Faarfannaa
Geggeessaa muuziqaatiif; Yedutuuniin.*+ Faarfannaa Daawit.
Namni hamaan kam iyyuu na dura hamma jirutti,
Afaan koo hidhee nan eeggadha” nan jedhe.+
2 Nama arrabni isaa hidhame nan taʼe, nan callises;+
Waaʼee wanta gaarii taʼee illee homaa hin dubbanne,
Dhukkubni koo garuu cimaa ture.*
3 Onneen koo keessa kootti ni gubate.*
Yeroon irratti xiinxalu,* ibiddi keessa kootti ni bobaʼe.
Achiis arrabni koo akkana jedhe:
4 “Yaa Yihowaa, jireenyi koo hammam gabaabaa akka taʼe* akkan hubadhuuf,+
Dhumni koo maal akka taʼe,
Akkasumas, safara guyyoota kootii akkan beeku na gargaari.
5 Dhuguma iyyuu, guyyoonni koo muraasa qofa* akka taʼan ni goote;+
Umuriin koos si duratti homaa jechuu miti.+
Tasgabbii kan qabu fakkaatus namni kam iyyuu hafuuruma malee homaa miti.+ (Seelaa)
6 Dhugumaan namni hundi akkuma gaaddidduutti ni deema.
Akkanumaan asii fi achi joora.*
Eenyu akka itti fayyadamu utuu hin beekin qabeenya tuullata.+
7 Yaa Yihowaa, maal abdachuun dandaʼa ree?
Abdiin koo suma.
8 Yakka koo hundumaa jalaa na oolchi.+
Inni gowwaan akka na tuffatu hin godhin.
10 Dhaʼicha kee ana irraa kaasi.
Harki kee waan na rukuteef ani bututeera.
11 Ati balleessaa isaatiif nama adabdee ni sirreessita;+
Akkuma biliin godhuttis wantoota inni bakka guddaa kennuuf ni balleessita.
Dhuguma iyyuu, namni hundi hafuuruma dha.+ (Seelaa)
12 Yaa Yihowaa, kadhannaa koo dhaggeeffadhu,
Iyyan gargaarsa argachuuf dhageessisus dhagaʼi.+
Imimmaan koo callistee hin ilaalin.
Sababiin isaas, ani siif nama biyya ormaa ti;+
Akkuma abbootii koo hundumaa imaltuu biyya keessa darbu* dha.+
13 Ani duʼee baduu koo dura
Akkan gammadutti dheekkamsaan na ilaaluu kee dhiisi.”