LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 26:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 kun dhiiga koo isa ‘dhiiga+ kakuu’+ taʼee fi namoota hedduudhaaf dhiifama cubbuu+ argamsiisuuf dhangalaʼu+ argisiisa.

  • Roomaa 3:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Waaqayyo namoota dhiiga isaatti amananiif+ aarsaa araaraa godhee isa dhiheesseera.+ Kana kan godhe, Waaqayyo cubbuuwwan baroota darbanitti hojjetamaniif obsa isaatiin dhiifama gochuudhaan qajeelummaa isaa argisiisuuf jedhee ti.

  • Roomaa 5:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Amma dhiiga isaatiin qajeelota jedhamnee waan waamamneef,+ karaa isaa dheekkamsa Waaqayyoo jalaa akka oollu beekamaa dha.+

  • Efesoon 1:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Akka baayʼina gaarummaa isaa isa guddaatti, karaa dhiiga Ilma isaa+ furicha kaffaluu isaatiin bilisa baaneerra, eeyyee, cubbuun keenya nuuf dhiifameera.+

  • Ibroota 9:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Eeyyee, akka Seerichaatti wantoonni hundi dhiigaan qulqulleeffamu+ jechuun ni dandaʼama; dhiigni yoo dhangalaʼe malee dhiifamni cubbuu hin argamu.+

  • Ibroota 13:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yesuusis dhiiga ofii isaatiin namoota qulqulleessuuf,+ karra magaalattiitii alatti dhiphateera.+

  • 1 Pheexiros 1:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 warra Waaqayyo Abbaan dursee beekuudhaan filate,+ akkasumas Yesuus Kiristoosiif akka ajajamanii fi dhiigni isaa akka isinitti facaafamuuf+ hafuuraan qulqulleeffamaniif:+

      Gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa baayʼatu.

  • 1 Yohaannis 1:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Haa taʼu malee, akkuma inni ifa keessa jiru nutis ifaan yoo deddeebine, walii wajjin tokkummaa ni qabaanna, akkasumas dhiigni Ilma isaa Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa.+

  • Mulʼata 1:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Akkasumas, Yesuus Kiristoos isa “Dhugaa Baatuu Amanamaa,”+ “warra duʼan keessaa angafa”+ taʼee fi “Bulchaa mootota lafaa”+ taʼe irraa gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa taʼu.

      Isa nu jaallatee+ fi dhiiga ofii isaatiin cubbuu keenya irraa bilisa nu baase+ sanaaf,

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi