akkasumas hojii harka isaanii hundumaatiin+ na dheekkamsiisuuf waaqolii kan birootiif aarsaawwan aarfaman waan dhiheessaniif,+ dheekkamsi koo iddoo kana irratti ni bobaʼa; hin dhaamus.’”+ 18 Mootii Yihudaa isa Yihowaa akka gaafattan isin erge sanaan garuu akkana jedhaa: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Wanta dhageesse sana ilaalchisee, 19 isaan akka naasifamanii fi akka abaaraman, wanta ani iddoo kanaa fi jiraattota ishii irratti dubbadhe dhageessee garaan kee waan tuqameef,* Yihowaa duratti waan gad of qabdeef,+ uffata kee waan tarsaasteef,+ na durattis waan boosseef, anis si dhagaʼeera jedha Yihowaan. 20 Gara abbootii keetti kanan walitti si qabus kanaafi;* ati nagaadhaan awwaala kee keessa ni ciista; ijji kees badiisa ani iddoo kana irratti fidu hundumaa hin argu.’”’” Isaanis deebiʼanii wanta jedhame kana mootichatti himan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi