Asteer
8 Guyyaa sanatti Ahaashweros Mootichi mana Haamaan+ isa diina Yihudootaa taʼe+ sanaa Asteer Mootittiidhaaf ni kenne; Asteer inni fira ishii taʼuu isaa+ isatti himtee waan turteef, Mordekaay mooticha duratti ni dhihaate. 2 Achiis mootichi qubeellaa chaappaa+ isaa isa Haamaan irraa fudhatee ture sana of irraa baasee Mordekaayiif ni kenne. Asteeris Mordekaay mana Haamaan irratti itti gaafatamaa akka taʼu goote.+
3 Asteer ammas mooticha ni haasofsiiste. Ishiin miila isaatti kuftee miidhaa Haamaan Agaagichi raawwatee fi karoora hamminaa inni Yihudoota irratti qopheesse+ akka dhaabsisu booʼaa isa kadhatte. 4 Mootichi ulee warqii isaa Asteeritti ni hiixate;+ Asteeris ol kaatee mooticha dura dhaabbatte. 5 Achiis akkana jette: “Kun mooticha kan gammachiisu yoo taʼe, anis isa duratti fudhatama argadheera yoon taʼe, mooticha duratti sirrii fakkaatee yoo mulʼatee fi anis isa gammachiiseera yoon taʼe, ajajni barreeffama Haamaan+ ilmi Hamedaataa Agaagichi+ inni hamaan sun Yihudoota koonyaawwan mootichaa hundumaa keessatti argaman balleessuuf qopheesse sana fashaleessu haa barreeffamu. 6 Yommuu badiisni saba koo irra gaʼuu fi yommuu firoonni koo balleeffaman akkamittan callisee ilaaluu dandaʼa?”
7 Kanaafuu, Ahaashweros Mootichi Asteer Mootittii fi Mordekaay Yihudichaan akkana jedhe: “Kunoo, Haamaan Yihudoota miidhuuf mala waan qopheesseef,* ani mana isaa Asteeriif kenneera;+ innis jirma irratti akka fannifamu godheera.+ 8 Labsiin maqaa mootichaatiin barreeffamee fi qubeellaa chaappaa mootichaatiin chaappaan irratti godhame diigamuu waan hin dandeenyeef,+ ammas isin Yihudootaaf wanta gaarii fakkaatee isinitti mulʼate maqaa mootichaatiin barreessitanii qubeellaa chaappaa mootichaatiin chaappaa irratti gochuu dandeessu.”
9 Kanaafuu yeroo sana jiʼa sadaffaatti, jechuunis jiʼa Siiwaanitti,* jiʼicha keessaa guyyaa 23ffatti barreessitoonni mootichaa ni waamaman; achiis Yihudootaaf, abbootii taayitaatiif,+ bulchitootaaf, akkasumas bulchitoota koonyaawwan+ 127 taʼan warra Hindii irraa jalqabee hamma Itoophiyaatti argamaniif, tokkoon tokkoon koonyaatiif akka barreeffama* isaatti, tokkoon tokkoon sabaatiif akka qooqa isaatti, Yihudootaafis akka barreeffama* isaaniittii fi akka qooqa isaaniitti wanta Mordekaay ajaje hundumaa ni barreessan.
10 Innis barreeffamicha maqaa Ahaashweros Mootichaatiin barreessee qubeellaa chaappaa+ mootichaatiin chaappaa irratti godhee, harka ergamtoota fardaan gulufaniitti erge; isaanis fardeen saffisa qabanii fi tajaajila mootichaatiif oolaniin ni deeman. 11 Barreeffamoota kana keessatti Yihudoonni magaalota adda addaa hundumaa keessatti argaman walitti qabamanii akka of* irraa isaan ittisan, akkasumas dubartootaa fi ijoollee dabalatee humnoota saba yookiin koonyaa warra isaan balleessuu barbaadan kam iyyuu akka fixan, akka ajjeesanii fi akka barbadeessan, qabeenya isaaniis akka saaman mootichi isaaniif ni heyyame.+ 12 Kunis guyyuma tokkotti, jechuunis jiʼa Adaar*+ isa jiʼa 12ffaa taʼe keessaa guyyaa 13ffaatti koonyaawwan Ahaashweros Mootichaa hundumaa keessatti akka raawwatamu ni murteeffame. 13 Yaanni* barreeffamaa kun koonyaawwan hundumaa keessatti seera taʼee akka baʼu murteeffamee ture. Yihudoonni guyyaa sanatti diinota isaanii irratti haaloo baʼuuf+ akka qophaaʼaniif, yaanni barreeffamaa kun saboota hundumaatti akka labsamu murtaaʼee ture. 14 Ergamtoonni fardeen tajaajila mootichaatiif oolan gulufan sun ajaja mootichaatiin yeruma sana hatattamaan baʼanii deeman. Seerichi dahoo* Shushaan*+ keessattis labsamee ture.
15 Yeroo kanatti Mordekaay uffata mootii bifa cuquliisaa fi adii uffatee, gonfoo warqii guddaa kaaʼatee, uffata bifa dhiilgee suufii foʼaa baʼeessa irraa tolfamee fi irratti uffatamu uffatee mooticha duraa ni baʼe.+ Magaalaan Shushaanis* gammachuudhaan ni ililchite. 16 Yihudoonnis boqonnaa,* gammachuu fi ulfina argatan. 17 Akkasumas koonyaawwan hundumaa fi magaalota hundumaa bakka labsiin mootichaa fi seerri isaa gaʼe hundumaatti Yihudoonni baayʼee gammadan, akkasumas affeerraa fi ayyaana ni qopheeffatan. Namoonni biyya sanaa hedduun Yihudoota waan sodaataniif, isaanis Yihudii taʼan.+