Zakkaariyaas
12 Murtii Waaqayyo dabarse:
Dubbiin Yihowaan Israaʼeliin ilaalchisee dubbate isa kana;
Yihowaan inni samiiwwan diriirse,+
Inni buʼuura lafaa kaaʼe,+
Inni nama keessatti hafuura uume akkana jedha:
2 “Kunoo, ani Yerusaalem xoofoo* saboonni naannoo ishii jiran hundi akka gatantaran godhu akka taatu nan godha; Yihudaa fi Yerusaalemittis diinni ni marsa.+ 3 Guyyaa sanatti Yerusaalem saboota hundumaatti dhagaa ulfaataa akka taatu nan godha. Kan ol ishii kaasan hundi akka malee ni miidhamu;+ saboonni lafa irraa hundis ishii irratti walitti ni qabamu.”+ 4 Yihowaan akkana jedha: “Guyyaa sanatti ani farda hundumaa sodaadhaan, isa fardicha gulufus maraatummaadhaan nan rukuta. Ani ija koo mana Yihudaa irra nan kaaʼa; fardeen sabootaa hunda garuu nan jaamsa. 5 Dura buutonni Yihudaas garaa isaaniitti, ‘Jiraattonni Yerusaalem Waaqa isaanii Yihowaa Gooftaa Raayyaatiin kan kaʼe jabina keenya taʼaniiru’ jedhu.+ 6 Guyyaa sanatti ani dura buutonni Yihudaa akka distii ibidda qabatee qoraan gidduu jiruu, akkasumas akka guca bobaʼuu fi midhaan reefuu haamame gidduu jiruu akka taʼan nan godha;+ isaan namoota naannoo isaanii mirgaa fi bitaadhaan jiran hundumaa ni nyaatu;+ jiraattonni Yerusaalemis iddoo isaanii,* eeyyee, Yerusaalem keessa jiraachuu isaanii itti fufu.+
7 “Yihowaan jalqaba dunkaanota Yihudaa ni oolcha; kanas kan godhu, bareedinni* mana Daawitii fi bareedinni* jiraattota Yerusaalem kan Yihudaa caalaa guddaa akka hin taaneefi. 8 Guyyaa sanatti Yihowaan jiraattota Yerusaalemiif ittisa ni taʼa;+ guyyaa sanatti isaan gidduudhaa namni gufatu* akka Daawit ni taʼa; manni Daawitis akka Waaqayyoo, akka maleekaa Yihowaa isaan dura deemuu ni taʼu.+ 9 Guyyaa sanatti ani saboota Yerusaalem irratti dhufan hundumaa dhugumaan haxaaʼee nan balleessa.+
10 “Ani mana Daawitii fi jiraattota Yerusaalem irratti hafuura fudhatama argachuu fi hafuura wawwaannaa nan dhangalaasa; isaanis gara isa waraanan sanaa ni ilaalu;+ akkuma ilma tokkichaaf booʼanitti isaaf ni booʼu; akkuma ilma angafaatiif gaddanittis baayʼee isaaf ni gaddu. 11 Guyyaa sanatti booʼichi Yerusaalem keessa jiraatu, akkuma booʼicha Hadaadrimoon ishii dirree Megidoo keessatti argamtuu guddaa ni taʼa.+ 12 Biyyattiin ni boossi; tokkoon tokkoon maatii kopha kophaatti, maatiin mana Daawit kophaatti, dubartoonni isaaniis kophaatti, maatiin mana Naataan+ kophaatti, dubartoonni isaaniis kophaatti, 13 maatiin mana Leewwii+ kophaatti, dubartoonni isaaniis kophaatti, maatiin Shimeʼiiwotaa+ kophaatti, dubartoonni isaaniis kophaatti, 14 maatiiwwan hafan hundis tokkoon tokkoon maatii kopha kophaatti, dubartoonni isaaniis kophaatti ni booʼu.