Lakkoofsa
2 Yihowaan Musee fi Aaroniin akkana jedhe: 2 “Israaʼelonni hundi tokkoon tokkoon isaanii faajjii* mana abbootii isaanii biratti akka garee isaanii isa gosa sadi sadiin hiramee+ isaaniif ramadametti haa buufatan. Isaan gara dunkaana walgaʼichaatti garagalanii naannoo isaatti marsanii haa buufatan.
3 “Kallattii bahaatiin, jechuunis gara aduun baatuun gareen Yihudaa inni gosoota sadii qabate akka garee garee* isaatti ni buufata; Naʼaasoon+ ilmi Aminaadaab ajajaa ilmaan Yihudaa ti. 4 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 74,600 turan.+ 5 Isatti aansuudhaan gosti Yisaakor ni buufata; Naataaniʼel+ ilmi Zuʼaar ajajaa ilmaan Yisaakori. 6 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 54,400 turan.+ 7 Itti aansuudhaan gosti Zaabiloon ni buufata; Eeliyaab+ ilmi Heloon ajajaa ilmaan Zaabilooni. 8 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 57,400 turan.+
9 “Warri raayyaawwan waraanaa buufata Yihudaa keessatti galmeeffaman walumaa galatti 186,400 turan. Isaan jalqaba irratti dunkaana isaanii buqqisanii deemu.+
10 “Gareen Ruuben+ inni gosoota sadii qabate akka garee garee* isaatti kallattii kibbaatiin ni buufata; Elizuur+ ilmi Shedeʼur ajajaa ilmaan Ruubeni. 11 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 46,500 turan.+ 12 Isatti aansuudhaan gosti Simiʼoon ni buufata; Shelumiʼel+ ilmi Zurishaadaay ajajaa ilmaan Simiʼooni. 13 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 59,300 turan.+ 14 Itti aansuudhaan gosti Gaad ni buufata; Eliyaasaaf+ ilmi Rewuʼel ajajaa ilmaan Gaadi. 15 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 45,650 turan.+
16 “Warri raayyaawwan waraanaa buufata Ruuben keessatti galmeeffaman walumaa galatti 151,450 turan; isaan lammaffaa irratti dunkaana isaanii buqqisanii ni deemu.+
17 “Dunkaanni walgaʼichaa yommuu iddoo biraatti geeffamu,+ buufanni Leewwotaa buufatawwan kaan gidduu haa taʼu.
“Isaan tokkoon tokkoon isaanii iddoo isaanii utuu hin gadhiisin akkuma buufatanii turan sanatti, akka garee isaanii isa gosa sadi sadiin hirametti haa deeman.+
18 “Gareen Efreem inni gosoota sadii qabate akka garee garee* isaatti kallattii dhihaatiin ni buufata; Elishaamaan+ ilmi Amihuud ajajaa ilmaan Efreemi. 19 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 40,500 turan.+ 20 Itti aansuudhaan gosti Minaasee+ ni buufata; Gamaaliʼel+ ilmi Pedaazur ajajaa ilmaan Minaasee ti. 21 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 32,200 turan.+ 22 Itti aansuudhaan gosti Biiniyaam ni buufata; Abidaan+ ilmi Giidewonii ajajaa ilmaan Biiniyaami. 23 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 35,400 turan.+
24 “Warri raayyaawwan waraanaa buufata Efreem keessatti galmeeffaman walumaa galatti 108,100 turan; isaan sadaffaa irratti dunkaana isaanii buqqisanii ni deemu.+
25 “Gareen Daan inni gosoota sadii qabate akka garee garee* isaatti kallattii kaabaatiin ni buufata; Ahiʼezer+ ilmi Amishaadaay ajajaa ilmaan Daani. 26 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 62,700 turan.+ 27 Isatti aansuudhaan gosti Asheer ni buufata; Paagiʼel+ ilmi Okraan ajajaa ilmaan Asheeri. 28 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 41,500 turan.+ 29 Isatti aansuudhaan gosti Asheer ni buufata; Ahiiraan+ ilmi Enaan ajajaa ilmaan Niftaalemi. 30 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 53,400 turan.+
31 “Warri raayyaawwan waraanaa buufata Daan keessatti galmeeffaman walumaa galatti 157,600 turan. Isaan akka garee isaanii isa gosoota sadi sadiin hirametti xumura irratti dunkaana isaanii haa buqqisan.”+
32 Kanneen kun Israaʼelota akka manneen abbootii isaaniitti galmeeffamani dha; warri buufaticha keessatti raayyaa waraanaa keessatti galmeeffaman walumaa galatti 603,550 turan.+ 33 Haa taʼu malee, akkuma Yihowaan Musee ajajetti, Leewwonni Israaʼelota kaanii wajjin+ hin galmeeffamne.+ 34 Israaʼelonni wanta Yihowaan Musee ajaje hundumaa ni raawwatan. Isaan akka maatii maatii isaaniittii fi akka manneen abbootii isaaniitti, akka garee isaanii isa gosa sadi sadiin hirametti kan buufatanii+ fi dunkaana isaanii buqqisanii kan deeman+ akka kanaan ture.