Weedduu Weedduu caalu
4 “Yaa jaalallee too, ati bareedduu dha.
Ati bareedduu dha.
Ijji kee shaashii kee keessatti akkuma ija gugee ti.
Rifeensi kee akkuma tuuta reʼootaa
Gaarota Giiliyaad+ irraa gad yaaʼuu ti.
2 Ilkaan kee akkuma hoolota reefuu rifeensi irraa muramee
Dhiqamanii gad baʼaa jiranii ti,
Hundi isaanii lakkuu lakkuu dhalu,
Isaan keessaa ilmoo ishii kan dhabde tokko illee hin jirtu.
3 Hidhiin kee akkuma foʼaa diimaa ti,
Dubbiin kees namatti tola.
Maddiin* kee shaashii kee keessatti
Akkuma romaanii bakka lamatti hiramee ti.
4 Mormi kee+ akkuma masaraa Daawit+
Isa dhagaa wal irra kaaʼameen ijaaramee,
Isa gaachanni kumni irratti fannifamuu,
Isa gaachanni namoota jajjaboo hundi irratti fannifamuu ti.+
5 Harmi kee lamaan akkuma ilmoolee borofaa lamaa ti;
Akkuma borofa lakkuu+
Abaaboowwan gidduu dheedanii ti.”
6 “Yeroon guyyichi itti qilleensaʼu gaʼuu isaa fi gaaddisni darbuu isaa dura,
Ani gara gaara qumbiitti,
Gara tabba ixaana adiittis+ karaa koo nan qajeela.”
8 Yaa misirroo too, Libaanon+ irraa naa wajjin kottu,
Libaanon irraa naa wajjin kottu.
Fiixee Amaanaa* irraa,
Fiixee Seenir, fiixee Hermoon+ irraa,
Holqa leencotaa keessaa, gaarota qeerransootaa keessaas gad buʼi.
9 Yaa obboleettii too, yaa misirroo too, onnee koo boojiteetta,
Liphsuu ija kee tokkoon,
Callee mormaa kee tokkoonis onnee koo boojiteetta.+
10 Yaa obboleettii too, yaa misirroo too, ibsi jaalalaa kee akkam namatti tola!+
Ibsi jaalalaa kee daadhii wayinii irra,
Urgaan urgooftuu keetiis wanta urgaaʼu+ kam irra iyyuu ni wayya!+
11 Yaa misirroo too, hidhiin kee damma coccophsa.+
Dammii fi aannan arraba kee jala jiru,+
Urgaan uffata keetii akkuma urgaa Libaanoni.
12 Obboleettiin too, misirroon too, akkuma iddoo biqiltuu cufamaa,
Akkuma iddoo biqiltuu cufamaa, akkuma burqaa cufamee tis.
13 Latiiwwan* kee jannata* romaanii
Isa firiiwwan filatamoo, biqiltuu hiinnaa fi biqiltuu naardosii,
14 Naardosii+ fi saafron, marga urgaaʼuu+ fi qarafaa,+
Mukeetii ixaana adii akaakuu hundumaa, qumbii fi argisa,*+
Akkasumas urgooftuuwwan+ hunda caalaa baʼeessa taʼan hundumaa qabu dha.
15 Ati burqaa iddoo biqiltuu, boolla bishaan qulqulluu ti,
Akkasumas lageen Libaanon irraa yaaʼani dha.+
16 Yaa bubbee kaabaa, dammaqi;
Yaa bubbee kibbaa, ol seeni.
Iddoo biqiltuu kootti qilleensaʼi.
Urgaan isaa haa tamsaʼu.”
“Jaalalleen koo gara iddoo biqiltuu isaatti seenee
Firiiwwan filatamoo haa nyaatu.”