Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa
6 Ilmaan Leewwii,+ Geershon, Qehaatii+ fi Meraarii+ turan. 2 Ilmaan Qehaat, Amraam, Yizhaar,+ Kebroonii fi Uuziʼel+ turan. 3 Ijoolleen* Amraam,+ Aaron,+ Musee+ fi Miiriyaam+ turan. Ilmaan Aaron immoo, Naadaab, Abihuu,+ Eleʼazaarii+ fi Itaamaar+ turan. 4 Eleʼazaar Finahaasiin+ dhalche; Finahaas Abishuwaa dhalche. 5 Abishuwaan Buqqii dhalche; Buqqiin Uuzii dhalche. 6 Uuziin Zeraahiyaa dhalche; Zeraahiyaan Meraayootiin dhalche. 7 Meraayoot Amaariyaa dhalche; Amaariyaan Ahixuubiin+ dhalche. 8 Ahixuub Saadoqiin+ dhalche; Saadoq Ahimaʼaaziin+ dhalche. 9 Ahimaʼaaz Azaariyaa dhalche; Azaariyaan Yohaanaaniin dhalche. 10 Yohaanaan Azaariyaa dhalche. Innis mana Solomoon Yerusaalemitti ijaare keessatti luba taʼee tajaajila ture.
11 Azaariyaan Amaariyaa dhalche; Amaariyaan Ahixuubiin dhalche. 12 Ahixuub Saadoqiin+ dhalche; Saadoq Shaalumiin dhalche. 13 Shaalum Hilqiyaa+ dhalche; Hilqiyaan Azaariyaa dhalche. 14 Azaariyaan Seraayaa+ dhalche; Seraayaan Yehozaadaaqiin+ dhalche. 15 Yihowaan yeroo Yihudaanii fi Yerusaalem harka Nebukadnezaariin akka boojiʼaman godhetti, Yehozaadaaqis boojuudhaan ni fudhatame.
16 Ilmaan Leewwii, Geershom,* Qehaatii fi Meraarii turan. 17 Maqaan ilmaan Geershom, Libnii fi Shimeʼii+ ture. 18 Ilmaan Qehaat, Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uuziʼel+ turan. 19 Ilmaan Meraarii, Maahlii fi Muushii turan.
Maatiiwwan Leewwii maqaa abbootii isaaniitiin kanneen kana turan:+ 20 Geershon,+ ilmi Geershon Libnii, ilmi Libnii Yaahaat, ilmi Yaahaat Ziimaa, 21 ilmi Ziimaa Yoʼaa, ilmi Yoʼaa Idoo, ilmi Idoo Zeeraa, ilmi Zeeraa Yeʼatraay. 22 Ilmaan* Qehaat, ilma isaa Aminaadaab, ilma Aminaadaab Qoraa,+ ilma Qoraa Asiir, 23 ilma Asiir Elqaanaa, ilma Elqaanaa Ebiyaasaaf,+ ilma Ebiyaasaaf Asiir, 24 ilma Asiir Taahaat, ilma Taahaat Uuriʼel, ilma Uuriʼel Ooziyaa, ilma Ooziyaa Shaawul turan. 25 Ilmaan Elqaanaa, Amaasaayii fi Ahimoot turan. 26 Ilmaan Elqaanaa, ilma isaa Zofaay, ilma Zofaay Naahaat, 27 ilma Naahaat Eeliyaab, ilma Eeliyaab Yerohaam, ilma Yerohaam Elqaanaa+ turan. 28 Ilmaan Saamuʼel,+ ilma isaa isa angafaa Yooʼelii fi ilma isaa isa lammaffaa Abiyaa+ turan. 29 Ilmaan Meraarii, ilma isaa Maahlii,+ ilma Maahlii Libnii, ilma Libnii Shimeʼii, ilma Shimeʼii Uuzaa, 30 ilma Uuzaa Shimeʼaa, ilma Shimeʼaa Haagiyaa, ilma Haagiyaa Asaayaa turan.
31 Kanneen kun Taabotichi achi akka taaʼuuf erga dhufee booda warra Daawit faarfannaa mana Yihowaa keessatti faarfatamu akka geggeessaniif muude turan.+ 32 Isaan hamma Solomoon Yerusaalem keessatti mana Yihowaa ijaaretti,+ faarfannaa godoo qulqulluu dunkaana walgaʼii keessatti faarfatamuuf itti gaafatamummaa qabu turan; tajaajila isaaniis akkuma ajaja isaaniif kennametti raawwatu turan.+ 33 Warri ilmaan isaanii wajjin tajaajilan kanneen kana dha: Ilmaan Qehaatotaa keessaa Hemaan+ faarfaticha, ilma Yooʼel,+ ilma Saamuʼel, 34 ilma Elqaanaa,+ ilma Yerohaam, ilma Eliʼeel, ilma Toʼaa, 35 ilma Zuuf, ilma Elqaanaa, ilma Maahaat, ilma Amaasaay, 36 ilma Elqaanaa, ilma Yooʼel, ilma Azaariyaa, ilma Sefaaniyaa, 37 ilma Taahaat, ilma Asiir, ilma Ebiyaasaaf, ilma Qoraa, 38 ilma Yizhaar, ilma Qehaat, ilma Leewwii, ilma Israaʼel.
39 Obboleessi isaa Asaaf+ karaa mirga isaatiin dhaabbata ture; Asaaf ilma Berekiyaa, ilma Shimeʼaa, 40 ilma Mikaaʼel, ilma Baʼaaseyaa, ilma Maalkiyaa, 41 ilma Etnii, ilma Zeeraa, ilma Adaayaa, 42 ilma Eetaan, ilma Ziimaa, ilma Shimeʼii, 43 ilma Yaahaat, ilma Geershom, ilma Leewwii.
44 Sanyiiwwan Meraarii+ warri obboloota isaanii taʼan karaa bitaa dhaabbatu turan; Eetaan+ achi ture; inni ilma Qiishii, ilma Abdii, ilma Maaluuk, 45 ilma Hashaabiyaa, ilma Amaaziyaa, ilma Hilqiyaa, 46 ilma Amzii, ilma Baanii, ilma Sheemer, 47 ilma Maahlii, ilma Muushii, ilma Meraarii, ilma Leewwii ture.
48 Obboloota isaanii kan taʼan Leewwonni tajaajila godoo qulqulluu, jechuunis tajaajila mana Waaqa dhugaa hundumaatiif muudamanii* turan.+ 49 Aaronii fi ilmaan isaa+ akka Museen inni tajaajilaa Waaqa dhugaa taʼe ajaje hundumaatti hojiiwwan wantoota hundumaa caalaa qulqulluu taʼanii wajjin walitti dhufeenya qaban raawwachuudhaan, Israaʼeliif dhiifama argamsiisuuf+ iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatuu+ fi iddoo aarsaa ixaanaa+ irratti aarsaawwan aarfaman ni dhiheessan. 50 Sanyiiwwan Aaron kanneen kana turan:+ ilma isaa Eleʼazaar,+ ilma Eleʼazaar Finahaas, ilma Finahaas Abishuwaa, 51 ilma Abishuwaa Buqqii, ilma Buqqii Uuzii, ilma Uuzii Zeraahiyaa, 52 ilma Zeraahiyaa Meraayoot, ilma Meraayoot Amaariyaa, ilma Amaariyaa Ahixuub,+ 53 ilma Ahixuub, Saadoq,+ ilma Saadoq Ahimaʼaaz.
54 Naannoo isaanii keessatti gandeen buufatawwan* isaanii taʼan kanneen kana turan: sanyiiwwan Aaron warra maatii Qehaatotaa taʼaniif carraan inni jalqabaa ni baʼe; 55 isaanis biyya Yihudaa keessaa Kebrooniin+ iddoowwan dheedichaa naannoo ishiitti argamanii wajjin isaaniif ni kennan. 56 Lafa magaalattii fi gandeen ishii garuu Kaaleb+ ilma Yofuneetiif ni kennan. 57 Sanyiiwwan Aaroniif, magaalota itti baqatan,+ Kebroon,+ akkasumas Libnaa+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Yaatir,+ akkasumas Eeshtemoʼaa iddoowwan dheedichaa ishii wajjin,+ 58 Hiilen iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Deebir+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 59 Ashaan+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Beet Sheemesh+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 60 gosa Biiniyaam irraa immoo Geebaa+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Alameet iddoowwan dheedichaa ishii wajjinii fi Anaatot+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin isaaniif ni kennan. Magaalonni isaanii warri maatiiwwan isaaniitiif kennaman walumaa galatti 13 turan.+
61 Maatii gosichaa irraa, walakkaa gosichaa fi walakkaa gosa Minaasee irraa, Qehaatota warra hafaniif magaalonni kudhan carraadhaan ni kennaman.+
62 Gosa Yisaakor, gosa Asheer, gosa Niftaalemii fi gosa Minaasee isa Baashaanitti argamu irraa, Geershomotaaf akka maatii maatii isaaniitti magaalota 13 ni ramadan.+
63 Gosa Ruuben, gosa Gaadii fi gosa Zaabiloon irraa, Meraarotaaf akka maatii maatii isaaniitti magaalota 12 carraa buusanii ni ramadan.+
64 Akka kanaan Israaʼelonni magaalota kana iddoowwan dheedichaa isaanii wajjin Leewwotaaf ni kennan.+ 65 Kana malees, magaalota maqaa isaaniitiin ibsaman kana gosa Yihudaa, gosa Simiʼoonii fi gosa Biiniyaam irraa carraa buusanii isaaniif ni ramadan.
66 Maatiiwwan Qehaatotaa keessaa tokko tokko magaalota gosa Efreem irraa argatanii fi naannoo isaanii taʼan qabu turan.+ 67 Isaanis magaalota* itti baqatan, Sheekem+ ishii naannoo gaarotaa Efreem keessatti argamtu iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Geezer+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 68 Yoqmeʼaam iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Beet Hooron+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 69 Ayiloon+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Gaat Rimoon+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin isaaniif ni kennan; 70 walakkaa gosa Minaasee keessaa immoo, Aneer iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Bilʼaam iddoowwan dheedichaa ishii wajjin maatiiwwan Qehaatotaa warra hafaniif ni kennan.
71 Geershomotaaf, maatii walakkaa gosa Minaasee irraa Goolaan+ ishii Baashaan keessatti argamtu iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Ashtaarot iddoowwan dheedichaa ishii wajjin,+ 72 gosa Yisaakor keessaa immoo, Qeedesh iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Daaberaat+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin,+ 73 Raamot iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Aneem iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 74 gosa Asheer irraa Maashaal iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Abdoon iddoowwan dheedichaa ishii wajjin,+ 75 Huqooq iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Rehoob+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 76 gosa Niftaalem irraa immoo, Qeedesh+ ishii Galiilaa+ keessatti argamtu iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Hamoon iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Qiriyaataayim iddoowwan dheedichaa ishii wajjin isaaniif ni ramadan.
77 Meraarota warra hafaniif gosa Zaabiloon+ irraa, Rimoonoo iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Taabor iddoowwan dheedichaa ishii wajjin isaaniif ni ramadan; 78 Yordaanos irraa gara bahaatti naannoo Yordaanos isa Yerikootti argamutti, gosa Ruuben irraa Beezer ishii lafa onaa keessatti argamtu iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Yaahaaz+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 79 Qedemoot+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Mefaat iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 80 gosa Gaad keessaa immoo, Raamot ishii Giiliyaad keessatti argamtu iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, Mahaanaayim+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, 81 Heshboon+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin, akkasumas Yaazeer+ iddoowwan dheedichaa ishii wajjin isaaniif ni kennaman.