LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 11:11, 12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Guyyaa sanatti Yihowaan, yeroo lammaffaadhaaf saba isaa warra hafan kanneen Asoor,+ Gibxii,+ Phaatros,+ Kuush,+ Eelaam,+ Shinaar,* Hamaatii fi odolawwan galaanaa irraa oolan deebifachuuf ammas harka isaa ni diriirsa.+ 12 Inni sabootaaf mallattoo* ni dhaaba; Israaʼel keessaa warra bittinnaaʼan walitti ni qaba;+ Yihudaa keessaa warra faffacaʼanis golee lafaa arfan irraa walitti ni qaba.+

  • Ermiyaas 30:10, 11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 “Tajaajilaa koo kan taate yaa Yaaqoob, hin sodaatin,

      Yaa Israaʼel, hin naʼin.+

      Sababiin isaas, ani siin biyya fagoo irraa,

      Sanyii kees biyya boojiʼamanii itti fudhataman irraa nan deebisa.+

      Yaaqoob ni deebiʼa, utuu hin jeeqamin tasgabbiidhaan ni jiraata,

      Kan isa sodaachisus hin jiraatu” jedha Yihowaan.+

      11 “Sababiin isaas, ani si oolchuuf sii wajjinan jira.

      Saboota ani gidduu isaaniitti si bittinneesse hundumaa haxaaʼee nan balleessa;+

      Siin garuu haxaaʼee hin balleessu.+

      Ani hamma siif malu sin adaba* malee,

      Matumaa utuun si hin adabin hin dhiisu”+ jedha Yihowaan.

  • Hisqiʼel 34:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Ani saboota keessaa isaan nan baasa; biyyoota keessaas walitti isaan nan qaba; achiis gara biyya isaaniitti isaan fidee gaarota Israaʼel irratti, lageen birattii fi iddoowwan jireenyaa biyyattii hundumaa biratti isaan nan soora.+ 14 Ani bakka dheedichaa gaarii taʼe keessatti isaan nan soora; isaanis gaarota Israaʼel warra ol kaʼoo taʼan irra ni dheedu.+ Isaan achitti lafa dheedichaa gaarii taʼe keessa ni ciciisu;+ gaarota Israaʼel irrattis kaloowwan filatamoo taʼan ni dheedu.”

  • Amoos 9:14, 15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Ani saba koo Israaʼel warra boojiʼaman deebisee walitti nan qaba,+

      Isaan magaalota ona taʼan deebisanii ni ijaaru, keessas ni jiraatu;+

      Mukeetii wayinii ni dhaabu, daadhii wayinii isaaniis ni dhugu,+

      Biqiltuu ni dhaabu, firii isaas ni nyaatu.’+

      15 ‘Ani biyya isaanii irratti isaan nan dhaaba,

      Isaan matumaa biyya ani isaaniif kenne irraa

      Lammata hin buqqaʼan’+ jedha Yihowaan Waaqni kee.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi