LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yohaannis 7
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Yohaannis

      • Yesuus Ayyaana Daasii irratti argame (1-13)

      • Yesuus ayyaanicha irratti barsiise (14-24)

      • Ilaalcha adda addaa namoonni waaʼee Kiristoos qaban (25-52)

Yohaannis 7:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 5:18

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 136

Yohaannis 7:2

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Daasii.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 23:34

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 154

Yohaannis 7:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 12:46; Mar 6:3; Luq 8:19; Yoh 2:12; HoE 1:14; Gal 1:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 154

Yohaannis 7:4

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 154

Yohaannis 7:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mar 3:21

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Barsiisaa, ful. 222, 223-224

Yohaannis 7:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 2:4; 7:30

Yohaannis 7:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 3:19; 15:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 154

Yohaannis 7:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 8:20

Yohaannis 7:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 154

Yohaannis 7:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 9:16

Yohaannis 7:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 9:22; 12:42; 19:38

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 158

Yohaannis 7:15

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, mana barumsaa warri rabbii ykn barsiisonni itti baratan.

  • *

    Kal., “barreeffamoota.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 4:16, 17
  • +Mat 13:54; Mar 6:2; Luq 2:46, 47; HoE 4:13

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 158

Yohaannis 7:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 8:28; 12:49; 14:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    5/1/2006, ful. 24-25

Yohaannis 7:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 8:47

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 158

Yohaannis 7:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 5:41; 8:50

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    5/1/2006, ful. 24-25

Yohaannis 7:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 24:3
  • +Mat 12:14; Mar 3:6

Yohaannis 7:20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 158

Yohaannis 7:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 12:2, 3
  • +Uma 17:9, 10

Yohaannis 7:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 5:8, 9

Yohaannis 7:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 11:3, 4; Mat 23:23

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    8/2018, ful. 8-12

Yohaannis 7:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 5:18

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 158

Yohaannis 7:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 13:55

Yohaannis 7:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 8:42
  • +Yoh 8:54, 55

Yohaannis 7:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 11:27; Yoh 1:18; 10:15

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2008, ful. 12

Yohaannis 7:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mar 11:18; Luq 19:47
  • +Yoh 8:20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 158

Yohaannis 7:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 2:23; 8:30; 10:40, 42; 11:45

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 159

Yohaannis 7:32

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    3/2020, ful. 31

    Yesuus—Karaa, ful. 160

Yohaannis 7:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 13:33; 16:16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 160

Yohaannis 7:34

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 8:21, 22

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 160

Yohaannis 7:37

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 7:2
  • +Yoh 4:14; 6:35

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 160-161

Yohaannis 7:38

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 17:6; Lak 20:8; Yoh 4:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 160-161

Yohaannis 7:39

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 12:16; 13:31, 32; 1Xi 3:16
  • +Yoe 2:28; Yoh 16:7; HoE 2:17

Yohaannis 7:40

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 18:18; Yoh 6:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 161

Yohaannis 7:41

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 4:40, 42; 6:68, 69
  • +Yoh 1:46; 7:52

Yohaannis 7:42

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 13:5; Fr 89:3, 4; 132:11; Er 23:5
  • +Mik 5:2; Luq 2:4
  • +1Sa 16:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 161

Yohaannis 7:45

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    “Duuka Buutuu Koo Taʼi,” ful. 126

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    3/2020, ful. 31

Yohaannis 7:46

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 7:28, 29; Luq 4:22

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    “Duuka Buutuu Koo Taʼi,” ful. 126

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    3/2020, ful. 31

Yohaannis 7:48

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 12:42; HoE 6:7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 161

Yohaannis 7:49

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    “Duuka Buutuu Koo Taʼi,” ful. 165

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 185

    Yesuus—Karaa, ful. 161

Yohaannis 7:50

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 161

Yohaannis 7:51

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 1:16, 17

Yohaannis 7:52

Miiljaleewwan

  • *

    Barreeffamoonni durii fudhatama argatanii fi harkaan garagalfaman hedduun lakk. 53 hanga boqonnaa 8 lakk. 11tti jiru keessaa baasaniiru.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 161

    Fakkeenyasaanii Hordofaa, ful. 125

Yaada Wal Simu

Yoh. 7:1Yoh 5:18
Yoh. 7:2Lew 23:34
Yoh. 7:3Mat 12:46; Mar 6:3; Luq 8:19; Yoh 2:12; HoE 1:14; Gal 1:19
Yoh. 7:5Mar 3:21
Yoh. 7:6Yoh 2:4; 7:30
Yoh. 7:7Yoh 3:19; 15:19
Yoh. 7:8Yoh 8:20
Yoh. 7:12Yoh 9:16
Yoh. 7:13Yoh 9:22; 12:42; 19:38
Yoh. 7:15Luq 4:16, 17
Yoh. 7:15Mat 13:54; Mar 6:2; Luq 2:46, 47; HoE 4:13
Yoh. 7:16Yoh 8:28; 12:49; 14:10
Yoh. 7:17Yoh 8:47
Yoh. 7:18Yoh 5:41; 8:50
Yoh. 7:19Bau 24:3
Yoh. 7:19Mat 12:14; Mar 3:6
Yoh. 7:22Lew 12:2, 3
Yoh. 7:22Uma 17:9, 10
Yoh. 7:23Yoh 5:8, 9
Yoh. 7:24Isa 11:3, 4; Mat 23:23
Yoh. 7:25Yoh 5:18
Yoh. 7:27Mat 13:55
Yoh. 7:28Yoh 8:42
Yoh. 7:28Yoh 8:54, 55
Yoh. 7:29Mat 11:27; Yoh 1:18; 10:15
Yoh. 7:30Mar 11:18; Luq 19:47
Yoh. 7:30Yoh 8:20
Yoh. 7:31Yoh 2:23; 8:30; 10:40, 42; 11:45
Yoh. 7:33Yoh 13:33; 16:16
Yoh. 7:34Yoh 8:21, 22
Yoh. 7:37Yoh 7:2
Yoh. 7:37Yoh 4:14; 6:35
Yoh. 7:38Bau 17:6; Lak 20:8; Yoh 4:14
Yoh. 7:39Yoh 12:16; 13:31, 32; 1Xi 3:16
Yoh. 7:39Yoe 2:28; Yoh 16:7; HoE 2:17
Yoh. 7:40Kes 18:18; Yoh 6:14
Yoh. 7:41Yoh 4:40, 42; 6:68, 69
Yoh. 7:41Yoh 1:46; 7:52
Yoh. 7:422Se 13:5; Fr 89:3, 4; 132:11; Er 23:5
Yoh. 7:42Mik 5:2; Luq 2:4
Yoh. 7:421Sa 16:1
Yoh. 7:46Mat 7:28, 29; Luq 4:22
Yoh. 7:48Yoh 12:42; HoE 6:7
Yoh. 7:51Kes 1:16, 17
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
  • 41
  • 42
  • 43
  • 44
  • 45
  • 46
  • 47
  • 48
  • 49
  • 50
  • 51
  • 52
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Yohaannis 7:1-52

Wangeela Yohaannis

7 Kana booda Yesuus Galiilaa keessa deddeebiʼuu isaa itti fufe; sababiin isaas, Yihudoonni isa ajjeesuu waan barbaadaniif,+ Yihudaa keessa deddeebiʼuu hin barbaanne. 2 Haa taʼu malee, ayyaanni Yihudootaa inni Ayyaana Godoo Qulqulluu*+ jedhamu dhihaatee ture. 3 Kanaafuu, obboloonni isaa+ akkana isaan jedhan: “Barattoonni kees hojii ati hojjechaa jirtu akka arganiif, asii kaʼiitii gara Yihudaa dhaqi. 4 Sababiin isaas, namni ifatti beekamuu barbaadu kam iyyuu, dhoksaatti homaa hin godhu. Wantoota kana gochaa jirta erga taʼee, addunyaatti of mulʼisi.” 5 Obboloonni isaa illee isatti hin amanne turan.+ 6 Kanaafuu, Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Yeroon koo amma iyyuu hin geenye;+ isin garuu yeroon keessan yoom iyyuu mijaaʼaa dha. 7 Addunyaan sababii itti isin jibbu hin qabu; ani garuu hojiin isaa hamaa akka taʼe ragaa waanan isa irratti baʼuuf na jibba.+ 8 Isin gara ayyaanichaa dhaqaa; ani garuu yeroon koo amma iyyuu guutummaatti waan hin geenyeef,+ gara ayyaanichaa hin dhaqu.” 9 Kanaafuu, wantoota kana erga isaanitti himee booda ofii isaatii Galiilaatti hafe.

10 Taʼus, obboloonni isaa gara ayyaanichaa erga dhaqanii booda, innis ifatti utuu hin taʼin dhoksaatti achi dhaqe. 11 Yihudoonnis, “Namichi sun eessa jira?” jedhanii ayyaanicha irratti isa barbaaduu jalqaban. 12 Namoota sana gidduuttis waaʼee isaa gungummii hedduutu jira ture. Tokko tokko, “Inni nama gaarii dha” jedhu turan. Kaan immoo, “Inni nama gaarii miti. Namoota dogoggorsa” jedhu turan.+ 13 Taʼus, Yihudoota waan sodaataniif, eenyu iyyuu waaʼee isaa ifatti hin dubbatu ture.+

14 Walakkaa ayyaanichaatti, Yesuus gara mana qulqullummaa dhaqee barsiisuu jalqabe. 15 Yeroo kanatti Yihudoonni ajaaʼibsiifatanii, “Namichi kun mana barumsaa* galee utuu hin baratin, beekumsa Kitaabota Qulqulluu*+ akkanaa akkamitti argate?”+ jedhan. 16 Yesuusis akkana jedhee isaaniif deebise: “Wanti ani barsiisu, kan isa na erge sanaa ti malee kan koo miti.+ 17 Namni fedhii Waaqayyoo raawwachuu barbaadu kam iyyuu, barumsi kun Waaqayyo biraa akka dhufe+ yookiin ani ofii kootiin kakaʼee kanan dubbadhe taʼuu fi dhiisuu isaa ni beeka. 18 Namni yaada ofii dubbatu hundi ulfina ofii isaa barbaada; namni ulfina isa isa erge sanaa barbaadu+ hundi garuu, nama dhugaa dha; jalʼinnis isa keessa hin jiru. 19 Museen Seericha isiniif kennee+ hin turree? Haa taʼu malee, tokkoon keessan iyyuu Seerichaaf hin ajajamtan. Na ajjeesuu kan barbaaddan maaliifi?”+ 20 Namoonni sunis, “Jinniitu si irra jira. Eenyutu si ajjeesuu barbaada?” jedhanii deebisan. 21 Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Ani hojii tokko hojjennaan, hundi keessan ni dinqisiifattan. 22 Kanaafuu, mee kana yaadaa: Museen seera dhaqna qabaa+ isiniif kennee waan tureef (taʼus, seerri kun abbootii keessan biraa kan dhufe ture+ malee, Musee biraa kan dhufe hin turre), isin guyyaa sanbataatti nama dhaqna ni qabdu. 23 Seerri Musee akka hin cabneef namni tokko guyyaa sanbataatti dhaqna kan qabatu erga taʼee, ani guyyaa sanbataatti+ nama tokko guutummaatti fayyisuu kootti maaliif akka malee natti aartu? 24 Wanta alaan mulʼatu ilaaltanii murteessuu dhiisaa; kanaa mannaa, murtii qajeelaa murteessaa.”+

25 Yeroo kanatti jiraattota Yerusaalem keessaa tokko tokko akkana jechuu jalqaban: “Kun, namicha isaan ajjeesuuf barbaadan sana mitii?+ 26 Garuu kunoo, inni ifatti dubbachaa jira, isaanis homaa isatti hin dubbatan. Tarii bulchitoonni inni dhuguma Kiristoos taʼuu isaa hubataniitii laata? 27 Nuti garuu, namichi kun eessaa akka dhufe beekna;+ haa taʼu malee, Kiristoos yeroo dhufu eessaa akka inni dhufe eenyu iyyuu hin beeku.” 28 Achiis Yesuus mana qulqullummaa keessatti utuu barsiisuu sagalee isaa ol kaasee akkana jedhe: “Isin ana beektu, eessaa akkan dhufes beektu. Ani ofii kootiin kakaʼee hin dhufne;+ haa taʼu malee, inni ana erge sun dhuguma jira; isin garuu isa hin beektan.+ 29 Ani bakka buʼaa isaa taʼee waanan dhufeef isa beeka;+ kan na erge isa dha.” 30 Kanaafuu, isa qabuudhaaf yaalii gochuu jalqaban;+ haa taʼu malee, saʼaatiin isaa amma iyyuu waan hin geenyeef, eenyu illee isa hin qabne.+ 31 Taʼus, namoota sana keessaa hedduun isaanii isatti waan amananiif,+ “Kiristoos yommuu dhufu, dinqiiwwan namichi kun hojjete caalaa hojjetaa?” jedhu turan.

32 Yommuu namoonni waaʼee isaa akkana jedhanii gunguman Fariisonni ni dhagaʼan; kanaafuu, dura buutonni lubootaa fi Fariisonni isa qabsiisuuf eegdota mana qulqullummaa ergan. 33 Achiis Yesuus akkana jedhe: “Gara isa na erge sanaa deemuu koo dura yeroo xinnoodhaaf isinii wajjin nan tura.+ 34 Isin na barbaaddu, garuu na hin argattan; bakka ani jirus dhufuu hin dandeessan.”+ 35 Kanaafuu, Yihudoonni akkana jedhanii walitti dudubbatan: “Akka nuti isa hin arganneef, namichi kun eessa dhaquu barbaade? Yihudoota warra Giriikota gidduu bittinnaaʼanii jiran bira dhaqee Giriikota barsiisuu barbaadee laata? 36 ‘Isin na barbaaddu, garuu na hin argattan; bakka ani jirus dhufuu hin dandeessan’ yeroo jedhu maal jechuu isaa ti?”

37 Guyyaa xumuraatti, jechuunis guyyaa ayyaanichaa isa guddaatti+ Yesuus dhaabbatee sagalee isaa ol kaasee akkana jedhe: “Namni dheebote yoo jiraate, gara koo dhufee haa dhugu.+ 38 Akkuma Kitaabonni Qulqulluun jedhan, anatti kan amanu kam iyyuu, ‘Lagni bishaan jireenya kennuu isa keessaa ni yaaʼa.’”+ 39 Haa taʼu malee, inni kana kan dubbate waaʼee hafuura isa warri isatti amanan argachuuf jedhan sanaa ture; sababiin isaas, Yesuus amma iyyuu ulfina+ isaa waan hin gonfanneef, yeroo kanatti hafuurri hin kennamne ture.+ 40 Namoota sana keessaa warri kana dhagaʼan tokko tokko, “Dhuguma iyyuu kun Raajicha dha”+ jedhan. 41 Kaan immoo, “Kun Kiristoosi”+ jedhu turan. Tokko tokko garuu akkana jedhu turan: “Kiristoos Galiilaadhaa dhufaa?+ 42 Kitaabonni Qulqulluun Kiristoos sanyii Daawit+ keessaa, akkasumas Beetaliheem+ ganda Daawitii+ akka dhufu dubbatu mitii?” 43 Kanaafuu, isa ilaalchisee namoota sana gidduutti wal qoqqooduun ni uumame. 44 Isaan keessaa tokko tokko isa qabuu kan barbaadan taʼus, namni tokko illee isa hin qabne.

45 Eegdonni mana qulqullummaa sunis gara dura buutota lubootaa fi Fariisotaatti deebiʼan; isaanis, “Maaliif isa hin fidne?” isaaniin jedhan. 46 Eegdonni sunis deebisanii, “Eenyu iyyuu akka nama kanaatti matumaa dubbatee hin beeku”+ jedhan. 47 Fariisonnis deebisanii akkana jedhan: “Isinis ni gowwoomfamtanii? 48 Bulchitoota yookiin Fariisota keessaa isatti kan amane jiraa?+ 49 Haa taʼu malee, uummanni Seericha hin beekne kun abaaramaa dha.” 50 Niqoodimos inni sana dura gara isaa dhufee turee fi isaan keessaa tokko taʼes akkana isaaniin jedhe: 51 “Seerri keenya jalqaba nama sana irraa utuu hin dhagaʼinii fi wanta inni gochaa jiru utuu hin beekin nama tokkotti ni murteessaa?”+ 52 Isaanis, “Atis nama Galiilaa tii? Egaa, raajiin tokko illee Galiilaa keessaa akka hin kaane qoradhuu ilaali” jedhanii isaaf deebisan.*

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi