LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 15:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Bara Peeqaa mootii Israaʼelitti, Tiglaat Pileseer+ mootiin Asoor, Iyooniin, Abeel Beet Maʼaakaa,+ Yaanoʼaa, Qeedeshiin,+ Hazooriin, Giiliyaadii+ fi Galiilaa, jechuunis guutummaa biyya Niftaalem+ weeraree qabate; namoota achi jiraatanis boojiʼee gara Asooritti fudhate.+

  • 2 Mootota 17:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Hosheʼaan mootii taʼee waggaa saglaffaa isaatti, mootiin Asoor Samaariyaa ni qabate.+ Achiis inni namoota Israaʼel boojiʼee+ gara Asooritti geessuudhaan Haalaa fi Haaboor isa laga Goozaan+ bira jiru keessa, akkasumas magaalota Meedon keessa qubachiise.+

  • 2 Mootota 18:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Achiis mootiin Asoor Israaʼelota boojiʼee+ gara Asooritti geessuudhaan, Haalaa fi Haaboor isa laga Goozaan bira jiru keessa, akkasumas magaalota Meedon keessa isaan qubachiise.+

  • 2 Mootota 24:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yehoyaakiin mootiin Yihudaa haadha isaa, tajaajiltoota isaa, bulchitoota isaa fi abbootii taayitaa mana mootummaa+ isaa wajjin gara mootii Baabilonitti+ baʼe; mootiin Baabilonis Yehoyaakiin mootii taʼee waggaa saddeettaffaa isaatti boojiʼee isa fudhate.+

  • 2 Mootota 24:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Inni namoota Yerusaalem hundumaa, bulchitoota hundumaa,+ loltoota jajjaboo taʼan hundumaa, akkasumas nama ogummaa harkaa fi ogummaa sibiilaa qabu* hundumaa,+ walumaa galatti namoota 10,000 boojiʼee fudhate. Namoota biyyattii warra hiyyeeyyii taʼaniin alatti eenyu illee achitti hin hafne.+

  • 2 Mootota 25:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe namoota magaalattii keessatti hafan kaan, gantoota gara mootii Baabilonitti goranii fi uummata isa hafe kaan boojiʼee fudhate.+

  • 2 Seenaa Baraa 36:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Kanaan kan kaʼes, inni mootii Kaladootaa+ isaanitti ni erge; innis dargaggoota isaanii mana qulqullummaa isaanii+ keessatti goraadeedhaan ni ajjeese;+ dargaggeessaaf yookiin durbaaf, maanguddoodhaaf yookiin isa dadhabaadhaaf garaa hin laafne.+ Waaqayyos wanta hundumaa harka isaatti dabarsee kenne.+

  • 2 Seenaa Baraa 36:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Mana Waaqa dhugaa ni gube;+ dallaa Yerusaalem ni diige;+ masaraawwan ishii warra ciccimoo taʼan hundumaas ibiddaan ni gube; wantoota gatii guddaa qaban hundumaas ni balleesse.+

  • Ermiyaas 50:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 “Sabni Israaʼel hoolota bittinnaaʼani dha.+ Leenconni isaan bittinneessaniiru.+ Jalqaba mootiin Asoor isaan ni nyaate;+ achiis Nebukadnezaar* mootiin Baabilon lafee isaanii ni caccabse.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi