LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Fakkeenya 3
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Fakkeenyaa

      • Ogeessa taʼi, Yihowaatti amanami (1-12)

        • Qabeenya kee isa gatii guddaa qabuun Yihowaadhaaf ulfina kenni (9)

      • Ogummaan gammachuu argamsiisa (13-18)

      • Ogummaan tasgabbii argamsiisa (19-26)

      • Amala gaarii warra kaanitti argisiisuu qabnu (27-35)

        • Yeroo dandaʼamutti warra kaaniif wanta gaarii godhi (27)

Fakkeenya 3:1

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “seera.”

Fakkeenya 3:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 5:16

Fakkeenya 3:3

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “dhugaan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Hos 12:6
  • +Kes 6:6, 8

Fakkeenya 3:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Qo 8:21

Fakkeenya 3:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 26:4; Er 17:7
  • +Fak 28:26; Er 10:23; 1Qo 3:18

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname, mataduree 14

    Masaraa Eegumsaa,

    9/15/2013, ful. 24

    11/15/2011, ful. 6-10

Fakkeenya 3:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 23:2, 4; Nah 1:11; Flp 4:6
  • +Iya 1:7; Fr 25:9; Yaq 1:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname, mataduree 14

    Masaraa Eegumsaa,

    9/15/2013, ful. 24

Fakkeenya 3:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 26:12; Rom 12:16

Fakkeenya 3:8

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “handhuura.”

Fakkeenya 3:9

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Galii.”

  • *

    Ykn., “isa hunda caalaa gaarii taʼeen.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 31:50; Kes 16:16; Luq 16:9; 1Xi 6:18
  • +Bau 23:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 55

    Masaraa Eegumsaa,

    6/15/2013, ful. 14-15

Fakkeenya 3:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 31:10; Mil 3:10

Fakkeenya 3:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 15:32; Ibr 12:5, 6
  • +Fr 94:12

Fakkeenya 3:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 8:5; Ibr 12:7, 9; Mul 3:19

Fakkeenya 3:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lal 7:12

Fakkeenya 3:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iyo 28:15, 18

Fakkeenya 3:15

Miiljaleewwan

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali.

Fakkeenya 3:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Flp 4:9

Fakkeenya 3:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 1:1, 2

Fakkeenya 3:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 104:24
  • +Fak 8:27; Er 10:12

Fakkeenya 3:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iyo 36:27; 38:37; Er 10:13

Fakkeenya 3:21

Miiljaleewwan

  • *

    Kun amalawwan Waaqayyoo warra lakkoofsota olii irratti ibsaman kan argisiisu fakkaata.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    12/2023, ful. 25-26

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 273-274

    Dammaqaa!,

    Lakk. 1 2021, ful. 8

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    10/2016, ful. 18

Fakkeenya 3:22

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu keetiif.”

Fakkeenya 3:23

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “homaatti iyyuu hin rukutamu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 26:7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    10/2016, ful. 18

Fakkeenya 3:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 3:5; Fak 6:22
  • +Lal 5:12

Fakkeenya 3:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 73:12, 19
  • +Fr 27:1

Fakkeenya 3:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 10:29; 28:1
  • +Fr 91:14

Fakkeenya 3:27

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Harki kee humna isaa yoo qabaate.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 15:7, 8; Fak 28:27; Yaq 2:15, 16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    10/15/2010, ful. 15

Fakkeenya 3:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 6:16, 18

Fakkeenya 3:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 12:18
  • +Fak 18:6; 20:3

Fakkeenya 3:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 37:1; Fak 23:17

Fakkeenya 3:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 6:16, 17
  • +Fr 15:1, 2; 24:3, 4; 25:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 8

Fakkeenya 3:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 28:15; Iya 7:24, 25; As 9:24, 25
  • +Iyo 42:12, 13; Fr 37:25

Fakkeenya 3:34

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 19:29
  • +Fr 37:11; 138:6; Isa 57:15; Yaq 4:6

Fakkeenya 3:35

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +As 6:11, 12; Fak 12:8

Yaada Wal Simu

Fak. 3:2Kes 5:16
Fak. 3:3Hos 12:6
Fak. 3:3Kes 6:6, 8
Fak. 3:42Qo 8:21
Fak. 3:5Isa 26:4; Er 17:7
Fak. 3:5Fak 28:26; Er 10:23; 1Qo 3:18
Fak. 3:61Sa 23:2, 4; Nah 1:11; Flp 4:6
Fak. 3:6Iya 1:7; Fr 25:9; Yaq 1:5
Fak. 3:7Fak 26:12; Rom 12:16
Fak. 3:9Lak 31:50; Kes 16:16; Luq 16:9; 1Xi 6:18
Fak. 3:9Bau 23:19
Fak. 3:102Se 31:10; Mil 3:10
Fak. 3:11Fak 15:32; Ibr 12:5, 6
Fak. 3:11Fr 94:12
Fak. 3:12Kes 8:5; Ibr 12:7, 9; Mul 3:19
Fak. 3:13Lal 7:12
Fak. 3:14Iyo 28:15, 18
Fak. 3:17Flp 4:9
Fak. 3:18Fr 1:1, 2
Fak. 3:19Fr 104:24
Fak. 3:19Fak 8:27; Er 10:12
Fak. 3:20Iyo 36:27; 38:37; Er 10:13
Fak. 3:23Isa 26:7
Fak. 3:24Fr 3:5; Fak 6:22
Fak. 3:24Lal 5:12
Fak. 3:25Fr 73:12, 19
Fak. 3:25Fr 27:1
Fak. 3:26Fak 10:29; 28:1
Fak. 3:26Fr 91:14
Fak. 3:27Kes 15:7, 8; Fak 28:27; Yaq 2:15, 16
Fak. 3:29Fak 6:16, 18
Fak. 3:30Rom 12:18
Fak. 3:30Fak 18:6; 20:3
Fak. 3:31Fr 37:1; Fak 23:17
Fak. 3:32Fak 6:16, 17
Fak. 3:32Fr 15:1, 2; 24:3, 4; 25:14
Fak. 3:33Iyo 42:12, 13; Fr 37:25
Fak. 3:33Kes 28:15; Iya 7:24, 25; As 9:24, 25
Fak. 3:34Fak 19:29
Fak. 3:34Fr 37:11; 138:6; Isa 57:15; Yaq 4:6
Fak. 3:35As 6:11, 12; Fak 12:8
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Fakkeenya 3:1-35

Fakkeenya

3 Yaa ilma koo, barumsa* koo hin irraanfatin,

Garaan kees ajajawwan koo haa eegu,

 2 Sababiin isaas, isaan waggoota hedduu,

Bara jireenyaa fi nagaa siif ni dabalu.+

 3 Jaalalli amanamaanii fi amanamummaan* akka si dhiisan hin godhin.+

Morma keetti isaan hidhadhu;

Gabatee garaa keetii irratti isaan barreeffadhu;+

 4 Sana booda Waaqayyoo fi nama duratti fudhatama ni argatta,+

Hubannaa gaarii akka qabdus ni argisiista.

 5 Garaa kee guutuudhaan Yihowaatti amanami,+

Hubannaa ofii keetiittis hin hirkatin.+

 6 Daandii kee hundumaa irratti tilmaama keessa isa galchi,+

Innis daandii kee wal siif qixxeessa.+

 7 Ogeessa akka taatetti of hin ilaalin.+

Yihowaa sodaadhu, wanta hamaa irraas fagaadhu.

 8 Kunis, qaama* keetiif fayyina,

Lafee keetiifis boqonnaa argamsiisa.

 9 Qabeenya kee isa gatii guddaa qabuun,+

Oomisha* kee hundumaa keessaa firii isa jalqabaatiin*+ Yihowaadhaaf ulfina kenni;

10 Gootaraan kee guutummaatti ni guuta,+

Boolli kee inni wayinii itti cuunfanis daadhii wayinii haaraadhaan guutee dhangalaʼa.

11 Yaa ilma koo, adaba Yihowaa hin didin,+

Sirreeffama isaas hin jibbin.+

12 Akkuma abbaan tokko ilma isaa isa jaallatu adabutti,

Yihowaanis warra jaallatu ni adaba.+

13 Namni ogummaa argatu,+

Namni hubannaa qabus gammadaa dha;

14 Ogummaa argachuun meetii argachuu irra,

Akka buʼaatti ishii argachuunis warqii argachuu irra wayya.+

15 Ishiin elellaa* caalaa gatii guddaa qabdi;

Wanti ati hawwitu kam iyyuu ishiidhaan qixxaachuu hin dandaʼu.

16 Umurii dheeraan karaa harka mirgaa ishii,

Badhaadhinnii fi ulfinnis karaa harka bitaa ishii jiru.

17 Daandiiwwan ishii nama gammachiisu,

Karaawwan ishii hundis nagaa qabu.+

18 Warra ishii qabataniif, ishiin muka jireenyaa ti,

Warri cimsanii ishii qabatanis gammadoo jedhamu.+

19 Yihowaan ogummaadhaan lafa hundeesseera.+

Samiiwwanis hubannaadhaan cimsee dhaabeera.+

20 Beekumsa isaatiin, bishaanonni gad fagoon gargar hiramaniiru,

Samiiwwan duumessa uffatanis fixeensa roobsaniiru.+

21 Yaa ilma koo, isaan* ija kee duraa hin badin.

Ogummaa fi dandeettii yaaduu eeggadhu;

22 Isaan siif* jireenya ni kennu,

Morma keetiifis faaya ni taʼu;

23 Atis nagaadhaan daandii kee irra ni deemta,

Miilli kees matumaa hin gufatu.*+

24 Yommuu ciistu homaa hin sodaattu;+

Ni ciista, hirribni kees gammachiisaa ni taʼa.+

25 Naasuu akka tasaa dhufu kam iyyuu,

Obomboleettii hamoota irratti dhufaa jirus+ hin sodaattu.+

26 Sababiin isaas, Yihowaan madda amanannaa kee ni taʼa;+

Miilli kees akka hin qabamne ni eega.+

27 Gargaaruuf humna yoo qabaatte,*

Warra isaan barbaachisuuf wanta gaarii hin dhowwatin.+

28 Ammuma kennuu kan dandeessu yoo taʼe,

“Amma deemi, booda deebiʼii kottu! Boru siifan kenna!” namaan hin jedhin.

29 Utuma inni sodaa malee sii wajjin jiraachaa jiruu,

Nama irratti wanta hamaa hin yaadin.+

30 Wanta hamaa tokko illee si irratti hin raawwanne taanaan,+

Sababii malee namaa wajjin wal hin lolin.+

31 Nama hamaatti hin hinaafin,+

Daandii isaa isa kam iyyuu hin filatin;

32 Sababiin isaas, Yihowaan nama jalʼaa ni jibba,+

Warra qajeelota taʼanii wajjin garuu michummaa cimaa qaba.+

33 Abaarsi Yihowaa, mana isa hamaa irra jira,+

Mana qajeelotaa garuu ni eebbisa.+

34 Inni warra qoosanitti ni qoosa,+

Garraamotatti garuu gaarummaa ni argisiisa.+

35 Ogeeyyiin ulfina ni dhaalu,

Gowwoonni garuu salphinaaf kabaja kennu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi