Iyyoob
3 Iyyoob dubbachuu fi guyyaa itti dhalate* abaaruu kan jalqabe kana booda ture.+ 2 Akkana jedhe:
3 “Guyyaan itti dhaladhe,
Halkan namni tokko, ‘Ilmi garaatti hafeera!’ itti jedhe sun haa badu.+
4 Guyyaan sun dukkana haa taʼu.
Waaqni inni gubbaa jiru isaaf hin yaadin;
Ifni isa irratti hin ifin.
5 Dukkanni cimaan* isa haa dhaalu.
Duumessi gurraachi isa irra haa buufatu.
Wanti guyyaa dukkaneessu akkamii iyyuu isa haa naasisu.
6 Halkan sana dukkanni cimaan haa qabatu;+
Innis guyyoota waggaa gidduutti gammachuu hin argatin,
Jiʼoota gidduuttis hin lakkaaʼamin.
7 Eeyyee! Halkan sun maseena haa taʼu;
Ililchis isa keessatti hin dhagaʼamin.
9 Urjiileen dimimmisa halkan sanaa keessatti baʼan haa dukkanaaʼan;
Inni ifa guyyaa kan eeggatu taʼus hin argatin,
Carallaa bariis hin argin.
10 Sababiin isaas, inni balbala gadameessa haadha tiyyaa hin cufne;+
Ija koo duraas rakkina hin dhoksine.
11 Yeroon dhaladhetti maaliifan hin duune?
Yeroon gadameessa keessaa baʼetti maaliifan hin badne?+
12 Gudeedni na baatu,
Harmi ani hodhus maaliif jiraate?
13 Silaa amma utuun hin jeeqamin nan ciisan ture;+
Nan rafa, akkasumas nan boqodhan ture;+
14 Mootota lafa irraa fi gorsitoota isaanii,
Warra iddoowwan amma diigaman* ofii isaaniitiif ijaarratanii wajjin,
15 Yookiin bulchitoota warqii qaban
Warra manneen isaanii meetiidhaan guutamanii wajjin nan boqodhan ture.
16 Yookiin akkuma daaʼima duʼee garaadhaa baʼee,
Akkuma ijoollee matumaa ifa hin arginees maaliifan hin taane?
17 Achitti warri hamoon illee wanta isaan jeequ hin qaban;
Warri dadhabanis achitti boqonnaa irra jiru.+
18 Achitti hidhamtoonni nagaadhaan waliin jiraatu;
Sagalee nama dirqamaan isaan hojjechiisu sanaa hin dhagaʼan.
19 Achitti inni xinnaanii fi inni guddaan tokko dha,+
Garbichis gooftaa isaa jalaa bilisa baʼeera.
20 Waaqayyo isa rakkina keessa jiruuf ifa,
Warra dhiphina cimaa keessa jiraniifis* jireenya kan kennu maaliifi?+
21 Warri duʼa hawwan kan hin duune maaliifi?+
Isaan isa argachuuf qabeenya dhokfame argachuuf isa qotan caalaa ni qotu;
22 Isaan yommuu awwaala argatan ni ililchu,
Akkasumas ni gammadu.
23 Waaqayyo nama karaan isaa jalaa badeef,
Isa inni dallaa itti ijaareef+ ifa kan kennu maaliifi?
25 Sababiin isaas, wantin sodaachaa ture natti dhufeera,
Wantin baayʼee sodaachaa tures na mudateera.
26 Ani nagaa hin qabu, tasgabbii hin qabu, boqonnaas hin qabu,
Kanaa mannaa, rakkinni natti dhufuu isaa ittuma fufe.”