-
Isaayyaas 11:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Guyyaa sanatti Yihowaan, yeroo lammaffaadhaaf saba isaa warra hafan kanneen Asoor,+ Gibxii,+ Phaatros,+ Kuush,+ Eelaam,+ Shinaar,* Hamaatii fi odolawwan galaanaa irraa oolan deebifachuuf ammas harka isaa ni diriirsa.+ 12 Inni sabootaaf mallattoo* ni dhaaba; Israaʼel keessaa warra bittinnaaʼan walitti ni qaba;+ Yihudaa keessaa warra faffacaʼanis golee lafaa arfan irraa walitti ni qaba.+
-
-
Ermiyaas 30:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 “Tajaajilaa koo kan taate yaa Yaaqoob, hin sodaatin,
Yaa Israaʼel, hin naʼin.+
Sababiin isaas, ani siin biyya fagoo irraa,
Sanyii kees biyya boojiʼamanii itti fudhataman irraa nan deebisa.+
Yaaqoob ni deebiʼa, utuu hin jeeqamin tasgabbiidhaan ni jiraata,
Kan isa sodaachisus hin jiraatu” jedha Yihowaan.+
11 “Sababiin isaas, ani si oolchuuf sii wajjinan jira.
-
-
Hisqiʼel 34:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Ani saboota keessaa isaan nan baasa; biyyoota keessaas walitti isaan nan qaba; achiis gara biyya isaaniitti isaan fidee gaarota Israaʼel irratti, lageen birattii fi iddoowwan jireenyaa biyyattii hundumaa biratti isaan nan soora.+ 14 Ani bakka dheedichaa gaarii taʼe keessatti isaan nan soora; isaanis gaarota Israaʼel warra ol kaʼoo taʼan irra ni dheedu.+ Isaan achitti lafa dheedichaa gaarii taʼe keessa ni ciciisu;+ gaarota Israaʼel irrattis kaloowwan filatamoo taʼan ni dheedu.”
-
-
Amoos 9:14, 15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Ani saba koo Israaʼel warra boojiʼaman deebisee walitti nan qaba,+
Isaan magaalota ona taʼan deebisanii ni ijaaru, keessas ni jiraatu;+
Mukeetii wayinii ni dhaabu, daadhii wayinii isaaniis ni dhugu,+
Biqiltuu ni dhaabu, firii isaas ni nyaatu.’+
15 ‘Ani biyya isaanii irratti isaan nan dhaaba,
Isaan matumaa biyya ani isaaniif kenne irraa
Lammata hin buqqaʼan’+ jedha Yihowaan Waaqni kee.”
-