LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Abbootii Murtii 7
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Abbootii Murtii

      • Giidewonii fi namoota isaa 300n (1-8)

      • Raayyaan waraanaa Giidewon Miidiyaaniin moʼe (9-25)

        • “Goraadee Yihowaa fi kan Giidewon!” (20)

        • Namoonni buufata Miidiyaanotaa keessa jiran ni burjaajaʼan (21, 22)

Abbootii Murtii 7:1

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “dirree gad buʼaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 6:11, 32

Abbootii Murtii 7:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 14:6; 2Se 14:11
  • +1Sa 17:47

Abbootii Murtii 7:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 20:8

Abbootii Murtii 7:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 7:2

Abbootii Murtii 7:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 6:33

Abbootii Murtii 7:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 3:9, 10; 4:14

Abbootii Murtii 7:11

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “harki kee ni jabaata.”

Abbootii Murtii 7:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 6:33
  • +Abo 6:3, 5

Abbootii Murtii 7:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 6:16

Abbootii Murtii 7:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 6:14
  • +Abo 7:7

Abbootii Murtii 7:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 7:11

Abbootii Murtii 7:16

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “okkotee.”

  • *

    Ykn., “daamotiin.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 7:8

Abbootii Murtii 7:19

Miiljaleewwan

  • *

    Eegumsi halkan walakkaa, halkan gara saʼaatii 4tti kan jalqabu yeroo taʼu, hamma halkan saʼaatii 8tti itti fufa.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 7:8
  • +Abo 7:16

Abbootii Murtii 7:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 14:25; 2Mo 7:6, 7

Abbootii Murtii 7:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 20:23
  • +1Mo 19:16

Abbootii Murtii 7:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 6:35

Abbootii Murtii 7:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 83:11; Isa 10:26
  • +Abo 8:4

Yaada Wal Simu

Abo. 7:1Abo 6:11, 32
Abo. 7:21Sa 14:6; 2Se 14:11
Abo. 7:21Sa 17:47
Abo. 7:3Kes 20:8
Abo. 7:7Abo 7:2
Abo. 7:8Abo 6:33
Abo. 7:9Abo 3:9, 10; 4:14
Abo. 7:12Abo 6:33
Abo. 7:12Abo 6:3, 5
Abo. 7:13Abo 6:16
Abo. 7:14Abo 6:14
Abo. 7:14Abo 7:7
Abo. 7:15Abo 7:11
Abo. 7:16Abo 7:8
Abo. 7:19Abo 7:8
Abo. 7:19Abo 7:16
Abo. 7:21Bau 14:25; 2Mo 7:6, 7
Abo. 7:222Se 20:23
Abo. 7:221Mo 19:16
Abo. 7:23Abo 6:35
Abo. 7:25Fr 83:11; Isa 10:26
Abo. 7:25Abo 8:4
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Abbootii Murtii 7:1-25

Abbootii Murtii

7 Achiis Yerubaʼaal, jechuunis Giidewonii+ fi namoonni isaa wajjin jiran hundi bariidhaan kaʼanii Burqaa Harood bira buufatan; yeroo kanatti buufanni Miidiyaan isa irraa kallattii kaabaatiin dirree sululichaa* keessa tabba Mooree bira jira ture. 2 Yihowaanis Giidewoniin akkana jedhe: “Ani Miidiyaaniin harka isaaniitti dabarsee akkan hin kennineef namoonni sii wajjin jiran baayʼee hedduu dha.+ Taʼuu baannaan, Israaʼel ana irratti of jajuudhaan, ‘Harka kootu na oolche’+ jedha. 3 Amma, maaloo, bakka sabichi jirutti, ‘Namni sodaatee fi hollate kam iyyuu, gara manaatti haa deebiʼu’+ jedhii labsi.” Kanaafuu, Giidewon isaan ni qore. Akka kanaan, namoonni 22,000 gara manaatti ni deebiʼan, namoonni 10,000 immoo ni hafan.

4 Ammas Yihowaan Giidewoniin akkana jedhe: “Amma iyyuu namoonni kun akka malee hedduu dha. Akkan achitti isaaniin siif qoruuf gara bishaaniitti gad isaan buusi. Yommuun, ‘Inni kun sii wajjin ni deema’ jedhu, inni sii wajjin ni deema; yommuun, ‘Inni kun sii wajjin hin deemu’ jedhu garuu, inni sii wajjin hin deemu.” 5 Kanaafuu, inni namoota sana gara bishaaniitti gad buuse.

Achiis Yihowaan Giidewoniin, “Warra akka sareen arrabaan dhugdutti bishaanicha arraba isaaniitiin dhugan hundumaa, warra dhuguuf jilbeenfatan irraa addaan baasi” jedhe. 6 Lakkoofsi namoota harka isaanii keessaa arraba isaaniitiin bishaan dhuganii 300 ture. Namoonni hafan garuu jilbeenfatanii dhugan.

7 Yeroo kanatti Yihowaan Giidewoniin, “Namoota 300n arraba isaaniitiin bishaan dhuganiin isin nan oolcha; Miidiyaaniin harka keetti dabarsee nan kenna.+ Namoonni kaan hundi garuu gara mana isaaniitti haa deebiʼan” jedhe. 8 Kanaafuu, isaan galaa fi xurumbaa erga isaan irraa fudhatanii booda, Giidewon namoonni Israaʼel kaan hundi gara mana isaaniitti akka deebiʼan godhe; kan of biratti hambise namoota 300 qofa ture. Buufanni Miidiyaan buufata Giidewonii gaditti dirree sululichaa keessatti argama ture.+

9 Halkan sana keessa Yihowaan akkana isaan jedhe: “Kaʼi, ani harka keetti dabarsee waanan kenneef, buufaticha haleeli.+ 10 Yoo sodaatte garuu, tajaajilaa kee Puuraa wajjin gara buufatichaatti gad buʼi. 11 Wanta isaan jedhan dhaggeeffadhu; sana booda buufaticha haleeluuf ija jabina ni qabaatta.”* Achiis innii fi tajaajilaan isaa Puuraan gara qarqara buufata raayyaa waraanaa sanaatti gad ni buʼan.

12 Yeroo kanatti Miidiyaan, Amaaleqii fi namoonni Bahaa+ akka gurmuu awwaannisaatti dirree sululichaa uwwisanii turan; gaalonni isaaniis akka cirracha qarqara galaanaa hedduu fi lakkaaʼamuu kan hin dandeenye turan.+ 13 Giidewonis ni dhufe; achittis namni tokko akkana jedhee michuu isaatti abjuu himaa ture: “Abjuu kana argeen ture. Bixxilleen garbuu tokko gara buufata Miidiyaanitti konkolaachaa ture. Innis gara dunkaana tokkoo dhufee akka malee waan isa rukuteef dunkaanichi ni jige.+ Eeyyee, dunkaanicha ni garagalche; dunkaanichis lafa irra afame.” 14 Yeroo kanatti michuun isaa, “Kun goraadee Giidewon+ ilma Yoʼaas isa nama Israaʼel taʼe sanaa ti malee kan biraa taʼuu hin dandaʼu. Waaqayyo Miidiyaanii fi guutummaa buufatichaa harka isaatti dabarsee kenneera”+ jedhe.

15 Giidewonis abjuu sanaa fi hiika isaa akkuma dhagaʼeen,+ waaqeffannaa dhiheessuuf gad ni gombifame. Sana booda gara buufata Israaʼelitti deebiʼee, “Yihowaan buufata Miidiyaan harka keessanitti dabarsee waan kenneef, kaʼaa” jedhe. 16 Namoota 300n sanas garee sadiitti qoodee hunda isaaniitiif xurumbaa+ fi hubboo* guddaa gucni* keessa jiru ni kenne. 17 Achiis akkana isaaniin jedhe: “Ana ilaalaatii wantuma ani godhu godhaa. Yommuun gara qarqara buufatichaa dhufu, isinis wantuma ani godhu gochuu qabdu. 18 Anii fi warri anaa wajjin jiran xurumbaa yommuu afuufnu, isinis guutummaa buufatichaatti xurumbaa afuufaatii, ‘Yihowaa fi Giidewoniif!’ jedhaa iyyaa.”

19 Giidewonii fi namoonni 100 warri isaa wajjin jiran eegumsi halkan walakkaa yeroo jalqabutti,* akkuma waardiyoonni iddoo isaanii qabataniin gara qarqara buufatichaa ni dhufan. Isaan xurumbaawwan ni afuufan,+ hubboowwan guguddaa harka isaanii irra turanis ni caccabsan.+ 20 Kanaafuu, gareewwan sadan xurumbaawwan ni afufan, hubboowwan guguddaa sanas ni caccabsan. Gucawwan sana harka bitaatti qabatan; harka mirgaatti immoo xurumbaawwan sana qabatanii afuufan; achiis, “Goraadee Yihowaa fi kan Giidewon!” jedhanii iyyan. 21 Yeroo kana hundumaatti tokkoon tokkoon namaa guutummaa buufatichaa keessa iddoo isaa irra dhaabbatee ture; namoonni buufaticha keessa jiran hundis ni fiigan; iyyaas ni baqatan.+ 22 Namoonni 300n sunis xurumbaa afuufuu isaanii ittuma fufan; Yihowaanis guutummaa buufatichaa keessatti inni tokko isa kan biraa irratti goraadee akka kaasu godhe;+ raayyaan waraanaa sunis gara Zereraatti qajeeluudhaan hamma Beet Shitaatti, hamma qarqara Abeel Meholaa+ ishii Xaabaat biratti argamtuutti ni baqate.

23 Namoonni Israaʼelis Niftaalem, Asheerii fi guutummaa Minaasee+ keessaa walitti waamamanii Miidiyaan duukaa ni buʼan. 24 Giidewonis, “Miidiyaaniin rukutuuf gad buʼaa; iddoowwan bishaaniis hamma Beet Baaraattii fi hamma Yordaanositti qabadhaa” jedhee guutummaa naannoo gaarotaa Efreem keessatti ergamtoota erge. Kanaafuu, namoonni Efreem hundi walitti ni qabaman; bishaan hamma Beet Baaraattii fi hamma Yordaanositti argamus ni qabatan. 25 Kana malees bulchitoota Miidiyaan lamaan, jechuunis Oreebii fi Zeʼeebiin ni qabatan; Oreebiin qarsaa Oreeb+ irratti, Zeʼeebiin immoo iddoo cuunfaa wayinii Zeʼeeb biratti ni ajjeesan. Miidiyaaniin+ ariʼuu isaaniis itti fufan; achiis mataa Oreebii fi Zeʼeeb naannoo Yordaanositti gara Giidewon ni fidan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi