Faarfannaa
Faarfannaa. Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Geggeessaa muuziqaatiif; akkaataa Mahaalaatiin,* wal harkaa fuudhuudhaan kan faarfatamu. Maaskiilii* Hemaan+ Izraahichaa.
2 Kadhannaan koo gara kee haa dhufu,+
Gurra kee gara iyya ani gargaarsa argachuuf dhageessisutti qabi.*+
4 Ani warra gara boollaatti* gad buʼan gidduutti lakkaaʼameera;+
5 Akka reeffa awwaala keessa ciisuutti
Nama warra duʼan gidduutti dhiifame,
Nama ati yaadachuu dhiiste,
Nama kunuunsa* kee irraa addaan cites taʼeera.
6 Boolla isa jalaa keessa,
Iddoowwan dukkanaa keessa, qilee guddaa keessas na keesseetta.
7 Dheekkamsi kee baayʼee natti ulfaateera,+
Dambalii kee isa caccabsuunis akkan liqimfamu gooteetta. (Seelaa)
8 Michoota koo na irraa fageessitee ariiteetta;+
Isaan duratti wanta jibbisiisaa akkan taʼu gooteetta.
Ani kiyyoodhaan qabameera, miliquus hin dandaʼu.
9 Rakkina kootiin kan kaʼe ijji koo dadhabeera.+
Yaa Yihowaa, guyyaa guutuu sin waammadha;+
Harka koo gara keetti nan diriirsa.
10 Warra duʼaniif wantoota dinqisiisoo ni raawwattaa?
Warri duʼaan moʼaman kaʼanii si jajachuu ni dandaʼuu?+ (Seelaa)
11 Jaalalli kee inni amanamaan awwaala keessatti,
Amanamummaan kees iddoo badiisaa* keessatti ni labsamaa?
12 Dinqiin kee dukkana keessatti
Yookiin qajeelummaan kee biyya warra irraanfatamanii keessatti ni beekamaa?+
13 Yaa Yihowaa, ani garuu amma iyyuu gargaarsa argachuuf gara keetti nan iyyadha,+
Ganama ganamas kadhannaan koo si duratti ni dhihaata.+
14 Yaa Yihowaa, maaliif na* dhiista?+
Fuula kee hoo maaliif na jalaa dhoksita?+
15 Ani ijoollummaa kootii jalqabee
Nama cunqurfamee fi baduu jala gaʼe taʼeera;+
Wantoota sodaachisoo akka na irra gaʼan heyyamteen kan kaʼes hadoodeera.
16 Dheekkamsi kee inni bobaʼaan na liqimseera;+
Naasuun si biraa dhufus na balleesseera.
17 Isaan guyyaa guutuu akkuma bishaanotaatti na marsaniiru;
Kallattii hundumaatiinis* na irratti cufaniiru.
18 Michoota koo fi hiriyoota koo na irraa fageessitee ariiteetta;+
Dukkannis michuu koo taʼeera.