LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 26:38, 39
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 38 Isin saboota gidduutti ni dhumtu;+ biyyi diinota keessaniis isin nyaatti. 39 Warri haftan immoo balleessaa keessaniin kan kaʼe biyyoota diinota keessanii keessatti ni tortortu.+ Eeyyee, isaan balleessaa abbootii isaaniitiin kan kaʼe tortoranii badu.+

  • 1 Mootota 9:7-9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 biyya ani isaaniif kenne irraa Israaʼeliin nan balleessa;+ mana ani maqaa kootiif qulqulleesse kanas ija koo duraa nan gata;+ Israaʼelis saba hundumaa gidduutti kan tuffatamtuu* fi kan itti qoosamu ni taati.+ 8 Manni kunis tuullaa diiggaa ni taʼa.+ Namoonni achiin darban hundis ajaaʼibsiifatanii ilaaluudhaan siiqsanii, ‘Yihowaan biyya kanaa fi mana kana irratti akkana kan godhe maaliifi?’+ jedhu. 9 Achiis, ‘Isaan Waaqa isaanii Yihowaa isa abbootii isaanii biyya Gibxiitii baase dhiisanii waaqolii kan birootti waan goraniif, waan isaaniif sagadanii fi waan isaan tajaajilaniifi. Yihowaan rakkina kana hundumaa kan isaanitti fide kanaafi’ jedhu.”+

  • Faarfannaa 79:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 79 Yaa Waaqayyo, saboonni dhaala kee weeraraniiru;+

      Mana qulqullummaa kee isa qulqulluu xureessaniiru;+

      Yerusaalemiinis gara tuullaa dhagaatti jijjiiraniiru.+

  • Faarfannaa 79:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Olloota keenya duratti warra arrabsaman taaneerra;+

      Namoonni naannoo keenyaa nutti qoosu, nutti kolfus.

  • Ermiyaas 24:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Mootummoonni lafaa hundis badiisa ani isaan irratti fidu yommuu argan akka sodaatan nan godha;+ bakkan itti isaan bittinneessu hundumaa keessattis+ warra arrabsaman, warra itti mammaakamu, warra itti qoosamuu fi warra abaaraman akka taʼan nan godha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi