LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hojii Ergamootaa 17
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Hojii Ergamootaa

      • Phaawulosii fi Siilaas Tasalonqeetti (1-9)

      • Phaawulosii fi Siilaas Beeriyaatti (10-15)

      • Phaawulos Ateenaatti (16-22a)

      • Haasaa Phaawulos Ariyosfaagositti dhiheesse (22b-34)

Hojii Ergamootaa 17:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Ta 2:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 151-152

Hojii Ergamootaa 17:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 9:19, 20; 13:13, 14; 14:1; 18:4
  • +HoE 18:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 88

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 152-153

    Mana Barumsaa Tajaajilaa, ful. 251-252

Hojii Ergamootaa 17:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 22:7; 34:20; 69:21; 118:22; Isa 50:6; 53:3, 5
  • +Fr 16:10; Luq 24:45, 46

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 152-153

Hojii Ergamootaa 17:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 15:22, 40

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 153

Hojii Ergamootaa 17:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 13:45

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 154, 157

Hojii Ergamootaa 17:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 16:19-21

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 154

Hojii Ergamootaa 17:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 23:1, 2; Yoh 19:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 154-155

Hojii Ergamootaa 17:9

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 155

Hojii Ergamootaa 17:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 155-156

Hojii Ergamootaa 17:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 156-158

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 2

    Masaraa Eegumsaa,

    6/15/2011, ful. 25

Hojii Ergamootaa 17:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 14:2, 19

Hojii Ergamootaa 17:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 10:23

Hojii Ergamootaa 17:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 16:1, 2; 1Ta 3:2

Hojii Ergamootaa 17:16

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “hafuurri isaa ni jeeqame.”

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 159

Hojii Ergamootaa 17:17

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 159-160

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 18

Hojii Ergamootaa 17:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 5:28, 29; 11:25; 1Qo 15:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 160-161

Hojii Ergamootaa 17:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Hiika Addunyaa Haaraa, ful. 2070

Hojii Ergamootaa 17:21

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “magaalattii daawwatan.”

Hojii Ergamootaa 17:22

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “amantii kan jaallattan akka taatan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 17:33, 34
  • +HoE 17:16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Namoota Jaalladhu, barumsa 5

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 161

    Masaraa Eegumsaa,

    7/15/2010, ful. 30

    Mana Barumsaa Tajaajilaa, ful. 252

Hojii Ergamootaa 17:23

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Namoota Jaalladhu, barumsa 5

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 161-163

    Masaraa Eegumsaa,

    7/15/2010, ful. 30

Hojii Ergamootaa 17:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 146:6
  • +1Mo 8:27

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 163

    Masaraa Eegumsaa,

    7/15/2010, ful. 30

Hojii Ergamootaa 17:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 42:5
  • +Fr 50:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 163-164

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 38

    Masaraa Eegumsaa,

    7/15/2010, ful. 30

Hojii Ergamootaa 17:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 5:2
  • +Uma 1:28
  • +Kes 2:5, 19; 32:8; Fr 74:17

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman, mataduree 64

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 164

    Masaraa Eegumsaa,

    7/15/2010, ful. 30

Hojii Ergamootaa 17:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 4:29; Fr 145:18; Rom 1:20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 42

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 164-165

    Masaraa Eegumsaa,

    7/15/2010, ful. 30

Hojii Ergamootaa 17:28

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “sanyii.”

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 165-166

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 38

    Masaraa Eegumsaa,

    7/15/2010, ful. 30-31

Hojii Ergamootaa 17:29

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “sanyii.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 1:27
  • +Kes 5:8; Isa 37:19; 40:18-20; 46:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 166

    Masaraa Eegumsaa,

    7/15/2010, ful. 30-31

Hojii Ergamootaa 17:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 4:17, 18

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 166

    Masaraa Eegumsaa,

    7/15/2010, ful. 31

Hojii Ergamootaa 17:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 96:13; 98:9; Yoh 5:22; HoE 10:42
  • +Yoh 11:25; HoE 2:24; 13:32, 33

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 166-167

    Masaraa Eegumsaa,

    7/15/2010, ful. 31

    1/15/2008, ful. 20

Hojii Ergamootaa 17:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 1:23

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 167

    Masaraa Eegumsaa,

    7/15/2010, ful. 31

Hojii Ergamootaa 17:34

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    7/15/2010, ful. 31

Yaada Wal Simu

HoE. 17:11Ta 2:1
HoE. 17:2HoE 9:19, 20; 13:13, 14; 14:1; 18:4
HoE. 17:2HoE 18:19
HoE. 17:3Fr 22:7; 34:20; 69:21; 118:22; Isa 50:6; 53:3, 5
HoE. 17:3Fr 16:10; Luq 24:45, 46
HoE. 17:4HoE 15:22, 40
HoE. 17:5HoE 13:45
HoE. 17:6HoE 16:19-21
HoE. 17:7Luq 23:1, 2; Yoh 19:12
HoE. 17:13HoE 14:2, 19
HoE. 17:14Mat 10:23
HoE. 17:15HoE 16:1, 2; 1Ta 3:2
HoE. 17:18Yoh 5:28, 29; 11:25; 1Qo 15:12
HoE. 17:22HoE 17:33, 34
HoE. 17:22HoE 17:16
HoE. 17:24Fr 146:6
HoE. 17:241Mo 8:27
HoE. 17:25Isa 42:5
HoE. 17:25Fr 50:12
HoE. 17:26Uma 5:2
HoE. 17:26Uma 1:28
HoE. 17:26Kes 2:5, 19; 32:8; Fr 74:17
HoE. 17:27Kes 4:29; Fr 145:18; Rom 1:20
HoE. 17:29Uma 1:27
HoE. 17:29Kes 5:8; Isa 37:19; 40:18-20; 46:5
HoE. 17:30Efe 4:17, 18
HoE. 17:31Fr 96:13; 98:9; Yoh 5:22; HoE 10:42
HoE. 17:31Yoh 11:25; HoE 2:24; 13:32, 33
HoE. 17:321Qo 1:23
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Hojii Ergamootaa 17:1-34

Hojii Ergamootaa

17 Achiis Amfiipholiisii fi Apholoniyaa keessa darbanii gara Tasalonqee dhufan;+ bakka kana manni sagadaa Yihudootaa tokko jira ture. 2 Phaawulosis akkuma amala isaa+ gara mana sagadaa seenee sanbata sadiif Kitaabota Qulqulluu irraa dubbisee isaanii wajjin mariʼate;+ 3 “Yesuus inni amma ani isiniif lallabaa jiru kun Kiristoosi dha” jedhee, Kiristoos dhiphachuu+ fi duʼaa kaʼuun isaa+ barbaachisaa akka taʼe Kitaabota Qulqulluu irraa ragaa dhiheessee isaaniif ibse. 4 Kanaan kan kaʼes, isaan keessaa tokko tokko amantoota taʼanii gara Phaawulosii fi Siilaas goran;+ Giriikonni Waaqayyoon waaqeffatan hedduunis dubartoota beekamoo taʼan hedduu wajjin akkasuma godhan.

5 Yihudoonni garuu waan hinaafaniif,+ namoota hamoo hojii malee bakka gabaa taaʼan tokko tokko walitti qabanii tuuta jeequmsa uumu qindeessuudhaan magaalattii jeeqan. Isaan Phaawulosii fi Siilaasiin tuuta sanatti kennuu waan barbaadaniif mana Yaason cabsanii seenan. 6 Yommuu isaaniin dhabanis Yaasonii fi obboloota tokko tokko lafa irra harkisanii gara bulchitoota magaalattiitti geessuudhaan akkana jedhanii iyyan: “Namoonni guutummaa lafaa jeeqaa jiran kun, kunoo asis dhufaniiru;+ 7 Yaasonis keessummummaa isaan simateera. Namoonni kun hundi, ‘Mootiin Yesuus jedhamu kan biraan jira’ jedhanii wanta seera Qeesaariin mormu gochaa jiru.”+ 8 Namoonni sunii fi bulchitoonni magaalattii yommuu kana dhagaʼan baayʼee jeeqaman; 9 achiis Yaasonii fi warra kaan irraa maallaqa wabii taʼu erga fuudhanii booda isaan gadhiisan.

10 Obboloonni akkuma dhiheen, Phaawulosii fi Siilaasiin gara Beeriyaatti ergan. Isaanis yommuu achi gaʼan gara mana sagadaa Yihudootaa seenan. 11 Namoonni Beeriyaa namoota Tasalonqee caalaa barachuuf fedhii waan qabaniif, wanti dhagaʼan dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffachuuf, guyyuma guyyaadhaan Kitaabota Qulqulluu of eeggannoodhaan qoranii hawwii guddaadhaan dubbicha fudhatan. 12 Kanaafuu, isaan keessaa namoonni hedduun, akkasumas dubartoonni Giriikii beekamoo taʼan hedduunii fi dhiironni tokko tokko amantoota taʼan. 13 Haa taʼu malee, Yihudoonni Tasalonqee keessa jiran, Phaawulos Beeriyaa keessattis dubbii Waaqayyoo labsaa akka jiru yommuu dhagaʼan, namoota isaan irratti kakaasuuf achi dhaqan.+ 14 Achiis obboloonni yeruma sana Phaawulosiin gara qarqara galaanaatti ergan;+ Siilaasii fi Ximotewos garuu achumatti hafan. 15 Haa taʼu malee, warri Phaawulosiin geggeessan Ateenaadhaan isa gaʼan; achiis, Siilaasii fi Ximotewos+ hamma dandaʼametti dafanii gara isaa akka dhufan ajaja Phaawulos kenne fudhatanii isa biraa deebiʼan.

16 Phaawulos Ateenaa keessatti utuu isaan eegaa jiruu, magaalattiin waaqolii tolfamoodhaan guutamuu ishii argee ni aare.* 17 Kanaafuu, Yihudootaa fi namoota Waaqayyoon waaqeffatan kaanii wajjin mana sagadaa keessatti, akkasumas guyyaa guyyaadhaan bakka gabaatti namoota argatu hundumaa wajjin mariʼachuu jalqabe. 18 Haa taʼu malee, falaasota Ephiquriyotaa fi Istoyikootaa keessaa tokko tokko isaa wajjin falmuu jalqaban; tokko tokko, “Abbaan oduu kun maal dubbachuu barbaada?” jedhan. Kaan immoo, “Waaʼee waaqolii ormaa kan lallabu fakkaata” jedhu turan. Kana kan jedhanis, inni misiraachoo waaʼee Yesuusii fi waaʼee duʼaa kaʼuu isaa ibsu waan lallabuuf ture.+ 19 Kanaafuu, qabanii gara Ariyosfaagositti isa geessanii akkana jedhan: “Waaʼee barumsa haaraa dubbachaa jirtu kanaa nuu ibsuu dandeessaa? 20 Ati wantoota gurra keenyaaf keessummaa taʼan dubbachaa jirta; nutis wantoonni kun hiika maalii akka qaban beekuu barbaanna.” 21 Namoonni Ateenaa hundii fi namoonni biyya ormaa achi jiran* yeroo boqonnaa isaanii wanta haaraa dubbachuu fi dhaggeeffachuudhaan qofa dabarsu turan. 22 Yeroo kanatti Phaawulos Ariyosfaagos+ gidduu dhaabbatee akkana jedhe:

“Yaa namoota Ateenaa, isin warra kaan caalaa waan hundumaatiin waaqolii akka sodaattan* nan arga.+ 23 Fakkeenyaaf, utuun karaa irra darbaa jiruu wantoota isin waaqeffattan hubadhee yommuun ilaalu, iddoo aarsaa, ‘Waaqa hin Beekamneef’ jedhamee irratti barreeffame argeera. Kanaafuu, isa isin utuu hin beekin waaqeffattan kana isinitti nan hima. 24 Waaqni inni addunyaa fi wantoota isa keessa jiran hunda uume, inni Gooftaa samii fi lafaa taʼe,+ manneen qulqullummaa harka namaatiin hojjetaman keessa hin jiraatu;+ 25 kana malees, namoota hundumaatiif jireenyaa fi hafuura, akkasumas wantoota hunda kan kennu isa waan taʼeef,+ akka waan gargaarsi isa barbaachisuutti harka namaatiin hin tajaajilamu.+ 26 Akkasumas, namoota saba hundumaa nama tokko irraa uumee+ guutummaa lafaa irra akka jiraatan godhe;+ baroota murteeffaman ni kaaʼe; bakka namoonni keessa jiraatanis ni daangesse;+ 27 kana kan godhes, namoonni cimsanii Waaqayyoon barbaadanii akka argataniifi;+ taʼus, inni tokkoon tokkoon keenya irraa fagoo miti. 28 Sababiin isaas akkuma walaleessitoonni keessan tokko tokko, ‘Nutis ijoollee* isaa ti’ jedhan, nuti jireenya kan arganne, kan sochoonuu fi kan jiraannu isaani.

29 “Kanaafuu, nuti ijoollee* Waaqayyoo erga taanee,+ Waaqayyo warqii, meetii yookiin dhagaa ogummaa fi dandeettii namaatiin bocamee tolfame fakkaata jennee yaaduu hin qabnu.+ 30 Dhugaa dha, Waaqayyo baroota namoonni wallaalummaadhaan jiraatan callisee bira darbeera;+ amma garuu kan jiraatan eessa iyyuu yoo taʼe namoonni hundi yaada geddarachuu akka qaban dubbachaa jira. 31 Sababiin isaas, inni nama muude sanatti fayyadamee namoota lafa irra jiraatan hunda irratti qajeelummaadhaan murteessuuf+ guyyaa tokko qopheesseera; isa duʼaa kaasuudhaanis namoota hundaaf wabii kenneera.”+

32 Waaʼee duʼaa kaʼuu yommuu dhagaʼan isaan keessaa tokko tokko isatti qoosan;+ kaan immoo, “Waaʼee kanaa yeroo kan biraas si irraa dhagaʼuu barbaanna” jedhan. 33 Kanaafuu, Phaawulos isaan dhiisee deeme; 34 namoonni tokko tokko garuu gara isaa goranii amantoota taʼan. Abbaa murtii mana murtii Ariyosfaagos kan taʼe Diyonaasiyos, dubartiin Damaaris jedhamtuu fi warri kaanis isaan keessaa tokko turan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi