LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yohaannis 13
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Yohaannis

      • Yesuus miila barattoota isaa dhiqe (1-20)

      • Yesuus Yihudaan gantuu taʼuu isaa dubbate (21-30)

      • Ajaja haaraa (31-35)

        • “Jaalala yoo waliif qabaattan” (35)

      • Pheexiros akka ganu raajiin ni dubbatame (36-38)

Yohaannis 13:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 16:28; 17:11
  • +Mat 26:2; Yoh 12:23; 17:1
  • +Yoh 15:9; Efe 5:2; 1Yo 3:16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    “Duuka Buutuu Koo Taʼi,” ful. 188-189

Yohaannis 13:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 22:3, 4; Yoh 13:27
  • +Mat 26:14-16, 24; Mar 14:10, 11

Yohaannis 13:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 16:28

Yohaannis 13:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Flp 2:5-7

Yohaannis 13:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    “Duuka Buutuu Koo Taʼi,” ful. 36-38

    Yesuus—Karaa, ful. 268

    Barsiisaa, ful. 38-39

Yohaannis 13:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 6:11; Efe 5:25, 26; Tit 3:5; Ibr 10:22

Yohaannis 13:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 6:64

Yohaannis 13:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 23:8

Yohaannis 13:14

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “dhiquuf dirqamni isin irra jira.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 22:27
  • +Mat 20:26, 27; Luq 9:48; 22:26; Rom 12:10; 1Ph 5:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 268-269

    Barsiisaa, ful. 38-39

Yohaannis 13:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Flp 2:5; 1Ph 2:21; 1Yo 2:6

Yohaannis 13:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 7:24, 25; Luq 11:28; Yaq 1:25

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    9/2018, ful. 4

Yohaannis 13:18

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “natti garagale.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 41:9; Mat 26:23
  • +Yoh 17:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 270

    Masaraa Eegumsaa,

    8/15/2011, ful. 13

Yohaannis 13:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 14:29; 16:4

Yohaannis 13:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 25:40
  • +Mat 10:40

Yohaannis 13:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:21; Mar 14:18; Luq 22:21; Yoh 6:70

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 270

Yohaannis 13:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:22; Luq 22:23

Yohaannis 13:23

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “bobaa isaa jala.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 19:26; 20:2

Yohaannis 13:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 21:20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 270

Yohaannis 13:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:23

Yohaannis 13:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 22:3, 4

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 270

Yohaannis 13:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 12:4-6

Yohaannis 13:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:20

Yohaannis 13:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 12:23

Yohaannis 13:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 17:1

Yohaannis 13:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 7:34; 8:21

Yohaannis 13:34

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 15:9
  • +Lew 19:18; Yoh 15:12; 1Ta 4:9; Yaq 2:8; 1Ph 1:22; 1Yo 3:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    “Duuka Buutuu Koo Taʼi,” ful. 205-206

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 361

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 18

    Masaraa Eegumsaa,

    1/15/2013, ful. 10-11

    7/1/2012, ful. 24

    11/15/2009, ful. 20

Yohaannis 13:35

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 13:8; 1Qo 13:8, 13; 1Yo 4:20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    3/2023, ful. 26-31

    “Duuka Buutuu Koo Taʼi,” ful. 205-206

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 90

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 361

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 18

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2009, ful. 20

Yohaannis 13:36

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 14:3

Yohaannis 13:37

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:33; Mar 14:29; Luq 22:33

Yohaannis 13:38

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:34; Mar 14:30; Luq 22:34; Yoh 18:27

Yaada Wal Simu

Yoh. 13:1Yoh 16:28; 17:11
Yoh. 13:1Mat 26:2; Yoh 12:23; 17:1
Yoh. 13:1Yoh 15:9; Efe 5:2; 1Yo 3:16
Yoh. 13:2Luq 22:3, 4; Yoh 13:27
Yoh. 13:2Mat 26:14-16, 24; Mar 14:10, 11
Yoh. 13:3Yoh 16:28
Yoh. 13:4Flp 2:5-7
Yoh. 13:81Qo 6:11; Efe 5:25, 26; Tit 3:5; Ibr 10:22
Yoh. 13:11Yoh 6:64
Yoh. 13:13Mat 23:8
Yoh. 13:14Luq 22:27
Yoh. 13:14Mat 20:26, 27; Luq 9:48; 22:26; Rom 12:10; 1Ph 5:5
Yoh. 13:15Flp 2:5; 1Ph 2:21; 1Yo 2:6
Yoh. 13:17Mat 7:24, 25; Luq 11:28; Yaq 1:25
Yoh. 13:18Fr 41:9; Mat 26:23
Yoh. 13:18Yoh 17:12
Yoh. 13:19Yoh 14:29; 16:4
Yoh. 13:20Mat 25:40
Yoh. 13:20Mat 10:40
Yoh. 13:21Mat 26:21; Mar 14:18; Luq 22:21; Yoh 6:70
Yoh. 13:22Mat 26:22; Luq 22:23
Yoh. 13:23Yoh 19:26; 20:2
Yoh. 13:25Yoh 21:20
Yoh. 13:26Mat 26:23
Yoh. 13:27Luq 22:3, 4
Yoh. 13:29Yoh 12:4-6
Yoh. 13:30Mat 26:20
Yoh. 13:31Yoh 12:23
Yoh. 13:32Yoh 17:1
Yoh. 13:33Yoh 7:34; 8:21
Yoh. 13:34Yoh 15:9
Yoh. 13:34Lew 19:18; Yoh 15:12; 1Ta 4:9; Yaq 2:8; 1Ph 1:22; 1Yo 3:14
Yoh. 13:35Rom 13:8; 1Qo 13:8, 13; 1Yo 4:20
Yoh. 13:36Yoh 14:3
Yoh. 13:37Mat 26:33; Mar 14:29; Luq 22:33
Yoh. 13:38Mat 26:34; Mar 14:30; Luq 22:34; Yoh 18:27
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Yohaannis 13:1-38

Wangeela Yohaannis

13 Ayyaana Faasikaa dura, Yesuus saʼaatiin inni addunyaa kana dhiisee gara Abbaa itti dhaqu+ gaʼuu isaa waan beekeef,+ warra addunyaa keessa jiran, warra kan isaa taʼanii fi jaallachaa ture sana hamma dhumaatti ni jaallate.+ 2 Yeroo kanatti irbaata nyaachaa turan; Diyaabilosis, Yihudaa Asqorotichi+ ilmi Simoon Yesuusiin dabarsee kennuu akka yaadu godhee ture.+ 3 Kanaafuu, Yesuus Abbaan wanta hunda harka isaatti dabarsee akka kenne, inni Waaqayyo biraa akka dhufee fi gara Waaqayyoo akka dhaqu waan beekeef,+ 4 irbaata irraa kaʼee uffata isa irraan uffatu lafa kaaʼe. Fooxaa fudhatees mudhii isaatti hidhate.+ 5 Sana booda qodaa dhiqataatti bishaan naqatee, miila barattoota isaa dhiquu fi fooxaa mudhiitti hidhate sanaan qoorsuu jalqabe. 6 Achiis gara Simoon Pheexiros dhufe. Innis, “Yaa Gooftaa, miila koo dhiquuf jettaa?” isaan jedhe. 7 Yesuusis deebisee, “Wanta ani gochaa jiru amma hin hubattu; booda garuu ni hubatta” isaan jedhe. 8 Pheexirosis, “Ati matumaa miila koo hin dhiqxu” isaan jedhe. Yesuus garuu deebisee, “Yoon si dhiqe malee,+ ati na biraa qooda hin qabaattu” isaan jedhe. 9 Simoon Pheexirosis, “Yaa Gooftaa, miila koo qofa utuu hin taʼin, harka koo fi mataa koos naaf dhiqi” isaan jedhe. 10 Yesuusis, “Namni qaama isaa dhiqate hundi guutummaatti qulqulluu waan taʼeef, miila isaa dhiqachuu qofatu isa barbaachisa. Isin qulqulluu dha, garuu hunda keessan miti” isaan jedhe. 11 Sababiin isaas, inni nama dabarsee isa kennu beeka ture.+ “Qulqulluu kan taʼe hunda keessan miti” kan jedhe kanaaf ture.

12 Miila isaanii dhiqee uffata isaa isa irraan uffatu erga uffatee booda, deebiʼee maaddiitti dhihaatee akkana isaaniin jedhe: “Wantan isiniif godhe hubattaniittuu? 13 Isin, ‘Barsiisaa’ fi ‘Gooftaa’ jettanii na waamtu; anis akkasuma waanan taʼeef kana jechuun keessan sirrii dha.+ 14 Kanaafuu, ani Gooftaa fi Barsiisaa taʼee utuun jiruu miila keessan ergan dhiqee,+ isinis miila keessan waliif dhiquu qabdu.*+ 15 Akkuma ani isiniif godhe, isinis akkanuma akka gootan ani fakkeenya isiniif taʼeera.+ 16 Dhuguma dhuguman isiniin jedha, garbichi gooftaa isaa irra hin caalu, inni ergames isa isa erge irra hin caalu. 17 Isin wantoota kana yoo beektanii fi yoo hojii irra oolchitan gammadoo dha.+ 18 Ani waaʼee hunda keessanii dubbachaa hin jiru; ani warran filadhe beeka. Kun kan taʼe garuu, wanti Kitaabonni Qulqulluun, ‘Inni nyaata koo nyaachaa ture koomee isaa ana irratti kaaseera’*+ jedhanii dubbatan akka raawwatamuufi.+ 19 Yommuu wanti kun raawwatamu ani isa taʼuu koo akka amantaniif, ammaa jalqabee, raawwatamuu isaa dura ani isinitti himeera.+ 20 Dhuguma dhuguman isiniin jedha, namni isa ani ergu simatu hundi anas ni simata;+ namni anaan simatu hundi immoo isa ana erge sanas ni simata.”+

21 Yesuus wantoota kana erga dubbatee booda, garmalee dhiphatee, “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, isin keessaa tokko dabarsee na kenna” jedhee ifatti dubbate.+ 22 Barattoonni isaas inni waaʼee eenyuu dubbachaa akka jiru wallaalanii wal ilaaluu jalqaban.+ 23 Barattoota keessaa tokko, inni Yesuus jaallatu sun,+ Yesuusitti siqee* taaʼee ture. 24 Kanaafuu, Simoon Pheexiros barataa sanatti mataa isaatiin mallattoo argisiisee, “Inni waaʼee eenyuu dubbachaa akka jiru nutti himi” isaan jedhe. 25 Kanaafuu, barataan sun qoma Yesuusitti siqee, “Yaa Gooftaa, eenyu dha?”+ isaan jedhe. 26 Yesuusis, “Isa ani daabboo cabduu kana cuuphee kennuuf sana dha” jedhee deebise.+ Kanaafuu, daabboo sana erga cuuphee booda, fuudhee Yihudaa ilma Simoon Asqorotichaatiif kenne. 27 Yihudaan daabboo cabduu sana erga fudhatee booda Seexanni isatti gale.+ Kanaafuu Yesuus, “Wanta gochaa jirtu, dafii godhi” isaan jedhe. 28 Taʼus, warra maaddiitti dhihaatan keessaa tokko illee inni maaliif akkana akka isaan jedhe hin hubanne. 29 Isaan keessaa tokko tokko, Yihudaan saanduqa maallaqaa waan qabatuuf+ Yesuus, “Wanta ayyaanichaaf nu barbaachisu biti” kan jedheen yookiin hiyyeeyyiidhaaf waa akka kennu isatti himaa kan jiru isaanitti fakkaatee ture. 30 Kanaafuu, Yihudaan daabboo cabduu sana erga fudhatee booda, yeruma sana gad baʼe. Yeroon isaas halkan ture.+

31 Yommuu inni gad baʼus Yesuus akkana jedhe: “Amma Ilmi namaa ulfina argateera;+ Waaqayyos karaa isaa ulfina argateera. 32 Waaqayyo ofuma isaatii ulfina isaaf ni kenna;+ inni yeruma sana ulfina isaaf ni kenna. 33 Yaa ijoolle, ani yeroo gabaabaadhaaf isinii wajjin jira. Isin na barbaaddu; akkuman Yihudootaan, ‘Isin bakka ani dhaqu dhufuu hin dandeessan’+ jedhe, amma immoo isiniinis nan jedha. 34 Akka isin wal jaallattaniif ajaja haaraa isiniif nan kenna; akkuman isin jaalladhe,+ isinis wal jaalladhaa.+ 35 Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”+

36 Simoon Pheexiros, “Yaa Gooftaa, eessa dhaqxa?” isaan jedhe. Yesuusis deebisee, “Bakka ani dhaqutti ati amma na duukaa buʼuu hin dandeessu, booda garuu na duukaa buuta” jedhe.+ 37 Pheexirosis, “Yaa Gooftaa, amma maaliifan si duukaa buʼuu hin dandaʼu? Ani siif jedhee lubbuu koo dabarsee nan kenna” isaan jedhe.+ 38 Yesuusis deebisee, “Ati anaaf jettee lubbuu kee dabarsitee ni kennitaa? Dhuguma dhuguman siin jedha, kormaan indaaqqoo iyyuu isaa dura ati siʼa sadii na ganta” jedhe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi