Baʼuu
38 Inni muka laaftoo irraa iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu ni ijaare. Iddoon aarsaa sun dheerinni isaa dhundhuma* shan, dalgi isaa dhundhuma shan, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma sadii taʼee rogni isaa arfan wal qixa ture.+ 2 Achiis golee isaa arfan irratti gaanfota ni tolche. Gaanfonni isaas iddoo aarsaa sanaa wajjin qaama tokko turan. Iddoo aarsaa sanas sibiila diimaadhaan ni uwwise.+ 3 Sana booda miʼawwan iddoo aarsaa hundumaa, jechuunis baaldiiwwan, akaafaawwan, saaniiwwan golboo, shukkaawwanii fi qodaawwan ibiddaa ni tolche. Miʼawwan isaa hundumaas sibiila diimaa irraa ni tolche. 4 Iddoo aarsaa sanaaf sibiila diimaa irraa waan akka gingilchaa ni tolche; isas xiyyoo isaatii gaditti walakkaa iddoo aarsaa sanaa keessa ni kaaʼe. 5 Danqaraawwan sun akka keessa loofamaniif, waan akka gingilchaa sana biratti rogawwan arfan irratti amartiiwwan afur sibiila diimaa irraa ni tolche. 6 Sana booda muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchee, sibiila diimaadhaan isaan uwwise. 7 Ittiin isa baachuufis danqaraawwan sana amartiiwwan cinaa iddoo aarsaa irra jiran keessa ni loose. Iddoo aarsaa sana saanqaawwan irraa akka saanduqa banaatti ni tolche.
8 Achiis sibiila diimaa irraa miʼa bishaanii+ fi wanta inni irra taaʼu ni tolche; kana tolchuufis daawwitiiwwan* dubartoota warra karra dunkaana walgaʼii irratti tajaajiluuf gurmaaʼan sanaatti fayyadame.
9 Achiis mooraa ni ijaare.+ Kallattii kibbaa mooraa sanaa isa gara kibbaatti garagaleef, quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa golgaa dhundhuma 100 dheeratu ni tolche.+ 10 Utubaawwan sibiila diimaa irraa tolfaman 20nii fi miiloowwan uraa qaban warri sibiila diimaa irraa tolfaman 20ni jiru turan; hookkoowwan utubaawwan sanaa fi wal qabsiistuuwwan* isaanii meetii irraa kan tolfaman turan. 11 Gara kaabaatiifis golgaan dhundhuma 100 dheeratu jira ture. Utubaawwan isaa 20nii fi miiloowwan isaanii warri uraa qaban 20ni sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan. Hookkoowwan utubaawwan sanaa fi wal qabsiistuuwwan* isaanii meetii irraa kan tolfaman turan. 12 Golgaan gara dhihaa garuu dhundhuma 50 dheerata ture. Utubaawwan kudhanii fi miiloowwan uraa qaban kudhan jiru turan; hookkoowwan utubaawwan sanaa fi wal qabsiistuuwwan* isaanii meetii irraa kan tolfaman turan. 13 Mooraan sun kallattii bahaatiin, jechuunis gara aduun baatuun dalgi isaa dhundhuma 50 ture. 14 Gama tokkoon golgaan dhundhuma 15 taʼu, akkasumas utubaawwan sadii fi miiloowwan uraa qaban sadii jiru turan. 15 Balbala mooraa sanaa irraa gama isa kan biraatiinis golgaan dhundhuma 15 taʼu, akkasumas utubaawwan sadii fi miiloowwan uraa qaban sadii jiru turan. 16 Golgaan moorichatti marsee jiru hundi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa kan tolfame ture. 17 Miiloowwan utubaawwan sanaa warri uraa qaban sibiila diimaa irraa, hookkoowwan utubaawwan sanaa fi wal qabsiistuuwwan* isaanii immoo meetii irraa kan tolfaman turan; utubaawwan sun gubbaan isaanii meetiidhaan kan uwwifame ture; utubaawwan mooraa sanaa hundi wal qabsiistuuwwan meetii irraa tolfaman qabu turan.+
18 Golgaan balbala mooraa sanaa foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa walitti kan dhaʼame ture. Golgaan kun dheerinni isaa dhundhuma 20, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma 5 yeroo taʼu, ol dheerinni isaa ol dheerina golgaa mooraa sanaa wajjin wal qixa dha.+ 19 Utubaawwan isaa arfanii fi miiloowwan isaanii warri uraa qaban arfan sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan. Hookkoowwan isaanii fi wal qabsiistuuwwan* isaanii meetii irraa kan tolfaman yeroo taʼu, gubbaan isaanii immoo meetiidhaan kan uwwifame ture. 20 Qofoowwan dunkaanaa godoo qulqulluu sanaa, akkasumas qofoowwan mooraa sanatti marsanii jiran hundi sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan.+
21 Museen miʼawwan godoo qulqulluu, jechuunis miʼawwan godoo qulqulluu Dhugaa Baatuu+ sanaa akka galmeeffaman ni ajaje; Leewwonnis+ qajeelfama Itaamaar+ ilma Aaron lubichaa jala taʼanii itti gaafatamummaa kana ni raawwatan. 22 Bezaaliʼel+ inni ilma Uurii, ilma ilma Huur inni gosa Yihudaa taʼe sun wanta Yihowaan Musee ajaje hundumaa ni raawwate. 23 Isaa wajjinis Oholiyaab+ ilmi Ahisaamaak inni gosa Daan taʼe jira ture; inni hojii ogummaa harkaa kan qabu, xilfii kan dhaʼu, akkasumas foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi foʼaa quncee talbaa baʼeessatti fayyadamee wayyaa kan dhaʼu ture.
24 Warqiin hojii iddoo qulqulluu hundumaatiif oole hundi warqii kennaa sochoofamuuf+ dhihaatee wajjin qixxee yeroo taʼu, innis akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe* sanaatti taalaantii* 29 fi sheeqilii* 730 ture. 25 Meetiin yaaʼii sana keessaa warri galmeeffaman kennan, akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe* sanaatti taalaantii 100 fi sheeqilii 1,775 ture. 26 Namni umuriin isaa waggaa 20 fi isaa ol taʼee galmeeffame hundi akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe* sanaatti sheeqilii walakkaa ni fide;+ namoonni kunis 603,550 turan.+
27 Wantoonni miiloowwan uraa qabanii fi iddoo qulqulluu sanaaf oolan, akkasumas miiloowwan uraa qabanii fi golgaa sanaaf oolan ittiin tolchuuf baqfaman taalaantii 100 turan; miiloowwan uraa qaban 100 taalaantii 100 wajjin qixxee yeroo taʼan, tokkoon tokkoon miiloo uraa qabu sanaa taalaantii tokko ture.+ 28 Innis sheeqilii 1,775 sana irraa, utubaawwan sanaaf hookkoowwan ni tolche; akkasumas gubbaa isaanii uwwisee walitti isaan qabsiise.
29 Sibiilli diimaan kennaa* taʼee dhihaate taalaantii 70 fi sheeqilii 2,400 ture. 30 Innis wantoota kanatti fayyadamee miiloowwan uraa qaban warra balbala dunkaana walgaʼii sanaaf oolan, iddoo aarsaa sibiila diimaa irraa tolfame sana, waan akka gingilchaa sibiila diimaa irraa tolfame sanaa fi miʼawwan iddoo aarsaa hundumaa ni tolche; 31 akkasumas, miiloowwan uraa qaban warra mooraa sanatti marsanii jiran, miiloowwan uraa qaban warra balbala mooraa sanaatiif oolan, qofoowwan dunkaanaa godoo qulqulluu sanaa hundumaa fi qofoowwan dunkaanaa+ mooraa sanatti marsanii jiran hundumaa ni tolche.