Isaayyaas
58 “Iyyaatii waamaa; of hin qusatinaa!
Akka xurumbaatti sagalee keessan ol kaasaa.
Saba kootti fincila isaanii,+
Mana Yaaqoobittis cubbuu isaanii beeksisaa.
2 Isaan akka waan saba qajeelummaa raawwachaa ture taʼaniitti,+
Akka waan haqa Waaqa isaanii hin dhiisneettis,
Guyyaa guyyaadhaan na barbaaddatu,
Daandiiwwan koo beekuun akka isaan gammachiisus ni dubbatu.
Akka waan Waaqayyotti dhihaachuun isaan gammachiisuutti,
Murtii qajeelaa akkan isaaniif kennu na gaafatu, akkana jedhu:+
3 ‘Yommuu soomnu maaliif hin argitu?+
Yommuu of* cunqursinu maaliif hin qalbeeffattu?’+
Kun kan taʼe, guyyaa soomtanitti faayidaa* ofii keessanii duukaa waan buutaniif,
Warra hojjechiifattanis waan hacuuccaniifi.+
4 Soomni keessan walitti buʼiinsaa fi lolaan xumurama,
Isinis aboottee hamminaatiin nama rukuttu.
Akka harʼa soomaa jirtanitti utuma soomtanii sagaleen keessan samii keessatti akka dhagaʼamu gochuu hin dandeessan.
5 Soomni ani filadhe akkana taʼuu qabaa?
Guyyaa namni itti of* cunqursu,
Akka migiraatti mataa isaa itti gad gombisu,
Uffata gaddaa fi daaraa irra itti ciisu taʼuu qabaa?
Inni isin sooma jettanii fi guyyaa Yihowaa gammachiisu jettan isa kanaa?
6 Lakki, kanaa mannaa soomni ani filadhu isa kana:
Funcaa hamminaa akka balleessitan,
Hidhaa waanjoo akka hiiktan,+
Warra cunqurfaman akka gadhiistan,+
Waanjoo kam iyyuu bakka lamatti akka cabsitani dha;
7 Isa beelaʼeef nyaata kee akka qooddu,+
Isa hiyyeessaa fi isa mana hin qabne mana keetti akka fiddu,
Nama daare yommuu argitu akka daara baastu,+
Fira keettis akka dugda hin garagalchine dha.
8 Akkana yoo goote, ifni kee akkuma barraaqaatti ni ifa,+
Atis daftee ni fayyita.
Qajeelummaan kee si dura ni deema,
Ulfinni Yihowaas duuba keetiin si eega.+
9 Yeroo sanatti, ati ni waammatta, Yihowaanis deebii siif kenna;
Gargaarsa argachuuf ni iyyatta, innis, ‘Kunoo, asan jira!’ siin jedha.
Of gidduudhaa waanjoo yoo balleessite,
Quba namatti qabuu fi hammina dubbachuu kee yoo dhiiste,+
10 Isa beelaʼeef wantuma ofii keetiif barbaaddu* yoo kennite,+
Warra* cunqurfamanis yoo quubsite,
Ifni kee dukkana keessatti illee ni ifa,
Dukkanni kees akkuma guyyaa saafaa ni taʼa.+
11 Yihowaan yeroo hundumaa si geggeessa,
Biyya waxalamaa keessatti illee si* quubsa;+
Lafeewwan kee ni jabeessa,
Atis akkuma iddoo biqiltuu akka gaariitti bishaan argatee,+
Akkuma burqaa matumaa bishaan keessaa hin dhabamnee ni taata.
12 Isaanis siif jedhanii diiggaawwan bara durii deebisanii ni ijaaru,+
Atis buʼuurawwan dhaloota darban sanaa iddoo isaaniitti ni deebista.+
Isa dallaawwan diigaman* haaressu,
Daandiiwwan namoonni bira jiraatan deebisee ijaaru sana jedhamtees ni waamamta.+
13 Sanbataaf jettee guyyaa koo isa qulqulluutti faayidaa* ofii keetii duukaa buʼuu irraa yoo of qusatte,*+
Sanbata guyyaa gammachuu guddaa, guyyaa qulqulluu kan Yihowaa, guyyaa ulfina qabeessa jettee yoo waamte,+
Faayidaa ofii keetii duukaa buʼuu fi dubbii gatii hin qabne dubbachuu mannaa yoo isa kabajje,
14 Yihowaatti baayʼee ni gammadda,
Anis iddoowwan ol kaʼoo lafaa irra akka guluftu nan godha.+