Mootota Lammaffaa
14 Yoʼaas+ Ilmi Yehoʼahaaz mootii Israaʼel mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti, Amaaziyaan ilmi Yoʼaas mootii Yihudaa mootii ni taʼe. 2 Inni yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 29f ni bulche. Maqaan haadha isaa Yehoʼaadin yeroo taʼu, ishiin nama Yerusaalem turte.+ 3 Amaaziyaan akka abbaa isaa Daawit taʼuu baatus, wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni raawwate.+ Inni wanta hunda akkuma abbaan isaa Yoʼaas raawwatetti ni raawwate.+ 4 Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon hin balleeffamne turan;+ namoonnis amma iyyuu iddoowwan ol kaʼoo irratti aarsaa fi aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan.+ 5 Mootummichi isa jalatti akkuma isaaf jabaateen, tajaajiltoota isaa warra abbaa isaa mooticha ajjeesan ni ajjeese.+ 6 Haa taʼu malee, ajaja Yihowaa isa kitaaba Seera Musee keessatti, “Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif hin ajjeefamin; ijoolleenis sababii abbootii isaaniitiif hin ajjeefamin; kanaa mannaa, tokkoon tokkoon namaa cubbuu ofii isaatiif haa ajjeefamu” jedhamee barreeffamee wajjin haala wal simuun inni ilmaan warra abbaa isaa ajjeesan sanaa hin ajjeesne.+ 7 Inni Sulula Soogiddaa+ keessatti namoota Edoom+ 10,000 ni ajjeese; waraanaanis Seelaa ni qabate;+ maqaan ishiis hamma harʼaatti Yoqteʼel jedhame.
8 Achiis Amaaziyaan Yoʼaas ilma Yehoʼahaaz ilma Yehuu isa mootii Israaʼel taʼetti namoota ergee, “Kottu, wal haa lollu”* isaan jedhe.+ 9 Yoʼaas mootiin Israaʼel immoo gara Amaaziyaa mootii Yihudaatti akkana jedhee dhaamsa erge: “Qoreen Libaanon keessatti argamu, ‘Intala tee ilma kootti heerumsiisi’ jedhee gara gaattiraa Libaanon keessatti argamuutti dhaamsa erge. Haa taʼu malee, bineensi bosonaa Libaanon tokko utuu achiin darbuu qoree sana irra ejjete. 10 Dhugaa dha, Edoomiin rukutteetta;+ kanaan kan kaʼes of tuulteetta. Ulfina argattetti gammadi; garuu manuma* kee keessa taaʼi. Maaliif badiisaa fi kufaatii ofitti kakaastee, Yihudaan sii wajjin akka kuftu goota?” 11 Amaaziyaan garuu hin dhageenye.+
Kanaafuu, Yoʼaas mootiin Israaʼel ol ni baʼe; innii fi Amaaziyaan mootiin Yihudaas Beet Sheemesh+ ishii kan Yihudaa taate keessatti wal lolan.+ 12 Yihudaanis Israaʼeliin ni moʼame; kanaafuu, tokkoon tokkoon isaanii gara mana mana* isaaniitti baqatan. 13 Yoʼaas mootiin Israaʼelis Beet Sheemeshitti Amaaziyaa mootii Yihudaa ilma Yoʼaas ilma Akaaziyaa ni qabate. Achiis isaan gara Yerusaalem ni dhufan; innis Karra Efreem+ irraa jalqabee hamma Karra Goleetti+ dallaa Yerusaalem dhundhuma 400* ni diige. 14 Warqii, meetii fi miʼawwan mana Yihowaa fi manneen qabeenyaa mana mootichaa keessatti argaman hunda, akkasumas namoota boojiʼaman ni fudhate. Achiis gara Samaariyaatti deebiʼe.
15 Seenaan Yoʼaas inni hafe, wanti inni godhee fi jabinni isaa, akkasumas akkamitti Amaaziyaa mootii Yihudaa wajjin akka wal waraane, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 16 Achiis Yoʼaas abbootii isaa wajjin ni boqote; mootota Israaʼelii wajjinis Samaariyaatti ni awwaalame;+ ilmi isaa Yeroboʼaamis*+ bakka isaa mootii taʼe.
17 Yoʼaas+ ilmi Yehoʼahaaz mootiin Israaʼel erga duʼee booda, Amaaziyaan+ ilmi Yoʼaas mootiin Yihudaa waggaa 15f ni jiraate.+ 18 Seenaan Amaaziyaa inni hafe, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 19 Boodas Yerusaalem keessatti isa irratti ni mariʼatan;+ innis gara Laakiishitti baqate; haa taʼu malee, isaan isa duubaan gara Laakiishitti namoota erganii achitti isa ajjeesan. 20 Achiis fardeen irratti feʼanii isa deebisan; innis abbootii isaa wajjin Magaalaa Daawit keessatti Yerusaalemitti awwaalame.+ 21 Achiis namoonni Yihudaa hundi Azaariyaa*+ isa umuriin isaa waggaa 16 taʼe+ fuudhanii bakka abbaa isaa Amaaziyaa mootii isa godhan.+ 22 Mootichi* abbootii isaa wajjin erga boqotee booda, inni Eelaatiin+ deebisee ijaaree Yihudaadhaaf ishii deebise.+
23 Ilma Yoʼaas mootii Yihudaa kan taʼe Amaaziyaan mootii taʼee waggaa 15ffaa isaatti, ilma Yoʼaas mootii Israaʼel kan taʼe Yeroboʼaam+ Samaariyaa keessa taaʼee mootii taʼe; inni waggaa 41f ni bulche. 24 Wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate. Cubbuuwwan Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka hojjetan godhe hunda irraas hin gorre.+ 25 Akkuma Yihowaan Waaqni Israaʼel karaa tajaajilaa isaa Yoonaas+ ilma Amitaay isa raajii nama Gaat Hefeer+ taʼe sanaa dubbatetti, Lebo Hamaatii*+ jalqabee hamma Galaana Arabaatti*+ daangaa Israaʼel ni deebise. 26 Kunis kan taʼe, Yihowaan rakkina cimaa Israaʼel irra gaʼe waan argeef ture.+ Warra gargaarsa hin qabne yookiin warra dadhaboo taʼan dabalatee, Israaʼeliin kan gargaaru tokko illee hin jiru ture. 27 Haa taʼu malee, Yihowaan samii jalaa maqaa Israaʼel haxaaʼee akka hin balleessine waadaa galee ture.+ Kanaafuu, inni harka Yeroboʼaam ilma Yoʼaasitti fayyadamee isaan oolche.+
28 Seenaan Yeroboʼaam inni hafe, wanti inni godhe hundii fi jabinni isaa, inni akkamitti akka lole, akkasumas akkamitti Damaasqoo+ fi Hamaatiin+ Yihudaa ishii Israaʼel keessa jirtuuf akka deebise, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 29 Achiis Yeroboʼaam abbootii isaa warra mootota Israaʼel taʼanii wajjin ni boqote; ilmi isaa Zakkaariyaasis+ bakka isaa mootii taʼe.