Saamuʼel Tokkoffaa
7 Kanaafuu, namoonni Qiriyaat Yeʼariim dhufanii Taabota Yihowaa gara mana Abinaadaab+ isa tabba irratti argamutti geessan; ilma isaa Eleʼazaariinis Taabota Yihowaa akka eeguuf ni qulqulleessan.
2 Guyyaa Taabotichi gara Qiriyaat Yeʼariim itti dhufee jalqabee yeroo dheeraa, jechuunis walumaa galatti waggaa 20 ni taʼe; guutummaan mana Israaʼelis Yihowaa barbaaddachuu* jalqabe.+ 3 Achiis Saamuʼel mana Israaʼel hundaan akkana jedhe: “Garaa keessan guutuudhaan+ gara Yihowaatti yoo deebitan, waaqolii ormaa+ fi siidaawwan Ashtooret+ of gidduudhaa yoo balleessitan, akkasumas garaa keessan guutummaatti Yihowaadhaaf yoo kennitanii fi isa qofa yoo tajaajiltan,+ inni harka Filisxeemotaa jalaa isin oolcha.”+ 4 Yeroo kanatti Israaʼelonni Baʼaalii fi siidaawwan Ashtooret balleessanii Yihowaa qofa tajaajilan.+
5 Achiis Saamuʼel, “Israaʼelota hundumaa Misphaatti+ walitti qabaa; anis Yihowaa isiniif nan kadhadha”+ jedhe. 6 Kanaafuu, isaan Misphaatti walitti qabaman; bishaan waraabanii Yihowaa duratti dhangalaasan, akkasumas guyyaa sana soomaa oolan.+ Achittis, “Nuti Yihowaa irratti cubbuu hojjenneerra” jedhan.+ Saamuʼelis Misphaatti Israaʼelota irratti abbaa murtii taʼee tajaajiluu jalqabe.+
7 Filisxeemonni, Israaʼelonni Misphaatti walitti qabamuu isaanii yommuu dhagaʼan, bulchitoonni Filisxeem+ Israaʼeliin loluuf ol baʼan. Israaʼelonnis yommuu kana dhagaʼan Filisxeemota ni sodaatan. 8 Kanaafuu, Israaʼelonni Saamuʼeliin, “Waaqni keenya Yihowaan akka nu gargaaruu fi harka Filisxeemotaa jalaa akka nu oolchu isa kadhachuu kee hin dhiisin” jedhan.+ 9 Yeroo kanatti Saamuʼel ilmoo hoolaa hootu tokko fuudhee aarsaa guutummaatti gubamu+ godhee Yihowaadhaaf ni dhiheesse; Israaʼelota akka gargaarus Yihowaa isaaniif kadhate; Yihowaanis deebii isaaf ni kenne.+ 10 Saamuʼel aarsaa gubamu sana utuma dhiheessaa jiruu, Filisxeemonni Israaʼelota waraanuuf itti dhihaatan. Yihowaan guyyaa sanatti kakawwee sagalee guddaa qabu Filisxeemota irratti fidee+ akka burjaajaʼan godhe;+ isaanis Israaʼelota duratti ni moʼaman.+ 11 Yeroo kanatti namoonni Israaʼel Misphaadhaa baʼanii Filisxeemota ariʼanii hanga kibba Beet Kaaritti isaan rukutan. 12 Achiis Saamuʼel dhagaa+ tokko fuudhee Misphaa fi Yeshaanaa gidduu kaaʼe; “Hamma ammaatti Yihowaan nu gargaareera”+ jechuudhaan maqaa isaa Ebeen Ezer* jedhee moggaase. 13 Filisxeemonni waan moʼamaniif sana booda deebiʼanii gara naannoo Israaʼel hin dhufne;+ bara Saamuʼel jiraate hundumaatti harki Yihowaa Filisxeemota irra ture.+ 14 Kana malees, magaalonni Filisxeemonni Israaʼelota irraa fudhatanii turan Israaʼelotaaf ni deebifaman; Israaʼelonni Eqroon irraa jalqabee hamma Gaatitti naannoo isaanii harka Filisxeemotaa jalaa ni deebifatan.
Israaʼelotaa fi Amoorota+ gidduus nagaan jira ture.
15 Saamuʼel umurii isaa guutuu Israaʼelotaaf abbaa murtii taʼee tajaajile.+ 16 Inni, waggaa waggaadhaan Beetel,+ Gilgaalii+ fi Misphaa+ keessa naannaʼee iddoowwan kana hundumaatti abbaa murtii taʼee Israaʼelota tajaajileera. 17 Haa taʼu malee, manni isaa Raamaatti+ waan argamuuf achitti ni deebiʼa ture; kana malees, achitti abbaa murtii taʼee Israaʼelota ni tajaajila ture. Achittis Yihowaadhaaf iddoo aarsaa ni ijaare.+