LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 17:15, 16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Kanaafuu, ishiin dhaqxee akkuma Eeliyaas ishiidhaan jedhe goote; ishiin, innii fi maatiin ishii guyyoota hedduudhaaf ni nyaatan.+ 16 Akkuma Yihowaan karaa Eeliyaas dubbatettis, daakuun hubboo guddaa sana keessaa hin dhumne; zayitiinis hubboo xinnoo sana keessaa hin dhumne.

  • 1 Mootota 17:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Yihowaanis kadhannaa Eeliyaas ni dhagaʼe;+ muchichis gara jireenyaatti deebiʼe; ni fayyes.+

  • 1 Mootota 17:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Yeroo kanatti dubartittiin Eeliyaasiin, “Amma ati dhugumaan nama Waaqayyoo+ taʼuu kee fi dubbiin Yihowaa inni ati dubbattes dhugaa taʼuu isaa beekeera” jette.

  • 1 Mootota 18:36
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 36 Naannoo yeroo aarsaan midhaanii inni galgalaa itti dhihaatutti,+ Eeliyaas raajichi gara fuulduraatti dhihaatee akkana jedhe: “Waaqa Abrahaam,+ Waaqa Yisihaaqii+ fi Waaqa Israaʼel kan taate yaa Yihowaa, ati Israaʼel keessatti Waaqa akka taatee fi ani immoo tajaajilaa kee akkan taʼe, wantoota kana hunda kanan godhes dubbii keetiin akka taʼe harʼa haa beekamu.+

  • 1 Mootota 18:38
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 38 Yeroo kanatti ibiddi Yihowaa gubbaadhaa gad buʼee aarsaa gubamu sana, qoraanicha, dhagoota sanaa fi biyyoo sana ni nyaate;+ bishaan boollicha keessa tures ni arraabe.+

  • 1 Mootota 18:46
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 46 Haa taʼu malee, harki Yihowaa Eeliyaas irratti ni dhufe; innis uffata isaa maree mudhii isaatti suuqqachuudhaan* hamma Yezriʼel gaʼutti Ahaab dura buʼee fiige.

  • 2 Mootota 2:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Achiis Eeliyaas uffata*+ isaa baasee maruudhaan bishaanicha rukute; bishaanichis bitaa fi mirgatti hirame; kanaafuu, lamaan isaanii iyyuu lafa gogaa irra ceʼan.+

  • 2 Mootota 2:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Utuu isaan waliin dubbachaa deemaa jiraniis akkuma tasaa gaariin fardaa ibiddaa tokkoo fi fardeen ibiddaa+ lamaan isaanii addaan baasan; Eeliyaasis obomboleettii keessaan gara samiitti ol baʼe.+

  • Luqaas 1:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Kana malees inni garaa abbootii gara ijoolleetti,+ namoota hin ajajamnes gara ogummaa qajeelotaatti deebisuuf hafuuraa fi humna Eeliyaasiin fuula isaa dura ni deema;+ kunis namoota Yihowaadhaaf* qopheessuufi.”+

  • Yohaannis 1:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Yeroo Yihudoonni, “Ati eenyu?”+ jedhanii akka isa gaafatan lubootaa fi Leewwota Yerusaalemii gara isaatti ergan wanti Yohaannis dhugaa baʼe kana ture.

  • Yohaannis 1:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Isaanis, “Maarree ati eenyu? Eeliyaasii?”+ jedhanii isa gaafatan. Innis, “Ani isa miti” jedhee deebise. Achiis, “Ati Raajichaa+ ree?” isaan jedhan. Innis, “Lakki!” jedhee deebise.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi