LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hojii Ergamootaa 9
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Hojii Ergamootaa

      • Saaʼol daandii gara Damaasqoo geessu irratti (1-9)

      • Anaaniyaas Saaʼoliin akka gargaaru ergame (10-19a)

      • Saaʼol Damaasqootti waaʼee Yesuus lallabe (19b-25)

      • Saaʼol gara Yerusaalem dhaqe (26-31)

      • Pheexiros Eneyaasiin fayyise (32-35)

      • Dorqaan ishiin arjaa taate duʼaa kaafamte (36-43)

Hojii Ergamootaa 9:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 8:3; 22:4; 26:10, 11; Gal 1:13; 1Xi 1:12, 13

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 67, 69

Hojii Ergamootaa 9:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 11:26; 22:4

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 67, 69

Hojii Ergamootaa 9:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 22:6-11; 26:13-18

Hojii Ergamootaa 9:4

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 67-68

Hojii Ergamootaa 9:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 15:8
  • +Mat 25:45

Hojii Ergamootaa 9:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 22:9

Hojii Ergamootaa 9:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 13:11

Hojii Ergamootaa 9:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 22:12

Hojii Ergamootaa 9:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 21:39; 22:3

Hojii Ergamootaa 9:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 9:17

Hojii Ergamootaa 9:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 9:1, 2

Hojii Ergamootaa 9:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 1:5; Gal 2:7; 1Xi 2:7
  • +HoE 26:1; 27:24
  • +HoE 13:2; Rom 1:1; 1Xi 1:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    9/2016, ful. 14-16

    6/2016, ful. 7

Hojii Ergamootaa 9:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 20:22, 23; 21:11; 2Qo 11:23-28; Qol 1:24; 2Xi 1:12

Hojii Ergamootaa 9:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 22:12, 13

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 70-71

Hojii Ergamootaa 9:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 26:19, 20

Hojii Ergamootaa 9:20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 71

Hojii Ergamootaa 9:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 8:3; Gal 1:13, 23
  • +HoE 9:1, 2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 71-72

Hojii Ergamootaa 9:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 17:2, 3

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 71-72

    Mana Barumsaa Tajaajilaa, ful. 170

Hojii Ergamootaa 9:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 20:2, 3; 23:12; 2Qo 11:23

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 72

Hojii Ergamootaa 9:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Qo 11:32, 33

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 72

Hojii Ergamootaa 9:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Gal 1:18

Hojii Ergamootaa 9:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 4:36, 37
  • +HoE 9:3, 4; 1Qo 9:1
  • +HoE 9:19, 20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 72-73

Hojii Ergamootaa 9:28

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “seenaa fi baʼaa.”

Hojii Ergamootaa 9:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Qo 11:23, 26

Hojii Ergamootaa 9:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 11:25; Gal 1:21

Hojii Ergamootaa 9:31

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 8:1
  • +Yoh 14:16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 73-74

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    7/2017, ful. 13

    Masaraa Eegumsaa,

    5/15/2008, ful. 31

    5/1/2007, ful. 6

Hojii Ergamootaa 9:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 9:38

Hojii Ergamootaa 9:34

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 10:8; HoE 4:9, 10
  • +HoE 3:6

Hojii Ergamootaa 9:36

Miiljaleewwan

  • *

    Maqaan Afaan Giriikii Dorqaa jedhus taʼe maqaan Afaan Aaraam Xaabiitaa jedhu “Kuruphee” jechuu dha.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 75

Hojii Ergamootaa 9:37

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 75

Hojii Ergamootaa 9:38

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 75

Hojii Ergamootaa 9:39

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 75

Hojii Ergamootaa 9:40

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 8:51
  • +Mat 9:24, 25; Luq 7:14, 15; Yoh 11:43, 44

Hojii Ergamootaa 9:41

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 17:23

Hojii Ergamootaa 9:42

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 11:44, 45

Hojii Ergamootaa 9:43

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 10:6, 32

Yaada Wal Simu

HoE. 9:1HoE 8:3; 22:4; 26:10, 11; Gal 1:13; 1Xi 1:12, 13
HoE. 9:2HoE 11:26; 22:4
HoE. 9:3HoE 22:6-11; 26:13-18
HoE. 9:51Qo 15:8
HoE. 9:5Mat 25:45
HoE. 9:7HoE 22:9
HoE. 9:9HoE 13:11
HoE. 9:10HoE 22:12
HoE. 9:11HoE 21:39; 22:3
HoE. 9:12HoE 9:17
HoE. 9:14HoE 9:1, 2
HoE. 9:15Rom 1:5; Gal 2:7; 1Xi 2:7
HoE. 9:15HoE 26:1; 27:24
HoE. 9:15HoE 13:2; Rom 1:1; 1Xi 1:12
HoE. 9:16HoE 20:22, 23; 21:11; 2Qo 11:23-28; Qol 1:24; 2Xi 1:12
HoE. 9:17HoE 22:12, 13
HoE. 9:19HoE 26:19, 20
HoE. 9:21HoE 8:3; Gal 1:13, 23
HoE. 9:21HoE 9:1, 2
HoE. 9:22HoE 17:2, 3
HoE. 9:23HoE 20:2, 3; 23:12; 2Qo 11:23
HoE. 9:252Qo 11:32, 33
HoE. 9:26Gal 1:18
HoE. 9:27HoE 4:36, 37
HoE. 9:27HoE 9:3, 4; 1Qo 9:1
HoE. 9:27HoE 9:19, 20
HoE. 9:292Qo 11:23, 26
HoE. 9:30HoE 11:25; Gal 1:21
HoE. 9:31HoE 8:1
HoE. 9:31Yoh 14:16
HoE. 9:32HoE 9:38
HoE. 9:34Mat 10:8; HoE 4:9, 10
HoE. 9:34HoE 3:6
HoE. 9:40Luq 8:51
HoE. 9:40Mat 9:24, 25; Luq 7:14, 15; Yoh 11:43, 44
HoE. 9:411Mo 17:23
HoE. 9:42Yoh 11:44, 45
HoE. 9:43HoE 10:6, 32
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
  • 41
  • 42
  • 43
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Hojii Ergamootaa 9:1-43

Hojii Ergamootaa

9 Saaʼol garuu barattoota Gooftaa rakkisuu fi isaan ajjeesuuf dhaadachaa+ gara luba ol aanaa dhaqe; 2 achiis dhiirotas taʼan dubartoota nama Daandii Gooftaa hordofu kam iyyuu yoo argate, hidhee gara Yerusaalemitti fiduu akka dandaʼuuf manneen sagadaa Damaasqoo jiranitti xalayaan akka isaaf barreeffamu gaafate.+

3 Utuu deemaa jiruus Damaasqootti yommuu dhihaatu, akkuma tasaa ifni tokko samii irraa naannoo isaatti balaqqeessaʼe;+ 4 innis lafatti kufe; sagaleen tokkos, “Saaʼol, Saaʼol, maaliif na ariʼatta?” yommuu isaan jedhu dhagaʼe. 5 Saaʼolis, “Yaa Gooftaa, ati eenyu?” jedhee gaafate. Innis akkana jedhe: “Ani Yesuus+ isa ati ariʼattu sana dha.+ 6 Amma garuu kaʼiitii gara magaalaatti seeni; maal gochuu akka qabdu sitti himama.” 7 Namoonni isaa wajjin deemaa turan sagalicha dhagaʼan malee eenyuun iyyuu waan hin argineef, wanta dubbatan dhabanii callisanii dhaabbatan.+ 8 Achiis Saaʼol lafa irraa kaʼe; ijji isaa kan baname taʼus, homaa arguu hin dandeenye. Kanaafuu, harka isaa qabanii gara Damaasqootti isa geessan. 9 Inni guyyaa sadiif waan tokko illee utuu hin argin,+ utuu hin nyaatinii fi utuu hin dhugin ture.

10 Damaasqoo keessa barataan Anaaniyaas jedhamu tokko jira ture;+ Gooftaan mulʼataan, “Anaaniyaas!” jedhee isa waame. Innis, “Yaa Gooftaa, kunoo asan jira” jedhe. 11 Gooftaanis akkana isaan jedhe: “Kaʼiitii gara daandii Qajeelaa jedhamuu dhaqi; nama biyya Xarsees,+ Saaʼol jedhamu mana Yihudaatii iyyaafadhu. Kunoo, inni kadhachaa jira; 12 ijji isaa akka isaaf banamuuf, namni Anaaniyaas jedhamu gara isaa dhufee yommuu harka isaa isa irra kaaʼu mulʼataan argeera.”+ 13 Anaaniyaas garuu akkana jedhee deebise: “Yaa Gooftaa, waaʼee namicha kanaa fi miidhaa inni qulqulloota kee Yerusaalem keessa jiran irra geessise hunda namoota hedduu irraa dhagaʼeera. 14 Iddoo kanattis namoota maqaa kee waammatan hunda hidhuuf dura buutota lubootaa irraa aangoo argateera.”+ 15 Gooftaan garuu akkana isaan jedhe: “Namni kun saboota,+ moototaa+ fi ilmaan Israaʼel duratti maqaa koo akka baatu, miʼa anaaf filatame+ waan taʼeef gara isaa dhaqi! 16 Sababiin isaas, maqaa kootiif rakkinni hammamii isa irra gaʼuu akka qabu ifatti isatti nan argisiisa.”+

17 Kanaafuu, Anaaniyaas dhaqee manichatti seene; harka isaa isa irra kaaʼees, “Yaa obboleessa koo Saaʼol, Yesuus Gooftichi, inni utuu dhufaa jirtuu karaa irratti sitti mulʼate, agartuun kee akka siif deebiʼuu fi hafuura qulqulluudhaan akka guutamtuuf na ergeera” jedhe.+ 18 Yeruma sana wantoonni qola fakkaatan ija isaa lamaan irraa bubuʼan; agartuun isaas ni deebiʼeef. Achiis kaʼee cuuphame; 19 nyaata nyaatees jabina argate.

Guyyoota muraasaafis barattoota Damaasqoo keessa jiranii wajjin taaʼe;+ 20 yeruma sanas manneen sagadaa keessatti Yesuus Ilma Waaqayyoo taʼuu isaa lallabuu jalqabe. 21 Haa taʼu malee, namoonni isa dhaggeeffachaa turan hundi ajaaʼibsiifatanii, “Kun namicha warra Yerusaalem keessatti maqaa kana waaman irratti ariʼatama cimaa geessisaa ture sana mitii?+ Bakka kanas kan dhufe isaaniin hidhee geessee dura buutota lubootaatti kennuuf ture mitii?”+ jedhan. 22 Saaʼol garuu caalaatti jabaachaa deeme; akkasumas Yesuus kun Kiristoos taʼuu isaa ragaa dhiheessuudhaan Yihudoota Damaasqoo keessa jiraatan amansiisee afaan isaan qabsiisa ture.+

23 Guyyoota hedduu booda, Yihudoonni isa ajjeesuuf isa irratti mariʼatan.+ 24 Haa taʼu malee, Saaʼol isa irratti mariʼachuu isaanii ni beeke. Isaan isa ajjeesuuf halkanii fi guyyaa karrawwan magaalattii cimsanii eegu turan. 25 Kanaafuu, barattoonni isaa isa fuudhanii guuboo keessa kaaʼanii halkaniin foddaa dallaa magaalattii keessaan gad isa buusan.+

26 Yommuu Yerusaalem gaʼus,+ barattootatti makamuuf yaalii godhe; taʼus, isaan inni duuka buutuu Kiristoos taʼuu isaa waan hin amanneef hundi isaanii isa sodaatan. 27 Kanaafuu, Barnaabaas+ isa gargaare; gara ergamootaatti isa geessee, akkamitti karaa irratti Gooftaa akka arge,+ inni akkamitti akka isatti dubbatee fi akkamitti Damaasqoo keessatti maqaa Yesuusiin ija jabinaan akka dubbate balʼinaan isaanitti hime.+ 28 Kanaafuu, Yerusaalem keessa bilisummaadhaan asii fi achi deemaa,* akkasumas ija jabinaan maqaa Gooftaatiin dubbachaa isaanii wajjin jiraate. 29 Yihudoota Afaan Giriikii dubbatanii wajjin ni mariʼata, akkasumas ni falma ture; isaan garuu isa ajjeesuuf yaalii godhan.+ 30 Obboloonni yommuu kana hubatan, Qisaariyaatti erga gad isa fidanii booda gara Xarseesitti isa ergan.+

31 Yeroo kanatti gumiin guutummaa Yihudaa, Galiilaa fi Samaariyaatti+ argamu nagaa guddaa argate, ni jabaates; Yihowaa* sodaachuudhaan, akkasumas jajjabina hafuura qulqulluu irraa argatuun+ deddeebiʼaa waan tureef lakkoofsaan dabalaa deeme.

32 Pheexiros guutummaa naannoo sanaa keessa utuu deemuu, gara qulqulloota Lidaa keessa jiraatanitti gad buʼe.+ 33 Achitti nama Eneyaas jedhamuu fi lamshaaʼuu isaatiin kan kaʼe waggaa saddeetiif siree isaa irraa kaʼee hin beekne tokko arge. 34 Achiis Pheexiros, “Yaa Eneyaas, Yesuus Kiristoos si fayyisa.+ Kaʼiitii siree kee afadhu” isaan jedhe.+ Innis yeruma sana ni kaʼe. 35 Namoonni Lidaa fi Dirree Shaaron keessa jiraatan hundi yommuu isa argan Gooftaatti amanan.

36 Yeroo kanatti barattuun Xaabiitaa jedhamtu tokko Yoophee keessa jirti turte. Hiikni maqaa ishii, “Dorqaa”* jechuu dha. Ishiin hojiiwwan gaggaarii hedduu kan hojjettuu fi kennaa gara laafinaa kan kennitu turte. 37 Haa taʼu malee, ishiin yeroo sanatti dhukkubsattee duute. Kanaafuu, reeffa ishii dhiqanii kutaa fooqii irra jiru tokko keessa kaaʼan. 38 Lidaan Yoopheetti dhihoo waan taateef, barattoonni Pheexiros magaalaa Yoophee keessa akka jiru yommuu dhagaʼan, “Maaloo dafiitii gara keenya kottu” jedhanii akka itti himaniif namoota lama isatti ergan. 39 Pheexirosis kaʼee isaanii wajjin deeme. Yommuu achi gaʼus, gara kutaa fooqii irra jiru sanaatti isa geessan; dubartoonni abbootiin manaa irraa duʼan hundis isatti dhihaatanii booʼaa uffata hedduu Dorqaan yommuu isaanii wajjin turtetti hojjette isatti argisiisu turan. 40 Yeroo kanatti Pheexiros hunda isaanii gad baasee+ jilbeenfatee kadhate. Achiis gara reeffichaatti garagalee, “Xaabiitaa, kaʼi!” jedhe. Ishiinis ija ishii banatte; yommuu Pheexirosiin argitus kaatee teesse.+ 41 Innis harka isaa diriirsee qabee ol ishii kaase; achiis qulqullootaa fi dubartoota abbootiin manaa irraa duʼan sana waamee fayyaa taʼuu ishii isaanitti argisiise.+ 42 Wanti kun guutummaa Yoophee keessatti beekame; namoonni hedduunis Gooftaatti ni amanan.+ 43 Pheexiros Yoophee keessa guyyoota hedduudhaaf namicha Simoon jedhamuu fi gogaa duugu bira jiraate.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi