Baʼuu
10 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Ani mallattoowwan koo kana isa duratti argisiisuuf jecha,+ innii fi tajaajiltoonni isaa garaan isaanii didaa akka taʼu waanan heyyameef,+ gara Faraʼoonitti ol seeni; 2 kunis ani warra Gibxii hammam cimsee akkan adabee fi mallattoowwan akkamii isaan duratti akkan raawwadhe ilmaan kee fi ilmaan ijoollee keetiitti akka himtuufi;+ isinis ani Yihowaa akkan taʼe dhugumaan ni beektu.”
3 Kanaafuu, Musee fi Aaron gara Faraʼoonitti ol seenanii akkana isaan jedhan: “Waaqa Ibrootaa kan taʼe Yihowaan akkana jedha: ‘Ati hamma yoomiitti naaf bitamuu didda?+ Akka na tajaajilaniif saba koo gadhiisi. 4 Saba koo gadhiisuu yoo didde garuu, kunoo, ani boru biyya kee keessatti awwaannisa nan fida. 5 Isaan lafattii ni uwwisu; lafattii arguunis hin dandaʼamu. Isa cabbii irraa isiniif hafe nyaatanii fixu; mukeetii keessan warra dirree keessatti biqilan hundumaas ni nyaatu.+ 6 Isaan manneen kee, manneen tajaajiltoota kee hundumaa fi manneen guutummaa biyya Gibxii keessa jiran keessa ni guutu; baayʼinni isaanii isa abbootiin kee fi abbootiin abbootii keetii biyya kana keessa jiraachuu erga jalqabanii kaasee hamma harʼaatti matumaa arganii hin beekne ni taʼa.’”+ Sana booda inni garagalee Faraʼoon biraa baʼee deeme.
7 Achiis tajaajiltoonni Faraʼoon, “Namichi kun hamma yoomiitti nu doorsisa?* Waaqa isaanii Yihowaa akka tajaajilaniif, namoota kana gadhiisi. Biyyi Gibxii mancaʼuu ishii ati amma iyyuu hin hubannee?” isaan jedhan. 8 Kanaafuu, Musee fi Aaron gara Faraʼoonitti ni deebifaman; innis, “Dhaqaatii Waaqa keessan Yihowaa tajaajilaa. Garuu, kan deeman eenyu faʼi?” isaaniin jedhe. 9 Museenis, “Nuti Yihowaadhaaf ayyaana waan kabajnuuf,+ dargaggoota keenya, maanguddoota keenya, ijoollee dhiiraa keenya, ijoollee durbaa keenya, hoolota keenyaa fi loon keenya fudhannee deemna” jedhe.+ 10 Innis akkana isaaniin jedhe: “Ani isinii fi ijoollee keessan yoon gadhiise, Yihowaan dhugumaan isinii wajjin jira jechuu dha!+ Isin wanta hamaa tokko raawwachuu akka yaaddan beekamaa dha. 11 Hin taʼu! Warri dhiiraa qofti deemtanii Yihowaa tajaajiluu dandeessu; wanti isin gaafattanis kanuma.” Achiis isaan Faraʼoon duraa ni baafaman.
12 Yihowaanis Museedhaan, “Awwaannisni biyya Gibxii irratti dhufee biqiltoota biyyattii hundumaa fi wanta cabbicha irraa hafe hundumaa nyaatee akka fixuuf, harka kee biyya Gibxii irratti diriirsi” jedhe. 13 Museenis yeruma sana ulee isaa biyya Gibxii irratti ni diriirse; achiis Yihowaan bubbeen bahaa guyyaa sanaa fi halkan sana guutuu biyyattii irratti akka bubbisu godhe. Yommuu bariʼus, bubbeen bahaa sun awwaannisa fide. 14 Awwaannisni sunis guutummaa biyya Gibxii irratti buʼe; guutummaa naannoo Gibxii irrattis ni qubate.+ Awwaannisni sun akka malee hamaa ture;+ sana dura awwaannisni hedduun hammana baayʼatu dhufee hin beeku; sana boodas awwaannisni hammana baayʼatu deebiʼee hin dhufu. 15 Isaanis guutummaa biyyattii ni uwwisan; biyyattiinis isaaniin kan kaʼe ni dukkanoofte; biqiltoota biyyattii hundumaa fi firiiwwan mukeetii hundumaa warra cabbii sana irraa hafan nyaatanii ni fixan; guutummaa biyya Gibxii keessatti mukeetii irrattis taʼe biqiltoota irratti baalli tokko illee hin hafne.
16 Kanaafuu, Faraʼoon hatattamaan Musee fi Aaroniin waamee akkana isaaniin jedhe: “Ani Waaqa keessan Yihowaa irrattis taʼe isin irratti cubbuu hojjedheera. 17 Amma maaloo, cubbuu koo kana qofa naaf dhiisaa; dhaʼicha duʼa fidu kana qofa akka ana irraa balleessuufis Waaqa keessan Yihowaa naaf kadhadhaa.” 18 Kanaafuu, inni* Faraʼoon biraa baʼee Yihowaa kadhate.+ 19 Achiis Yihowaan bubbeen sun kallattii isaa akka jijjiiru godhe; bubbeen sunis gara bubbee dhihaa baayʼee cimaa taʼetti jijjiiramee awwaannisa sana oofee gara Galaana Diimaatti geesse. Guutummaa naannoo biyya Gibxii keessattis awwaannisni tokko illee hin hafne. 20 Haa taʼu malee, Yihowaan Faraʼoon garaan isaa didaa akka taʼu ni heyyame;+ innis Israaʼelota hin gadhiisne.
21 Achiis Yihowaan Museedhaan, “Biyya Gibxii irratti dukkanni, jechuunis dukkanni cimaan waanuma harkaan qaqqabamu fakkaatu akka taʼuuf harka kee gara samiitti diriirsi” jedhe. 22 Museenis yeruma sana harka isaa gara samiitti diriirse; guutummaa biyya Gibxii keessattis guyyaa sadiif dukkanni cimaan ni taʼe.+ 23 Isaanis wal arguu hin dandaʼan turan; tokkoon isaanii illee guyyaa sadiif bakka jiran irraa kaʼuu hin dandeenye; Israaʼelonni hundi garuu bakka jireenyaa isaaniitti ifa ni argatu turan.+ 24 Achiis Faraʼoon Musee waamee, “Deemaa, Yihowaa tajaajilaa.+ Asitti kan hafu hoolota keessanii fi loon keessan qofa dha. Ijoolleen keessan illee isinii wajjin deemuu dandaʼu” isaan jedhe. 25 Museen garuu akkana isaan jedhe: “Aarsaawwanii fi aarsaawwan gubamanis sumatu nuuf qopheessa;* nutis Waaqa keenya Yihowaadhaaf isaan ni dhiheessina.+ 26 Horiiwwan keenyas nuu wajjin ni deemu. Horiiwwan keenya keessaa tokko tokko Waaqa keenya Yihowaa waaqeffachuuf waan itti fayyadamnuuf, akkasumas hamma achi geenyutti Yihowaa waaqeffachuuf maal akka dhiheessinu waan hin beekneef, horii* tokko illee asitti dhiisuu hin dandeenyu.” 27 Yihowaanis Faraʼoon garaan isaa didaa akka taʼu ni heyyame; Faraʼoonis isaan gadhiisuuf tole hin jenne.+ 28 Achiis, “Ija koo duraa badi! Guyyaa fuula koo itti argitutti waan duutuuf, lammata fuula koo arguuf akka hin yaalle” isaan jedhe. 29 Museenis, “Akkuma ati jette, ani lammata fuula kee arguuf hin yaalu” isaan jedhe.