-
1 Mootota 9:7-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 biyya ani isaaniif kenne irraa Israaʼeliin nan balleessa;+ mana ani maqaa kootiif qulqulleesse kanas ija koo duraa nan gata;+ Israaʼelis saba hundumaa gidduutti kan tuffatamtuu* fi kan itti qoosamu ni taati.+ 8 Manni kunis tuullaa diiggaa ni taʼa.+ Namoonni achiin darban hundis ajaaʼibsiifatanii ilaaluudhaan siiqsanii, ‘Yihowaan biyya kanaa fi mana kana irratti akkana kan godhe maaliifi?’+ jedhu. 9 Achiis, ‘Isaan Waaqa isaanii Yihowaa isa abbootii isaanii biyya Gibxiitii baase dhiisanii waaqolii kan birootti waan goraniif, waan isaaniif sagadanii fi waan isaan tajaajilaniifi. Yihowaan rakkina kana hundumaa kan isaanitti fide kanaafi’ jedhu.”+
-
-
Faarfannaa 79:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Olloota keenya duratti warra arrabsaman taaneerra;+
Namoonni naannoo keenyaa nutti qoosu, nutti kolfus.
-