LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 26
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Isaayyaas

      • Faarfannaa waaʼee amanannaa fi fayyinaa faarfatame (1-21)

        • Yaah Yihowaan Qarsaa bara baraa ti (4)

        • Namoonni lafa irraa qajeelummaa baratu (9)

        • “Namoonni kee warri duʼan deebiʼanii ni jiraatu” (19)

        • Gara kutaa isa keessaatti seeniitii dhokadhu (20)

Isaayyaas 26:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 15:1; 2Sa 22:1; Isa 12:5; Er 33:10, 11
  • +Fr 48:2, 12
  • +Isa 60:18; Zak 2:4, 5

Isaayyaas 26:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 60:11

Isaayyaas 26:3

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “warra yaanni isaanii hin raafamne.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 9:10; Er 17:7
  • +Fr 119:165; Isa 54:13; Flp 4:6, 7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname, mataduree 50

Isaayyaas 26:4

Miiljaleewwan

  • *

    Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 32:4, 31
  • +2Se 20:20; Fr 62:8; Fak 3:5

Isaayyaas 26:7

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “wal qixxaataa.”

Isaayyaas 26:8

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, Waaqayyoo fi maqaan isaa akka yaadatamu, akkasumas akka beeksifamu.

Isaayyaas 26:9

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Lubbuun koo.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 63:6; 119:62; Luq 6:12
  • +Fr 9:8; 58:10, 11; 85:11, 13; 96:13; 97:2; Isa 61:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Waaqayyoon Waaqeffadhu, ful. 97-98

Isaayyaas 26:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 106:43
  • +Er 2:7; Hos 11:7
  • +Fr 28:5; Isa 5:12

Isaayyaas 26:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 6:9

Isaayyaas 26:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 57:19; Er 33:6, 7

Isaayyaas 26:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 12:7, 8
  • +2Xi 2:19

Isaayyaas 26:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 51:39

Isaayyaas 26:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 60:21
  • +1Mo 4:21

Isaayyaas 26:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 78:34, 35; Hos 5:15

Isaayyaas 26:19

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Reeffi koo ni kaʼa.”

  • *

    Ykn tarii, “fixeensa baalaa ti.”

  • *

    Ykn., “warra duʼaan moʼaman ni deessi.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 25:8; Hos 13:14; Mar 12:26; Yoh 5:28, 29; 11:24, 25; HoE 24:15; 1Qo 15:21; 1Ta 4:14; Mul 20:12, 13
  • +Uma 3:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dammaqaa!,

    4/22/2004,

Isaayyaas 26:20

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “balaaleffannaan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 7:15, 16; Bau 12:22, 23; Fak 18:10
  • +Fr 27:5; 91:4

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    2/2024, ful. 7

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    7/2023, ful. 7

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    1/2016, ful. 9

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2014, ful. 26-27

    5/15/2009, ful. 8

    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!, ful. 258-259

Yaada Wal Simu

Isa. 26:1Bau 15:1; 2Sa 22:1; Isa 12:5; Er 33:10, 11
Isa. 26:1Fr 48:2, 12
Isa. 26:1Isa 60:18; Zak 2:4, 5
Isa. 26:2Isa 60:11
Isa. 26:3Fr 9:10; Er 17:7
Isa. 26:3Fr 119:165; Isa 54:13; Flp 4:6, 7
Isa. 26:4Kes 32:4, 31
Isa. 26:42Se 20:20; Fr 62:8; Fak 3:5
Isa. 26:9Fr 63:6; 119:62; Luq 6:12
Isa. 26:9Fr 9:8; 58:10, 11; 85:11, 13; 96:13; 97:2; Isa 61:11
Isa. 26:10Fr 106:43
Isa. 26:10Er 2:7; Hos 11:7
Isa. 26:10Fr 28:5; Isa 5:12
Isa. 26:11Isa 6:9
Isa. 26:12Isa 57:19; Er 33:6, 7
Isa. 26:132Se 12:7, 8
Isa. 26:132Xi 2:19
Isa. 26:14Er 51:39
Isa. 26:15Isa 60:21
Isa. 26:151Mo 4:21
Isa. 26:16Fr 78:34, 35; Hos 5:15
Isa. 26:19Isa 25:8; Hos 13:14; Mar 12:26; Yoh 5:28, 29; 11:24, 25; HoE 24:15; 1Qo 15:21; 1Ta 4:14; Mul 20:12, 13
Isa. 26:19Uma 3:19
Isa. 26:20Uma 7:15, 16; Bau 12:22, 23; Fak 18:10
Isa. 26:20Fr 27:5; 91:4
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Isaayyaas 26:1-21

Isaayyaas

26 Guyyaa sanatti faarfannaan kun biyya Yihudaa keessatti ni faarfatama:+

“Magaalaa cimtuu qabna.+

Inni fayyinni dallaawwan ishii fi dallaawwan ittisaa ishii akka taʼu godha.+

 2 Sabni qajeelaan,

Sabni amanamummaa isaa eegu akka seenuuf karrawwan banaa.+

 3 Ati warra guutummaatti sitti hirkatan* ni eegda;

Isaan waan sitti amanamaniif,+

Nagaa wal irraa hin cinne isaaniif ni kennita.+

 4 Yaah* Yihowaan Qarsaa bara baraa waan taʼeef,+

Bara baraaf Yihowaatti amanamaa.+

 5 Sababiin isaas, inni warra magaalaa ol gubbaatti argamtu keessa jiraatan gad buuseera.

Inni gad ishii buuseera,

Gara lafaatti gad ishii buuseera,

Biyyoo irrattis ishii gateera.

 6 Ishiin miilaan ni dhidhiitamti,

Miilli isa cunqurfamee, faanni warra rakkatoo taʼaniis ishii ni dhidhiita.”

 7 Daandiin nama qajeelaa sirrii* dha.

Ati qajeelaa waan taateef,

Daandii nama qajeelaa wal ni qixxeessita.

 8 Yaa Yihowaa, yeroo daandii murtiiwwan keetii hordofnutti,

Nuti si abdanna.

Maqaa keetiif bakka guddaa kennina, yeroo itti yaadatamu arguufis ni hawwina.*

 9 Guutummaan eenyummaa kootii* halkan si hawwa,

Eeyyee, hafuurri koo yeroo hunda si eeggata;+

Yommuu ati lafaaf murtii kennitutti

Jiraattonni lafa irraa waaʼee qajeelummaa ni baratu.+

10 Namni hamaan gaarummaan yoo isatti argisiifame illee,

Qajeelummaa hin baratu.+

Inni biyya qajeelinaa keessatti illee hammina ni raawwata,+

Ulfina Yihowaas hin argu.+

11 Yaa Yihowaa, harki kee ol kaʼeera, isaan garuu isa hin argan.+

Isaan hinaaffaa saba keetiif qabdu arganii ni qaanaʼu.

Eeyyee, ibiddi diinota keetiif qopheessite isaan ni nyaata.

12 Yaa Yihowaa, ati nagaa nuuf kennita,+

Sababiin isaas, wanta raawwanne kam iyyuu

Situ fiixaan nuuf baase.

13 Yaa Waaqa keenya Yihowaa, gooftolii kan biroonis nu bulchaniiru,+

Nuti garuu maqaa kee qofa waammanna.+

14 Isaan duʼaniiru; lubbuudhaanis hin jiraatan.

Duʼaan moʼamaniiru, hin kaʼanis.+

Sababiin isaas, ati haxooftee isaan balleessuu fi maqaan isaanii lammata akka hin dhaʼamne gochuuf

Xiyyeeffannaa kee gara isaaniitti deebisteetta.

15 Yaa Yihowaa, sabicha baayʼisteetta,

Sabicha baayʼisteetta;

Of kabachiisteetta.+

Daangaawwan biyyattii hundumaas baayʼee balʼisteetta.+

16 Yaa Yihowaa, isaan yeroo dhiphinaatti gara keetti ni deebiʼan;

Yeroo isaan adabdettis sagalee isaanii gad qabanii kadhannaa isaanii garaadhaa ni dhangalaasan.+

17 Yaa Yihowaa, akkuma dubartiin ulfaa yeroo daʼuuf jettutti

Ciniinsifattuu fi dhiphattee iyyitutti,

Nutis sababa keetiin akkasuma taane.

18 Ni ulfoofne, ni ciniinsifannes,

Garuu akkuma waan qilleensa deenyee taane.

Nuti biyyattiidhaaf fayyina hin fidne,

Biyyattii keessa jiraachuufis namni dhalate tokko illee hin jiru.

19 “Namoonni kee warri duʼan deebiʼanii ni jiraatu.

Reeffawwan koos ni kaʼu.*+

Isin warri biyyoo keessa jiraattan,+

Dammaqaa, ililchaas!

Sababiin isaas, fixeensi kee akkuma fixeensa ganamaa ti,*

Laftis warri duʼaan moʼaman gara jireenyaatti akka deebiʼan ni gooti.*

20 Yaa saba koo, dhaqi, gara kutaa kee isa keessaatti seeni,

Balbala kees of duubaan cufadhu.+

Hamma dheekkamsi* darbutti

Yeroo xinnoodhaaf dhokadhu.+

21 Sababiin isaas, balleessaa isaaniitiif jiraattota lafaa adabuuf

Kunoo, Yihowaan iddoo isaatii dhufaa jira,

Lafattiinis dhiiga ishii irratti dhangalaʼe ni saaxilti,

Warra ishii irratti ajjeefamanis kana booda hin dhoksitu.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi