Hisqiʼel
41 Achiis gara iddoo qulqulluu* isa alaatti na fidee utubaawwan garanaa fi garasiin dhaabbatan ni safare; isaanis dalgi isaanii garanaan dhundhuma* jaʼa, garasiinis dhundhuma jaʼa ture. 2 Balbalichi dalgi isaa dhundhuma kudhan ture; girgiddaawwan balbalicha irraa garanaa fi garasiin jiran gara isa tokkootiin dhundhuma shan, gara isa kan biraatiinis dhundhuma shan turan. Yommuu inni dheerina isaa safarus dhundhuma 40 taʼe; dalgi isaa immoo dhundhuma 20 taʼe.
3 Achiis gara keessaatti* seenee utubaa balbalicha cinaa jiru ni safare; innis dhundhuma lama kan furdatu ture; balbalichis dalgi isaa dhundhuma jaʼa ture. Girgiddaawwan balbalicha irraa garanaa fi garasiin jiran* dhundhuma torba turan. 4 Sana booda kutaa gara iddoo qulqulluu isa alaatti garagalee jiru ni safare, innis dheerinni isaa dhundhuma 20, dalgi isaas dhundhuma 20 ture.+ Innis, “Kun Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe+ dha” naan jedhe.
5 Achiis girgiddaa mana qulqullummaa ni safare, innis dhundhuma jaʼa kan furdatu ture. Kutaawwan naannoo mana qulqullummaa sanaa jiran dalgi isaanii dhundhuma afur ture.+ 6 Kutaawwan garanaa fi garasiin jiran darbii sadii kan ol dheeratan yeroo taʼu, inni tokko isa kan biraa irra jira ture; tokkoon tokkoon darbii irras kutaawwan 30tu jira ture. Baattuuwwan kutaawwan sana deggeranii fi girgiddaa mana qulqullummaatti marsanii argaman jiru turan; kunis deggertuuwwan sun girgiddaa mana qulqullummaa sana keessa akka hin seenneefi.+ 7 Mana qulqullummaa sana garanaa fi garasiin daandii jajalʼaan* gara kutaawwan warra oliitti ol baasu jira ture.+ Namni tokko darbii isa gidduu keessa darbee darbii isa gadii irraa gara darbii isa oliitti yeroo ol baʼu balʼinni dalga isaa darbii irraa gara darbiitti dabalaa deema.
8 Waltajjii guutummaa naannoo mana qulqullummaatti marsee jiru tokko nan arge; buʼuurawwan kutaawwan garanaa fi garasiin jiran sanaas hamma golee isaatti shomboqqoo dhundhuma jaʼa guutuu taʼu turan. 9 Girgiddaan kutaawwan garanaa fi garasiin jiranii inni gara alaatiin jiru dalgi isaa dhundhuma shan ture. Kutaawwan garanaa fi garasiin jiran bira iddoon banaa taʼee* fi kutaa mana qulqullummaa taʼe tokko jira ture.
10 Mana qulqullummaa fi kutaawwan nyaataa*+ sana gidduu garanaa fi garasiin iddoon dalgi isaa dhundhuma 20 taʼe tokko jira ture. 11 Kutaawwan garanaa fi garasiin jiranii fi iddoo banaa kallattii kaabaatiin jiru gidduu balballi tokko jira ture; kallattii kibbaatiin immoo balballi kan biraan jira ture. Iddoon banaan sun kallattii hundumaatiin dalgi isaa dhundhuma shan ture.
12 Gamoon kallattii dhihaatiin argamuu fi gara iddoo banaa sanatti garagalee jiru dalgi isaa dhundhuma 70, dheerinni isaa immoo dhundhuma 90 ture; girgiddaan gamoo sanaa kallattii hundumaatiin furdinni isaa dhundhuma shan ture.
13 Innis mana qulqullummaa yommuu safaru dheerinni isaa dhundhuma 100 taʼe. Iddoon banaan sun, gamoon* sunii fi girgiddaawwan isaas dheerinni isaanii dhundhuma 100 ture. 14 Dalgi fuuldura mana qulqullummaa isa gara bahaatti garagalee jiru sanaa fi dalgi iddoo banaa sanaa dhundhuma 100 ture.
15 Innis iddoowwan keessa darbaman warra garanaa fi garasiin jiran dabalatee gamoo gara iddoo banaa isa duubaa sanatti garagalee jiru yommuu safaru dheerinni isaa dhundhuma 100 taʼe.
Kana malees, inni iddoo qulqulluu isa alaa, iddoo qulqulluu isa keessaa+ fi barandaawwan mooraa sanaa ni safare; 16 akkasumas gubaniiwwan balbalaa, foddaawwan fireemiiwwan keessaa gara alaatti dhiphachaa deeman qabanii+ fi iddoowwan keessa darbaman warra bakka sadan sanatti argaman ni safare. Gubanii balbalaa sana bira lafa isaa irraa jalqabee hamma foddaawwan isaatti saanqaan maxxanfamee ture;+ foddaawwan sunis uwwifamanii turan. 17 Balbalichaa olitti manni qulqullummaa inni keessaa fi alli isaa, akkasumas girgiddaan manichatti marsee jiru guutummaan isaa ni safarame. 18 Kiruubelonnii+ fi fakkiiwwan muka meexxii+ isa irratti bocamanii turan; fakkiin muka meexxii tokko kiruubelota lama lama gidduu jira ture; kiruubelonni sunis fuula lama lama qabu turan. 19 Gama tokkoon fuulli namaa gara muka meexxii sanaatti garagalee jira ture; gama kan biraatiin immoo fuulli leencaa* gara muka meexxii sanaatti garagalee jira ture.+ Isaan guutummaa mana qulqullummaa sanaa keessatti akka kanaan bocamanii jiru turan. 20 Girgiddaa iddoo qulqulluu sanaa irratti lafa isaatii jalqabee hamma iddoo balbalicha irraa olitti argamuutti kiruubelonnii fi fakkiiwwan muka meexxii bocamanii jiru turan.
21 Maqaaniiwwan* balbaloota iddoo qulqulluu sanaa rogarfee turan.+ Iddoo qulqulluu* sana fuulduras wanti akka 22 iddoo aarsaa muka irraa tolfamee+ fi ol dheerinni isaa dhundhuma sadii, dheerinni isaa immoo dhundhuma lama taʼe tokko jira ture. Inni utubaa golee kan qabu yeroo taʼu, jalli* isaa, akkasumas garanaa fi garasiin muka irraa kan tolfame ture. Achiis inni, “Kun minjaala Yihowaa dura jiru sana dha”+ naan jedhe.
23 Iddoon qulqulluun inni alaa fi iddoon qulqulluun inni keessaa balbala lama lama qabu turan.+ 24 Balbaloonni sun cufaa gar lamatti banamu lama lama qabu turan. 25 Kiruubelonnii fi fakkiiwwan muka meexxii akkuma girgiddaawwan sana irratti bocamanii turanitti balbaloota iddoo qulqulluu sana irrattis bocamanii jiru turan.+ Barandaa sana fuuldura karaa alaatiin baaxiin muka irraa tolfame jira ture. 26 Barandaa sana irraa garanaa fi garasiin, akkasumas kutaawwan mana qulqullummaa garanaa fi garasiin jiran irrattii fi baaxiiwwan sana biratti foddaawwan fireemiiwwan keessaa gara alaatti dhiphachaa deeman qabanii+ fi fakkiiwwan muka meexxii jiru turan.