LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 63
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Isaayyaas

      • Yihowaan saboota irratti haaloo ni baʼa (1-6)

      • Jaalala amanamaa Yihowaan duraan argisiise (7-14)

      • Kadhannaa cubbuu irraa deebiʼuuf dhihaate (15-19)

Isaayyaas 63:1

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “diimaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 137:7; Isa 34:5, 6
  • +Amo 1:12

Isaayyaas 63:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoe 3:13; Mul 14:19, 20; 19:15

Isaayyaas 63:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 34:2

Isaayyaas 63:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 34:8; 35:4; 61:1, 2

Isaayyaas 63:5

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “injifannoo.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 51:9; 52:10; 59:16

Isaayyaas 63:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 25:15, 16

Isaayyaas 63:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 78:12; 105:5

Isaayyaas 63:8

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “sobduu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 24:7
  • +Bau 14:30

Isaayyaas 63:9

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Maleekaan isa duraa dhufes.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 3:7
  • +Bau 14:19; 23:20
  • +Kes 7:8
  • +Bau 19:4; Kes 1:31

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 157

    Masaraa Eegumsaa (Sabaa),

    Lakk. 3 2018, ful. 8

Isaayyaas 63:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 9:7
  • +HoE 7:51; Efe 4:30
  • +Lew 26:14, 17; Kes 28:63
  • +Er 21:5

Isaayyaas 63:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 77:20
  • +Bau 14:30; Isa 51:10
  • +Lak 11:16, 17

Isaayyaas 63:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 6:1, 6; 15:16
  • +Bau 9:15, 16; 14:17; Rom 9:17
  • +Bau 14:21, 22

Isaayyaas 63:13

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lafa onaa.”

  • *

    Ykn., “Bishaan gad fagoo.”

Isaayyaas 63:14

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “bareedaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 22:4
  • +2Sa 7:23; Nah 9:10

Isaayyaas 63:15

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “bareedaa.”

  • *

    Kal., “Garaan kee raafamuun isaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 31:20
  • +Kes 4:31; Nah 9:17

Isaayyaas 63:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 4:22
  • +Isa 41:14

Isaayyaas 63:17

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “goota?”

  • *

    Kal., “goota?”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 6:10
  • +Fr 74:2; 80:14, 15

Isaayyaas 63:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 36:19; Isa 64:11; Fru 1:10

Yaada Wal Simu

Isa. 63:1Fr 137:7; Isa 34:5, 6
Isa. 63:1Amo 1:12
Isa. 63:2Yoe 3:13; Mul 14:19, 20; 19:15
Isa. 63:3Isa 34:2
Isa. 63:4Isa 34:8; 35:4; 61:1, 2
Isa. 63:5Isa 51:9; 52:10; 59:16
Isa. 63:6Er 25:15, 16
Isa. 63:7Fr 78:12; 105:5
Isa. 63:8Bau 24:7
Isa. 63:8Bau 14:30
Isa. 63:9Bau 3:7
Isa. 63:9Bau 14:19; 23:20
Isa. 63:9Kes 7:8
Isa. 63:9Bau 19:4; Kes 1:31
Isa. 63:10Kes 9:7
Isa. 63:10HoE 7:51; Efe 4:30
Isa. 63:10Lew 26:14, 17; Kes 28:63
Isa. 63:10Er 21:5
Isa. 63:11Fr 77:20
Isa. 63:11Bau 14:30; Isa 51:10
Isa. 63:11Lak 11:16, 17
Isa. 63:12Bau 6:1, 6; 15:16
Isa. 63:12Bau 9:15, 16; 14:17; Rom 9:17
Isa. 63:12Bau 14:21, 22
Isa. 63:14Iya 22:4
Isa. 63:142Sa 7:23; Nah 9:10
Isa. 63:15Er 31:20
Isa. 63:15Kes 4:31; Nah 9:17
Isa. 63:16Bau 4:22
Isa. 63:16Isa 41:14
Isa. 63:17Isa 6:10
Isa. 63:17Fr 74:2; 80:14, 15
Isa. 63:182Se 36:19; Isa 64:11; Fru 1:10
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Isaayyaas 63:1-19

Isaayyaas

63 Inni Edoomii+ dhufaa jiru,

Inni uffata halluu ifaa* qabu uffatee Boozraadhaa+ dhufaa jiru,

Inni uffata miidhagaa uffatee

Humna isaa isa guddaadhaan tarkaanfachaa dhufaa jiru kun eenyu?

“Ana isa qajeelummaadhaan dubbatu,

Isa fayyisuuf humna guddaa qabu sana dha.”

 2 Uffanni kee kan diimate,

Wayyaan kee kan akka nama wayinii cuunfuu kan taʼe maaliifi?+

 3 “Bakka wayinii itti cuunfan keessatti kophaa koo daadhii wayinii nan dhidhiite.

Namoota sana keessaa tokko illee anaa wajjin hin turre.

Aarii kootiin isaan dhidhiituu koo,

Dheekkamsa kootiinis isaan irra ejjechuu koo ittan fufe.+

Dhiigni isaanii wayyaa koo irratti ni facaʼe,

Anis guutummaa uffata kootii nan xureesse.

 4 Sababiin isaas, guyyaan haaloo itti baʼu,

Waggaan warri ani fure itti dhufan sunis garaa koo keessa jira.+

 5 Nan ilaale, garuu gargaaruuf kan dhufe tokko illee hin turre;

Gargaarsa kan kenne tokko illee waan hin jirreef nan naʼe.

Kanaafuu, irreen koo fayyina* naaf argamsiise,+

Dheekkamsi koos na gargaare.

 6 Aarii kootiin namoota nan dhidhiite,

Dheekkamsa kootiin isaan nan macheesse,+

Dhiiga isaaniis lafa irratti nan dhangalaase.”

 7 Akka gara laafina isaa fi akka jaalala isaa isa amanamaa isa guddaa taʼetti,

Wanta Yihowaan nuuf godhe hundumaatiif,+

Wantoota gaggaarii hedduu inni mana Israaʼeliif godheef,

Ani waaʼee gochawwan Yihowaa warra jaalala isaa isa amanamaa argisiisanii,

Waaʼee gochawwan Yihowaa warra jajamuu qaban sanaa nan dubbadha.

 8 Sababiin isaas inni, “Dhugumaan isaan saba koo ti, ilmaan gantoota* hin taane dha”+ jedheera.

Kanaan kan kaʼes, inni Fayyisaa isaanii ni taʼe.+

 9 Yeroo isaan dhiphatan hundumaatti, innis ni dhiphate.+

Ergamaan dhuunfaa isaas* isaan ni oolche.+

Jaalala isaa fi gara laafina isaatiin isaan ni fure,+

Bara durii hundumaatti ol kaasee isaan ni baate.+

10 Isaan garuu fincila kaasanii+ hafuura isaa isa qulqulluu gaddisiisan.+

Innis diina isaanii ni taʼe,+

Akkasumas isaan ni lole.+

11 Isaanis guyyoota bara durii,

Bara Musee isa tajaajilaa isaa taʼe sanaa yaadatanii akkana jedhan:

“Inni tiksitoota bushaayee+ isaa wajjin galaana keessaa isaan baase sun eessa jira?+

Inni hafuura isaa isa qulqulluu isa keessa kaaʼe sun,+

12 Inni irreen isaa inni ulfina qabeessi harka mirgaa Musee wajjin akka deemu godhe sun,+

Inni ofii isaatiif maqaa bara baraa argachuuf jedhee+

Isaan duratti bishaanota gargar hire sun,+

13 Inni isaan akkuma farda dirree* keessa jiruutti,

Utuu hin gufatin akka deeman gochuudhaan

Bishaan jeeqamu* keessa akka deeman godhe sun eessa jira?

14 Akkuma horiiwwan boqochuuf gara dirree sulula keessa jiruutti gad buʼaniitti,

Hafuurri Yihowaa isaan ni boqochiise.”+

Ati ofii keetiif maqaa ulfina qabeessa* argachuuf,+

Saba kee akkanatti geggeessite.

15 Samii irraa gad ilaali,

Iddoo jireenyaa kee isa ol kaʼaa, isa qulqulluu fi ulfina qabeessa* taʼe irraas milʼadhu.

Hinaaffaan kee fi jabinni kee,

Gara laafinni+ kee* fi araarri kee eessa jira?+

Ati wantoota kana na dhowwatteetta.

16 Ati Abbaa keenya;+

Abrahaam yoo nu beekuu baate,

Israaʼelis yoo nu wallaale illee,

Yaa Yihowaa, ati Abbaa keenya.

Maqaan kees isa bara duriitti nu fure dha.+

17 Yaa Yihowaa, daandiiwwan kee irraa gorree akka joorru maaliif heyyamta?*

Nuti akka si hin sodaannetti garaan keenya didaa akka taʼu maaliif heyyamta?*+

Tajaajiltoota keetiif,

Gosoota dhaala keetiitiif jedhiitii deebiʼi.+

18 Sabni kee inni qulqulluun yeroo muraasaaf biyyattii dhaalee ture.

Diinonni keenya iddoo qulqulluu kee ni dhidhiitan.+

19 Nutis yeroo dheeraadhaaf akkuma warra ati matumaa bulchitee hin beeknee,

Akkuma warra matumaa maqaa keetiin waamamanii hin beeknee taane.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi