-
Lakkoofsa 4:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 “Buufatichi bakka tokkoo gara bakka kan biraa dhaquuf kaʼuu isaa dura, Aaronii fi ilmaan isaa iddoo qulqulluu fi miʼawwan iddoo qulqulluu hundumaa uwwisanii xumuruu qabu.+ Achiis ilmaan Qehaat isaan baachuuf ni seenu;+ haa taʼu malee, iddoo qulqulluu sana tuquu hin qaban; yoo akkana godhan ni duʼu.+ Dunkaana walgaʼii wajjin haala wal qabateen itti gaafatamummaan* ilmaan Qehaat qaban kana dha.
-
-
Lakkoofsa 4:24-26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Wanti maatiiwwan Geershonotaa akka kunuunsanii fi akka baataniif isaaniif ramadame kana dha:+ 25 Isaan huccuuwwan dunkaana godoo qulqulluu,+ dunkaana walgaʼii, wanta isa irraan uwwifamu, gogaa tahaash isa gubbaadhaan uwwifamu,+ golgaa balbala dunkaana walgaʼii,+ 26 golgaawwan mooraa+ sanaa, golgaa balbala mooraa+ isa godoo qulqulluuttii fi iddoo aarsaatti marsee jiru sanaa, funyoowwan dunkaanaa fi miʼawwan isaanii hundumaa, akkasumas wantoota tajaajila isaatiif oolan hundumaa ni baatu. Kun hojii isaanii ti.
-
-
Lakkoofsa 4:31-33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Tajaajila isaanii isa dunkaana walgaʼii wajjin haala wal qabateen wanti isaan baachuuf itti gaafatamummaa qaban kana dha:+ maqaaniiwwan+ godoo qulqulluu, danqaraawwan+ isaa, utubaawwan+ isaa, miiloowwan isaa warra uraa qaban,+ 32 utubaawwan+ mooraa sanatti marsanii jiran, miiloowwan isaanii warra uraa qaban,+ qofoowwan dunkaanaa+ isaanii, funyoowwan dunkaanaa isaanii fi miʼawwan isaanii hundumaa, akkasumas wantoota tajaajila kanaa wajjin wal qabatan hundumaa. Miʼawwan isaan baachuuf itti gaafatamummaa qaban maqaa isaaniitiin isaaniif ramadaa. 33 Akkaataan maatiiwwan ilmaan Meraarii,+ qajeelfama Itaamaar ilma Aaron lubichaa jalatti dunkaana walgaʼii keessatti itti tajaajilan kana dha.”+
-